Sadaasaa 23,2015 Godinaalee Dhihaa Oromiyaa Humna waraanaa Wayyaanee fi Pooliisii Federaalaan eegaamaa jirti, Mooraan yuunibarsiitii Jimmaa humna waraanaa Magaalaa Jimmaa keessa buufatee jiruun Addatti eegamaa jira.
Godinaaleen dhihaa Oromiyaa fi Dhaabbileen barnoota Olaanoo Godinicha keessatti argamaan humna warraana wayyaaneen eegamaa jiru.
Mootummaan Wayyaanee yaaddoo fi soda guddaa barattootni Oromoo uummata dabalachuun Hiriira mormii master pLanii Finfinnee nurratti fi magaalota Oromiyaa narratti kaachisuuf jechuun rafama guddaa keessaa galuun yakka ulfaataa uummata Oromoo irratti rawwachaa jiru jabeessuun waraana isaa uummataa fi barattoota Oromoo irra qubsiisuun ukkamsuu fi sodaachisuuf yaalii wayyaaneen gochaa jiruu uummatni haalli mirga keenyaaf falmachuuf eenyuun iyyuu haayyama kan hin gaafatnee ta’uu uummatni OROomoo fi barattootni Oromoo ibsaa kan jiranidha.
Haaluma kana irraa ka’uun Waraannii Wayyaanee Dhabbilee barnoota dhihaa Oromiyaa keessatti argamuu fi Magaaloota dhihaa Oromiyaa
kanneen akka Yuunibarsiitii Amboo fi magaalaa Amboo, Gudar, Geedoo, Baakkoo, Yuunibarsiitii wallaggaa fi Magaalaa Naqemtee, Yuunibarsiitii
Jimmaa fi magaalaa Jimmaa, Yuunibarsiitii Mattuu fi Magaalaa Mattuu fi Baddallee , Yuunibarsiitii Gimbii, fi magaalaa Dambii Doolloo,
Magaalaa Shaambuu, Finca’aa , Yuunibarsitii walisoo fi Magaalaa Walisoo, Magaaloota naannawaa Finfinnee :Sabbataa, Burraayyuu,
Holotaa, Giincii, Sulultaa, Sandaafaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii dabalatee magaalaawwaan Oromiyaa fi dhaabbileen barnootaa Oromiyaa
keessa jiran manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa iyyuu dabalatee humna Poolisaa fi baasaasa wayyaaneen eeggichaa guddaan godhama jira.
Uummatni fi dargaggootni Oromoo bakka hundattuu mootummaa Wayyaanee Oromiyaa diiguu fi Oromoo balleessuuf karoorfate dura dhaabbachuun FDG itti kaachisuun falmachuuf qophii ta’uu dhaamsa waliif dabarsaa jiraachuu ibsame.