Waxabajjii 19,2015
11639862_728757243937015_1377064646_oAanaa Adaamaa ganda qonnaan bulaa Marabbee Marmaarsaa  keessaa gabaasi Qeerroo naannichaa  akka addeessutti akkuma beekamu mootummaan abbaa irree filmaata dura ummata goyyoomsuf tajaajiloota yeroodhaf kanneen akka ibsaa,bishaani fi kkf gandarra deemee galchaa turuun isaa ni yaadatama.haa ta’u malee ummatni tooftaan Wayyaanen yeroodhaa yerootti umrii bittaa dheerefachuuf itti jijjiiraa ture kun dursee waan hubateef sagalee tokkollee osoo hin laatiniif paartii KFO tif kennuun isaa kan yaadatamuudha.11543045_728756600603746_673656104_o
Haala kanaan mootummaan abbaa irrees diddaa uummataa kanatti kan dallane tajaajiloota filmaata dura galche sana irra deemee buqqqisuu fi ciruu eegalee jira. Aanaa Adaamaa G/Q/B,Marabbee Marmaarsaa keessatti jiraattota muraasa irraa isin sagalee nuuf hin laatne akkasumas ummata nurratti kakaasaa jirtan jechuun hujummoo bishaanii jalaa buqqisee jiraattotni kun rakkoo bishaan dhugaatif saaxilamaa jiru , egaa yaa lammii koo “Surree jilbarraan dhumte Abbaatu waraannata Deega ijoollummaan dhufte Abbaatu tattaafata “akkuma jedhan ,mirga keenyaaf qaama biroo otoo hin taane numa mataa keenyaadha falma finiinsaa jedhu jiraatoti naannichaa.
11642108_728756840603722_10290469_o