Thursday, October 3, 2013

Wayyaanee EPRDF Sabababoota adda addaan Uummata Oromoo nagaa irratti darara daangaa hin qabne gaggeessaa jira.


Onkoloolessa 03,2013
Mootummaan Wayyaanee Uummattoota Impaayera Itoophiyaa keessaa xiyyeeffannoon ilmaan Oromoo hidha, ajjeesa, saama, qeee irraa buqqisa… shira daangaa hin qabne irraan gaha. Gochaan farrummaa mootummaa wayyaanee kun yeroodhaa gara yerootti dhihee bariiu caala malee hin hiratu. Kun sababawwan gurguddaa armaan gadii irratti xiyyeeffatamuun hojjetama.
1. Lafti Oromiyaa lafa qabeenya Uumamaan badhaate, albuudota hedduu qabdu, lafa investimentiif mijattuu… dha. Impaayera biyyattii keessatti biyya DIAMOND taate dha. Mootummaan wayyaanees bittaa umrii isaa dheereffachuuf hojiin hojjetu inni guddaan dinagdee isaa guddifachuu dha. Dinagdeen mootummaa wayyaanee guutummaan guutuutti jechuun kan dandaamu qabeenya lafa Oromiyaa irraa argamuuni dha. Lafa Oromiyaa irraa dinagdeen kamuu galii hin tahu taanaan humni wayyaanee dadhabaa tahuu irraa itti fufinsaa fi xiyyeeffannoon lafa Oromiyaa barbaadu. Kanaaf Uummata Oromoo hidhuun, ajjeesuun gaaffii abbaa biyyummaa tasa akka hin kaasne gochuuf waan hojjetaniif ilmaan Oromoo nagaa mana hidhaatti ukkaamsu.
2. Uummatni Oromoo mootummaan wayyaanees tahe nafxanyummaan biyya isaa keessatti akka hin diriirreef qabsoo wal irraa hin citnee fi wareegama qaqqaalii gaafatan taasisaa as gahe. Qabsoon uummattoota biro Impaayera biyyattii keessaa akkasiin Jaarmayaan qindoomina qabuu fi muuxannoo qabu hin jiru. Kun ammoo mootummaa wayyaanee daran dhiphisa. Jaarmayaan muuxannoo qabu aangoo irraa darbuu akka dandau akkasumas haqa qabeessa tahuu irraa uummata waan hawwatuuf uummata harkaa baasuu dandaa. Paartiiwwan amaaraa hedduun wayita diddaa taasisan hin hidhu. Kunis jaarmayaan isaan qabanii fi muuxannoon isaanii dadhabaa akkasumas ajandaan isaanii ajandaa abbaa biyyummaa osoo hin taane aangoo barbaacha tahuu beeka. Uummatnis haalaan akka hin hawwatamneef haalaan waan beekuuf xiyyeeffannoo ilmaan Oromoo irratti taasisee duula gaggeessa.
3. Gaaffiiwwan mirgaa Uummata Oromoon taasifaman rakkoowwan uummata biyyattii furuu kan dandau tahuu wayyaaneen haalaan beeka. Gaaffiiwwan akkanaa hidda qabannaan uummatni lammii biroon qabsoo kana waliin akka hiriirus beeka. Gaaffiiwwan mirgaa OPDO keessatti kaan illee paartiiwwan EPRDF tahan TPLF, ANDM, SEPDM mara keessatti diigumsa waan uumaniif ABO jaarmaya Uummata Oromoo waan taheef habashootnis kana waan beekaniif osoo dhugaan jiru hin dubbatamiin mana hidhaatti ilmaan Oromoo ukkaamsa.
Egaa sababoota gurguddaan Wayyaanee irratti xiyyeeffachuun uummata Oromoo nagaa mana hidhaatti ukkaamsu hangi tokko kanneen armaan olii kana.

Wednesday, October 2, 2013

Gaaffiin daballii miindaa jalqabame itti fufuun waarshaa Sukkaaraa Tandaahoo keessatti gara hojii dhaabuutti cehe

Onkoloolessa 03,2013 Finfinnee
Diddaan Hojjettootaa mootummaa Wayyaanee irratti finiinuu kan eegale umriidhaan bubbulaa jira. Rakkoowwan siyaasaa biyyattii keessaa waliin wal qabachuun uummatni Impaayera biyyattii keessaa guutummaan rakkoowwan garaa garaaf saaxilamee jira. Rakkoon hanqina miindaa, qaalainsa jireenyaa, malaammaltummaa, hojii dhabdummaa hanqina bulchinsa gaarii irraa kanneen dhufan keessaa hangafoota. Hojjettootni mootummaas waajjiraalee fi dhaabbiilee garaa garaa keessaa dabalinsa miindaa gaafachuu kan eegalan ammas daran jabeessuun Hojjettootni waarshaa Tandahoo dabalinsa miindaa cichanii gamtaan gaafatan. Gaaffiin keenyas deebii hin argatu taanaan hojii akka dhaabnu mootummaan wayyaanee haa beeku jechuun jala sararanii beeksisan. Mootummaan wayyaanee kutannaa kanaan kan baarage doorsisaan kanneen gaaffii kana gaafattan shororkeessitoota jechuun mana hidhaatti ukkaamsee jira. Hojjetaan waarshaa kanaa Irrigation irraa Alamaayyoo Mitikkuu jedhamu sababa kanaan kan hidhame yoommuu tahu hojjettootni gamtaan diddaa isaanii jabeessanii jiran. Itti gaafatamaan waarshaa kanaa Abaay Tsehaayyee kan jedhamu gaaffii kanaaf hatattamaan deebii barbaaduuf waadaa kan seene tahuu beeksisuun guyyaa haraa federaalota hedduumminaan bobbaasuun hojjettoota humnaan hojjechiisuuf duula gaggeessaa jiru. Hojiin waarshaa kanaas gaaffiiwwan mirgaa akkanaan laamshaaa jira. Hojjettootni waarshaa Sukkaara Fincaaaas gaaffiiwwan mirgaa wal fakkaataan hojii dhaabanii turuun isaanii ni yaadatama.

“Waa Malli Nu Dhibus,….Keessaa Baana Rakkoo!”

Dhaabasaa Waaqjiraatiin | October 1, 2013
SONY DSC(Oromo Media) — Guyyaan Irreechaa sirna hoo’aa fi miidhagaan kabajame. Sagantaan sun akka xumurameen kaa ijoollee fi maatii isaanii waliin gama qe’ee isaaniitti deebi’aan; kaan immoo gara qophii isa galgalaa, kan haga halkamaa (halkan-maayessa) fulla’uuf karoorafametti imalan. Sagantaan qophii bashannannaa kun kan qophaa’e galgala keessaa haga halkan waariitti waan ta’eef, namuu suuta gara qophiitti yaa’ee dhufe.
Dhugaadha, jalqabaa irratti namoota muraasa callaatu mul’ata ture; san kan arge, qophiin waan hafe se’ee deebi’uu illee kan kajeele ture. Ammoo suuta suuta namni guutaa dhufee, qophiinis eegalamuun ifatti himame.
“Bagan nagaan dhuftan keessummoota keenya, kabajamoo fi jaalatamoo!”ergaan jedhu yeroo darbu, namuu bakka jiru irraa gurra isaa gara waltajjiitti kennuu eegale. Kan duraan dubabchaature, bakkuma jirutti use, wana darbuuf jedhu caqasuu eegale.
1016533_627259513962606_1714999801_nQajeelchitooti waltajjii lameen, dargaggooti lama: dhalaa fi dhiirri, waljalaa qabanii akka aadaa biyyaatti, tokko Afaan Oromoon, tokko Afaan English dhaan sagantaa himuu fi beeksisuu itti fufan. Warra afaan lamaan beekaniif lachuu wanauma tokko bifa addaddaatiin dubbatan. Eehee, qophiin kun qophii bashannanaa, kan guyyaa Irreechaa sababeeffachuun qophaa’e, qophii bashannana addaaa ti.
“Waa Malli Nu Dhibe”
Qophiin akkuma eegaleen, akeekni isaa himame. Akka waltajjii irraa himametti, qophiin kun artistoota Oromoo yeroo fi bakka addaddaatti sirnoota mootummaa Itoophiyaatiin wareegaman yaadachuuf kan qophaa’ee dha.
Sagantaa yaadannoo daqiiqaa muraasaa gochuun dura maqaaa artistoota Oromoo wareegaman tarreessuun kan eegale Artisti Tasfaayee Dhimmaa akka ibsetti, artistooti Oromoo aadaa fi afaan Oromoo guddisuuf wareega ulfaataa baasaa jiran lakkoofsaan hedduu dha.
“Yeroo Afaan Oroomoon dubbachuun akka boodatti hafummaatti ilaalamaa turee fi Afaan Oromoo tuffatamaa ture keessatti waltajjiitti bahuun akka aadaa fi eenyummaan Oromoo goobanee mul’atu gahee qaraa baasaa jiran,”  jedhe.
SONY DSC
Art Jawwee Booraa fi Art.Afandii Siyyoo
Artisti Tasfaayeen, itti dabaluunis, “artistooti Oromoo ijaa fi qaroo ummataa ta’an hedduun wareega qaalii waan baasaniif, har’a nuti bakka aknatti boonnee ittiin bashannanaa fi weellisaa jirra,” jechuun haala ulfaataa ummati Oromoo keessa taraa jiru yaadachiisee jira.
Kanneen mana hidhaa keessatti wareegaman, kanneen eelaa hidhaatiin ergamanii dhuman, kan akka Usmaayoo Muusaa, kanneen biyya Ambaatti wareegaman, kanneen biyya keessatti haala gara jabeenyaaatiin ajjeefaman keessaa haga tokko tarreessuun yaadannoon qalbii godhameefii jira.
Ittaansuunis, qophii kana irratti sirbi beekamaa fi jaalatamaa, “ Waa Mallii Nu Dhibee, Jenna Bitaa Mirgaa,”  jedhu akka dhiyaatu qindeessitoota waltajjiitiin beeksisame.
Walleen kun kan durii ti; seenaa fi ergaa jabaa qaba. Bara durii san keessa waan sirbameef, haala addaan yaadatama; dhibdeen bara san ture amma illee hundeen waan hin furmaneef immoo seenaa fi ilama qabsoon saba Oromoo keessatti akka ajaa’ibaattii jaalatama; leellifama.
Mannis akkanaan gara sagantaa bohaarsaa galgalaatti ce’e.
 Agarsiisa fi Shubbisa Aadaa
SONY DSCQophiin kun yeroo eegale, dargaggootaa uffannaa aada Oromiyaatiin faayamaniin kan dhiyaate agarsiisa eenyummaa Oromoo fi Oromiyaa mul’isuun ture. Shamarran akka lookoo gamanaa gamasitti dhodhommoqan yeroo uffannaa Oromootiin bareedanii, kuullee ibsaa keessaan gad-bahan namuu siiqsuu fi ililchuun isaan simate.
Asiif achi gaggaragalanii wal-lalaa, wal-mil’ataa yeroo isaaniif kenname keessatti of-mul’isanii ofirra deebi’an. Yeroo kan duraan bahee mul’ate deebi’u, kan ittaanu immoo caalatti addoomee as bahuun waltajjiichi akka miira gammachuun guutamu godhan.
Galgalli aadaa kun shubbisa Oromiyaa keessaatiin kan dabaalame yoo ta’u, sanatti aansuunis walleen aadaa fi ammayyaa haala hedduu miidhagaa ta’een dhiyaatee jira. Gidduu gidduutti seenuun gahee artistooti keenya aadaa, seenaa, afaanii fi eenyummaa saba keeyaa guddisuu keessatti bahaa jiran kan yaadachiisaa qophii bashannanaa kan qajeelchaa oolan, Aluulaa Moosisaa fi Iftuu Qaasim, immoo ummati Oromoo bakka iyuutti artistoota isaa jajjabeessuu akka qabu illee dhaamsa jajjabaa dabarsaa turan.
SONY DSC
Aluulaa Moosisaa
“Yeroo hambi haga ummata Oromoo hin geenyee waan xiqqoo qopheessee artisottota isaa gurra guddisaa jirutti sabni keenya qophii isaaf yaadamee, dadhabii fi bu’aa bahii hedduutiin qindeeffame irraa hanqachuu hin qabu,” jedhee kan dhaame Aluulaan, dubbii xiiqessaa akkanaa illee watajjicha irratti dubbatee jira.
Namuu aadaa Oromoo bahaa, dhiyaa, kaabaa, kibbaa, giddu galaa- moggaa kan aadaa fi kan ammayyaa waloodhaan shibbisaa, mirriqsaa ture.
Kessaayyuu, Artisttoti Jawwee Booraa, yeroo sirba onnee namaa kakaasu, kan akka dammaa mi’aawu, kan oggayyuu yaadaa fi qalbii namaa keessaa hin banne, kan eebbaa fi marabbaan guutameen gara watajjiitti bahe gammchuun mana keessaa dhageessisame akka hangaasuu hagayyaa gamanaa gamasii ka dilgaasee -qillesse ture.
Muuxannoo Halkamaa
SONY DSC
Iftuu Qaasiim
Namooti sagantaa kana irratti armagamn yaada kenaniin qophiin akkanaa keessayyuu dhalooti akka deebi’ee walqunnamuu fi aadaa fi eenummaa isaa waliin jiraatuuf gahee guddaa baasa jedhan. Kana malees, waan biyya isaanii keessatti deemaa jiru karaan itti beekanii fi argatan keessaa tokko qophii bashannanaa akkanaa waan ta’eef jabaatee itti fufuu qaba jedhanii jiru.
Qophiin galgala Bashannanaa Artistoota Oromoo dararaa mootummoota Habashaa dhufaa darbaan wareegaman yaadachuuf qophaa’e kun, dhugaatti, qophii haala hedduu miidhagaa fi hoo’aatiin eegalee xumuramee dha.
Qophii akkaan miidhagaa kanaan Oromoo kanneen bohaaressan, kanneen qunnamtii hawaasummaa jabeessan, kanneen ofitti amantummaa dhalootaaf hundee ta’an, kanneen Oromoota biyya isaanii irraa fagaatanii jiran deebisanii hundee isaanii walleedhaan walitti hidhuun akka waan biyya isaanii keessa jiraniitti waaressan kanneen taasisan mara, akkuma Irreechaatti, kan galateeffachiisuu dha. Gatiin isaanii illee jabaa dha. Irreechaa Halkamaan duuba dhaamsi darbes, waan tokko kan akeekuu dha; haga tokkummaan jirutti, dhibdeen keessaa hin bahamne akak hin jirre kan ifatti mul’isee dha.
SONY DSCWaltajjiin bohaarsaa, wallee Oromoo beekamaa fi jaalatamaa, kan “Tokkummaa” jedhuun marsamee goolabame kuniss, kan dhaamee darbe, ergaa isaa akkuma kaleessatti, har’as madda moosisaa kan ta’e, gamtaa Oromoo kan iyyaafatuu; waaltina Oromoo kan kadhatuu dha. Walleen “waa malli nu dhibee jenna bitaa mirgaa,” jedhus, akkuma barayyuu sanitti, leellifamaa jira. Garuu, walleeleen dhibdee callaa kan himan ta’uu immoo hin qaban. Yoo ta’eef, walleeleen kan mul’ata himan ta’uus qaban; kan dhibdee yadaleessan callaa otuu hin taane, kan furmaata walaleessan illee ta’uu qaban.
SONY DSCDhibdee keessa seenuun wanuma jiruu dha; walleen immoo dhibdee san keessaa akkamitti miiramanii yaadaan guutamanii hojiin akka bahan kan abdachiisan, madda furmaataa fi madda moosisaa, ta’uu qaban. Kuusaan Walleeleen Oromoos, yeroo waliin waan adeemuun guutamuu qaba; gootota haaraa wallee  durii san deebisanii haaromsan, kanneen “Waa Malli Nu Dhibus,….Keessaa Baana Rakkoo!”  jedhanii sanyii Oromoo aangomsan dachaa dachaadhaan maddisiisan waamaa jira; kanneen waan kaleessaa callaa irra deebi’anii yadaleessan, qofaa otuu hin taane, kanneen waan egeree illee Halkamaa keessaa dhimbiibanii baasan  akkaan barbaadaman!
1375868_627008700654354_2091930739_n

September 14, 2013 Oromo youth in Norway protested in front of Norwegian parliament in Oslo agents the dictator ethiopian regime for human right violat.

Top Latest Oromo News: Waamicha Yaadanno FDG (Fincila Diddaa Gabrummaa): Oslo, Norway – Sadaasa...9, 2013

http://bilisummaa-oromo.blogspot.no/2013/10/waamicha-yaadanno-fdg-fincila-diddaa.html


Waamicha Walgahii Ummataa, Konyaa ABO – Washington, DC, Sanbata Onkolo. 05, 2013

Barruu Waamichaa
Akkuma beekamu uummanni keenya erga gaafa humna Habashaan cabee waanjoon gabrummaa itti fe’amee qabee hacuucamaa fi ajjeefamaa har’a gahe. Kana iggitti itti tolchuufis ta’e wanjoo gabrummaa kana ofirraa gatuuf waan uummatoonni gabrooman hojjetanii gabrummaa jalaa of baasan hundayyuu hojjennee yoo argamne qofaa biyya keenyaa fi qabeenyaa keenyarratti abbaa ta’uu kan dandeenyu. Kanaaf, konyaan ABO Washington DC dhimma kana ilaalchisee walgahii uummataa deemsisuuf qopheesaa xuxmuratee guyyaa isaa eegataa jira. Akkasumas, akkaataa qabsoon biyya keessatti adeemaa jiru waan ibsi bal’aan godhamuuf, ummanni Oromoo Washington DC fi naannoo isheetti argamtan marti bakka kanatti argamtanii akka qooda keessatti fudhattan kabajaan isin affeerra.
IUOf!
Konyaa ABO – Washington, DC
Guyyaa: Onkoloolessa 05, 2013
Iddoo: Haward University,
Blackburn Digital Auditorium
2400 6th St. NW Washington, DC 20059

Sa’ati: 09:00wd – 09:00wb (09:00am – 09:00pm)

Tuesday, October 1, 2013

Gabaasaa Haala Kabaja Ayyaana Irreecha Harsadii fi Shira Ummata Oromoo Irratti Deemaa Jiru.


“ Hunda irra waan nama dhibuu uumata keenyas guddoo aarsee jiru keessaa inni guddaan, guyyuma uumanni Oromoo Irreecha kabajatu Warri Habashaa magaalaa Finfinnee keessatti  hiriira bahanii turan,Muutummaan Wayyaanee nama irraa qabdee hiite hin agarre.Ammoo Oromoo nagaan malkaa isaa irratti Irreefachuuf deemu karaatti qabdee hiraarsuu fi mannen hidhaatti guuraa turte. Gidiraan daangaa dhabeessi akkasii hamma yoomiittii??””  Gabaasa Qeerroo Bilisummaa
Gabaasa Qeerroo Fulbaana 30,2013 Finfinnee
Irreechairreeirreecha2013
Akkuma beekamu akka biyyoleessattis tahee akka addunyaatti kan beekamaa jiru guyyaan kabajaa ayyaana irreeffannaa magaalaa Bishooftutti Fulbaana 29 xmuramanee jira. Akkuma Qeerroon dursee uummanni Oromoo nageenyaan irreeffatee gara manaa isaatti galu labsama ture kanaan durfamee uummanni Oromoo hora Harsadee kana irratti nageenyaan irreeffatee milkaa’ee jira.Haata’u malee akkuma amaleeffate mootummaan wayyaanee guyyaa kana ilmaan Oromoo hidhuuf akeekkatee ka’ee jira kun duras kan guyyoota ayyaana oromoo irratti dargaggoota Oromoo hidhuun gidirsaa turuun isaa kan haalamu miti. Shakkii fi sodaa isaa irraan kan ka’e uummata bal’aa guyyaa jala bultii irraa kaasee hanga Fulbaana 29 tti magaala Bishooftuu fi naannoo isheetti konkolaataa dhaabsisuun korojoo uummataa hanga borsaa isaaniitti sakattaasisaa turuun isaa ifaadha. Akka karoora mootummaa wayyaanee irreecha baranaa kana irratti qophiin isaanii ciminaan akka irratti qophaayaa ture keessattuu dargaggoota oromoo hidhuuf karoorsee akka ture gama caasaa mootummaatiin odeessi isaa nugahaa tureera. Uummata Oromoo hora Harsadee kana irratti argaman gidduutti haala adeemsaa fi yaada uummataa kan toohatan huccuu civil fakkeessuudhaan tikoota isaa uummata keessa tamsaasee akka ture hubatamaa dha.Ilmaan Oromoo doorsisaa fi akeekkachiisa inni mul’isaa ture kanaaf sodaa fi boodatti jechuu malee uummanni bal’aan kuni ayyaanicha jalabultii irraa eegaluun haala oo’an kabajanii oolanii jiru.
Guyyaa; Fulbaan 29 uummanni Oromoo magaalaa Bishooftuu,Dukaam Sabbataa fi bakkoota adda addaa akkasuma daandii gubbaa asii fi achi socho’uudhaan sirboota aadaa fi seena uummata bal’aa faarsu weellisuun maalummaa fi sabbonummaa uummata oromoo kabachiisaa fi beeksisaa turaniiru. Sirboota aadaa uummata oromoo keessaa kan weellifamaa turan keessaa: