Onkoloolessa 27, 2014
Sagantich akka aadaa Oromootti eebba maanguddootaatin calqabamee. Itti aansuudhaan dura ta’aan hawaasichaa Dr, Tarrafaa Tsadik baga nagaan dhuftan jechuudhaan keesuummoota magaalootaa fi naannoo adda addatii dhufan erga simatani booda haasaa gabaaba godhani iruu. Haasaa isaanii keessattis waan hundumaa caalatti seenaa Oromoo keessatti dhimmoota iddoo oolaanaa qabanii fi waggaa kana keessa bakka gara-garaatti kan kabajamaan fakk. akka harma muraa fi harka muraa Aannolee, dhumaatii Calanqqoo fi waggaa 50ffaa waldaa Maccaa fi Tullamaa itti hundeeffame haasaa isaanni keessatti xuquudhan dhimootni kun seenaa saba Oromoo keessatti iddoo olaana qabachuu isaanni jamaa sagantaa kana irratti argamaan yaadachiissaniiru. Akkasumas gootoota oromoo haaqa saba oromootif yeroo adda addaa wareegamaniifis daaqqiqaa tokkoof akka yaadatman godhanii jiru.
Sana booda keessummoota akka dubbatan afeeramaan mataa duree adda addaa irrati haasa’anii jiru. Isaan keessaa kan duraa haasaa godhan obboo/Mr. Ulrich Delius yeroo ta’ani, isaanis bakka bu’aa dhaaba biyyaa Jatrmanii keessatti madheefatee jiru fi haaqa saba balaan badiissaa sodaachisuuf falmuu (Community for the endangered people) dhan. Mataa duree haasaa isaanni “Qotee bulaa oromoo lafa isaa irra buqqisuu fi miidhaa mootumaan Itioophiaa saba oromoo irrati geggeesaa jiru” kan jedhuu dha. Dhimma mirga namaa ilaalu kan Ganfa Afrikaa irratii gara waggoota 28 oliif nama hojeecha turaaan waan ta’aaniif baldhiinaan muuxxannoo qaban dhageefatoota isaaniif qoodaniiru. Keessuumatti miidhaan saba Oromoorrati mootummaa Itioophiyyaatiin gahaa jiru daraaramni hamaataa jira malee salphachaa akka hin dhufne nu hubachiissanni jiru. Akkasumas dhaaba isaani bakka bu’uudhan dhima kana Gamtaa Aurophaa ta’ee aangoo qabessa biyya Jarman warra dubbiich ilaalu hundumaa birratti qaaman argamuudhan gabaasaa akka turanii fi jiranu dubbataniiru. Obboo Delius akka jedhaanitti miidhaa saba oromoo irrati gahaa jiru hundumaa Gamtaan Aurophaa fi aangoo qabeesi biyya Jarman sirriitti kan beekanu yoo ta’u, bu’aan abbaa hirree mootummaa Itioophiyya irraa argachaa jiran waan caalsifataniif, miidhaa saba oromoorrati gahaa jiru beekaa dubbachuu dhiisani caalissuu filatanii jiru. Ejjannoon mootuma USA Amerikaas kana irraa akka adda hin taane haasaa isanii keessatti xuuqaniru. Waluuma galatti sabni Oromoo mirga isaa kabjiichiifaachuuf tokkumaa isaa jabbeesuun qabsoo calqabe cimsee it fufuu akka qabu hubachissuudhaan haasaa isaani xummuuraniru.
Itti aansuudhan kan haasaa goodhan hayyuu siiyaasa kana ta’an Dr. Dimmaa Nagaoo turan. Haasan isaan godhanis waa’ee Master Planii Finfinnee irrati kan xiyyeefatee ture. Finfinnee fi naannoo ishee irraa saba oromoo buqisuudhaan lafa isaa saamuun hardha kan calqabamee utuu hin tannee waggoota 130 dura eegale haaga ammaati kan itti fuufe akka ta’ee ibsaaniiru. Yeroo ammaa kana Finfinneen guutuumaa guutuuti kan warra habashoota ta’aa akka jirtu haala jiru irraa hubachuun nama hin dhibuu jechuudhan dubbii isanani keessatti xuuqaniiru. Haali kuun akkanatti yoo itti fuufe, yeroo gabaaba gidduutti magaaloota nannoo Finfinnee jirran hedduu irraa saba Oromoo buqqiissuu qofaa otoo hin taane, waan eenyuumaa oromoo ibsan kan akka aadaa fi afaan Oromoo naannoo sanaa baleessuu ta’aa. Sababa kanaaf Master Planiin Finfinnee hojii irra akka hin oolee sabni Orommo tokkoo ta’ee falmachuu fi dura dhaabachhu qaba jechuudhan dubbii isaanii xumuurranii jiru.
Gara dhumaarratti dura ta’aan hawaasa Gamtaa Oromoo kan ta’aan Dr. Tarrafaa Tsadik hojii hawaasichaa kan waggoota kurnan darban fiixan bahan fi mul’dhata (vision) haawasichi gara duraatif qabu baldhinaan gabaassanii ijru.
Xumuura irratti akkataa hawaasoota biyya Jarman jabeesuu danda’aamu irrati mariin ida goodhamee boodee bakki yeroo bashannanaatif gadi dhiifamee, artist Malaakuu Caalchisaa halkan guutuu jamaa sirbaa keenyaan akka gaariitti shubbiisiisaa/ragaddchiisaa bulee jira.
KHG Gamtaa Oromoo Frankfurt /Germany
No comments:
Post a Comment