Thursday, March 5, 2015

“TOKKUMMAA”


Gama kamiinu haa ta’uu, TOKKUMMAA nu barbaachisu kana goonfachuuf maal gochuu qabna ? Tokkummaan nuuti halkanii fi guyyaa himachaa jirru kana, akkamiin hojii irra oolchinee rakkoo keenya hiikkanna ? jedhee kan of gaafatef. deebiin isaa keessa isaa jiraachuu ni hubata. Kana malees, Tokkummaa argamsiisuu keessatti qoodi kiyya maalii ? jedhee of irraa eegalee kan gaafateef, Tokkummaa nuuti daangaa ceesifnee alaalatti ilaallu sun nu keessa jiraachuu hubata. Tokkummaa diina irratti ka’uuf nu barbaachiisu ummachuuf, nuutu gara Tokkummaatti deemuu qaba moo, Tokkummaatu miilaa fi harka baafatee nutti deemu qaba ? Tokkummaan gonkumaa nutti deemu hin danda’u. maaliif jennaan Tokkummaa kana diinatu nurraa dhorka ykn ofittummaa nu keessa jirutu achi nurraa dhiibaa waan jiruuf. Gonkumaa Tokkummaa nuuti barbaannu, qulqullaa’ee nutti deemuus hin danda’u. kana eeggachuun gawwummaadha. Dhala Oromoo hundaatu gara Tokkummaatti qajeeluu qaba. waan tokkummaa nurraa fageessee of keessaa baafnee fi shira diinaan mo’amuu dhiifnee Tokkummaatti qajeeluun dhuunfachuu qabna. Tokkummaan hojiidhaan ykn Hojiitu tokkummaa dhugeessa kan jedhamuuf kanaafi. Tokkummaan qabsaa’ootaa har’a hundee godhatee asi ba’aa jiru, waan dabree fi tokkummaa laaffise gara cinaatti dhiisanii, Tokkummaatti qajeeluuf murachuu isaaniitu hojii boonsaa akka hojjatan taasisee jira.
Tokkummaatti tarkaanfachuu wayita eegallu, wareegama akka baafnu hubachuu fi itti amanuun barbaachisaadha. addatti , fedhii dhuunfaan wal qabatee waan nu mudachuu danda’u irratti wareegamni ulfaataa akka nu eeggatu qalbifachuun dansaadha. fedhii dhuufaan mo’amnaan Waan tokkummaa jedhamu yaaduun gonkumaa hin danda’amu. “OFITTUMMAAN” diina Tokkummaati. “OF TUULUMMAAN” diina Tokkummaati. Ofittummaa fi of tuulummaan ammoo, aadaa Oromoo fi umama  Oromoo keessa gonkumaa hin jiran. Bara keessa Tokkummaa keenya booressuuf diinatu nu keessa kaa’ee . kanaaf namni Tokkummaatti deemu, ofittummaa fi of tuulummaa of keessaa yoo darbate , Tokkummaaf fira bara baraa ta’a. kana hundaa mo’anii daandii tokkummaatti qajeeluuf, wareegama guddaa gaafata. Summiin kun lamaan tokkon tokko keenya keessatti mana ijaarrataniii nu miidhaa jiraataniiru.kanaaf kaleessa kan qabsoo komate, dallanee taa’aa jiru,  maaltu na dhibeen of Moggeessee kan jiru,  Nam-tokkee fi qabsoo Ummata kanaa sadarkaa tokko irra kaa’ee harkaa fi miila kan maratee taa’ee,  dhimma Ummata isaa yaadachaa keessa ofitti kulkulfachaa kan jiraatu kkf hundumtuu summii diinni akka nuuti walii hin galleef nu keessa kaa’ee kana injifannee waan umama keenyaatti deebinee qabsoo kana tinnisuuf , wareegama guddaa nu gaafachuu hubannee , kan darbe seenaaf dhiifnee qabsoo Ummata kanaatti furmaata tolchuuf hunduu bakka jirutti socha’uun filamaata biraa akka hin qabne qalbifachuun dansaadha.
WALABUMMAA OROMIYAA FI BILISUMMAA OROMOO :
GOOTICHI AFRIIKAA KIBBAA MAANDEELLAAN, Biyyi isaanii wareegama Ummata Afriikaa Kibbaan Walaboomu fi Abbaan Biyyaa Bilisummaa goonfachuu isaatti Ummati akka malee gammachuun of wallaalee sirbu fi waan hundi akka xumurametti fudhatamuu ilaalanii Ayyaana tokko irratti akkas jedhanii dubbatan . “Bilisummaa kee wareegama keetiin argattee jirta . kun dhugumatti si gammachiisuu qaba . garuu waan qalbifachuu qabduutu jira. Bilisummaa jechuun , Alaabaa dhaabbachuu qofaa miti. Bilisummaa jechuun ajaja warra adii jalaa ba’uu qofaa miti. Bilisummaan kee inni dhugaa, gaafa guutummaatti Biyya kee waan hundaa dhunnfattee of Bulchiteedha. Dinagdeen Biyya keeti si harka hin  jiru. Bulchiinsi Biyya keetii Ammas warruma adii harka jira. Qabeenyaan kee lafa keessaa fi lafa irra jiru, si harka hin jiru. kanaaf gaafa kana kan kee taasifte, atis duroomtee qabeenyaan warra adiin gittee fi isaa ol taate, Bilisummaa dhugaa goonfatta. Kanaaf of gattee sirbaaf hin jarjariin” jedhan. Kun kan dubbatame, waggaa 1ffaa guyyaa Bilisummaa isaanii wayita ayyaanefatanidha.
Haasaa wal fakkaataa akkasii Biyyoonni qabsoon of Bilisoomsan irra deddeebi’anii dubbatu. Bilisummaan Gabrofattoota dachee keenyaa dhuunfata irraa qofa Bilisoomun akka hin dhaabbannee, Bilisummaan boodas Gabrummaan addunyaa kan biraa jiraachuu nu hubachiisa. Kana irraa waa hedduu baranna.1.hanga Bilisummaatti sochii taasifnu, 2,yeroo Bilisummaa sochii taasfnu, 3 Bilisummaan booda hojii nu eeggatu salphaa akka hin taaneedha. Kanaaf adeemsa qabsoo keenyaa har’umaa bal’ifannee saganteeffachuu fi humna qabnu hundaa hubannee , waan nu barbaachisuu irra oolchinee hojjachuun akka nu barbaachisu nu akeeka .
Bilisummaan wareegama qaaliin argama . kana addunyaa irraa hubannee jirra. Bilisummaan keenya ammoo, wareegama warri kaan gaafataman caalaa akka gaafatamnu fi qophii jabaa akka nu barbaachisu hubachuun dansaadha. Diinni nu dura dhaabbatee jiru of irraa kaasuuf sochii wal irraa hin cinnee fi afuura hin laanneef ta’uu akka qabu hubachuun gaariidha. Qophii sochii kanaan wal gitu irratti hojjachuu nu barbaachisa. Ummata keenya gama hundaan qophii barbaachisu akka taasisuuf ijaaruun hedduu murteessaadha. humnaan diina dura dhaabbachuuf akkuma yaallu, diina keessa isaa laaffisuuf irratti hojjachuun hedduu fardiidha. Kun dhaaboota siyaasaa qofaaf kan dhiifamuu miti. diina innikkaa wayyaanee qophaattii hanbisuuf irratti hojjachuu qabna . saboota cunqurfamoo ofitti qabnee jechuudha. Bilisummaan keenya Biyyoota dhihaa fi Habashootaaf hin liqifamu. Kana humnaan fudhachiisuun akka jirutti ta’ee, Ummatoota hegareen isaanii nu waliin hidhata qabanis , Gaaffii Bilisumaa akka kaasan jajjabeessuun barbaachisaadha.
Kana gochuuf hundumtuu bakka jirutti fira horachuu, isa horatan gurmeessuun hedduu barbaachisaadha. Jecha Bilisummaa qofa jettu qabannee ykn saganteeffannee deemuun qofti ga’aa hin ta’u. waan Bilisummaa boodaa fi duura jiru har’umaa irratti hojjachuun kan nu barbaachisu hedduudha. Karaa seeraa , karaa seenaa kkf waan addunyaan itti nu gaafattu waan jiruuf kana walitti qabachuun itti qophaa’uun yoo jiraate, Dirree siyaasaa keessatti hundumtuu wal hin dhiphisu. Hunduu akka Ogummaa fi dandeetti ykn beekumsa isaatti , yeroon itti barbaadamu ni dhufa. Yakkamtoota yeroon seeraaf dhiheessinu ni dhufa. Abbootii qabeenyaa hattootaan wal ta’ee Qotee bulaa keenya dachee isaa irraa buqqaasee fi hiraarse yeroon itti gaafatamu ni dhufa. Abbootiin qabeenyaa wayyaanee saamicha gaggeessaniif yeroon itti gaataman ni dhufa. Kan akka wayyaanee ragaa balleessu hin jiru . kanaaf waan har’a jiru boruu hin argannee of harkatti qabachuuf yaaluun Abshaalummaadha. Gama hundaanu hojiin hojjatamu lakkoofsa hin qabu. Yoo har’a itti hin qophaa’iin garuu gaabbuutu dhufa. Dhalooti waa hundaan bilchaatee dhimma Ummata isaa kana addunyaa qaabsiisee jiru kun , hegaree Oromiyaa fi Oromoof waan tolu har’a lafa kaa’ee dabruu qaba. bor dhalooti dhufu waan addunyaa ofitti makee rakkoo uumu dhufuu waan danda’uuf. Gama kanaan sochii itti jiranu beeku baadhuus, beektoonni keenya riphanii jiran , akkaataa dhimma Ummata kanaa ajandaa addunyaa taasisuuf waltajjii adda addaa qopheessuuf hojjachuu qabu. Kun Ummata kiyyaaf waa gumaachuun qaba jedhanii kan hojjataniidha.
TOFTAA DIINAA HORDOFANII FASHALSUU :
Gama kanaan Ummati keenya, addatti dhalooti qubee sochii boonsaatti jira jechuutu danda’ama. Diinni har’a nu dagee nu laaffifachuu barbaada. Shiroota adda addaan nu xaxee nu kuffisuu barbaada. Sabboonummaan akka nu keessatti hin dagaagneef waan qabnu nu dhabsiisuu barbaada. Wayyaaneen har’a , sabboonummaa Oromoo dhabamsiisuuf Aadaa fi Qooqa/Afaan Oromoo irratti dhiibbaan geesisaa jirtu salphaa miti. isheen kana haa yaaddu malee Ummati addatti Artistoonni sochiin itti jiran akka laayyootti kan ilaalamuu miti. wayyaaneen addatti dhaloota jiru tu’achuu fi hirkattuu Afaan fedaraalaa taasisuuf sochiin gama Artiin fi miidiyaan hojjachaa jirtu lakkoofsa hin qabu. Gabaabaatti qorichi shira ishe kanaa, sochii Artistootaa fi Ogeessitoota aadaa ol guddisanii , hojii isaanii tu’annaa wayyaaneen ala taasisuudha. Gama kanaan Ummati Oromoo addatti kanneen ogummaa kana of harkaa qaban Biyya keessaas haa ta’uu Biyya alaa deeggarsa irraa eegamu taasisuu qaban. Artistoonni kun maal dhaban ? deeggarsa maalii taasifnaaf ? kkf qoratanii Artistoonni biyya alaa humna ta’uufii qaban. Toftaan diinaa gama kanaan jiru, Artistoota kana hiyyoomsanii sochi isaanii akka dhaaban taasisuu waan ta’eef. Fakkeenyaaf, Ilmaan Oromoo Ogummaa Gaazexessummaa qaban , addatti haa xiqqaatanii Biyya alaa keessatti maal hojjachaa akka jiran ilaaluun ga’aadha. Odeeffannoon Ummati qalbii tokko akka qabaatu taasisuu keessatti qoodi gumaachaa jiran hedduu kan nama jajjabeessuudha. Hundumtuu ogummaa qabuun atakaaroo dhiisee gumaacha irraa eegamu yoo gumaache, kan kuunnooti jennu kunooti jechuun hin hafu. Toftaa diinaa kanaa itti fashalsan hundaa Ummata barsiisuu, Ummati waan eegalee akka hin dhaabne jajjabeessuu, sochii wayyaanee hundee ishee irraa buqqiisuu gaggeessuuf qophii ga’aa taasisuuf hundumtuu toftaa diinaa fashalsanii kan ofii irra aansuu irratti hojjachuun fardiidha.
NAAMUUSA SIYAASAA QABAACHUU :
Siyaasa keessatti Naamuus bakka ol aanaa qaba. dhaabaa fi Ummati Qabsoo gaggeessaa jiru, Naamuusa siyaasaa qabaachuun fardiidha. Har’a diinni nama basaasuu fi odeeffannoo argachuuf tattaaffiin taasisuu Teekinoolojiin deeggaramee sadarkaa tu’annaa dhala namaa ol ta’uuf deema. Oromoon garraamiidhaa yoo itti dhihaatan waan keessa isaa jiru hundaa dubbataa jedhama.kun amma tokko dhugaadha. Nama jaalachuu fi jibbuun ykn itti dhihaachuu fi irraa fagaachuun keenya tokkuma. Kun siyaasa keessatti bakka hin qabu. Sochii qabsoo Oromoo keessatti Naamuusa Siyaasaa dhaabuu irraa, balaan  nu irra ga’ee salphaa miti.  kanaaf iccitti ofii tikifachuun, Mata duree humni tokko irratti dubbate gadi baasanii kaaffee faa’aa keesstti irratti mari’achuu yaaluun, waan Ummati ofii itti jiru cidhaa fi bakka bashannanaa akkasumas lafa du’a ga’ii keessatti odeessuun, waan hundaa bakkaa fi yeroo isaa malee haasa’uun, Nama isa hin ilaallanne waliin dhimma siyaasaan qabame irratti dudubbachuun, Hojii gaazexessummaa fakkeessanii sochii jiru irratti gaaffii fi deebii humna kamiifuu kennuu irratti kkf irratti of eeggannoo gochuun barbaachisaadha. fkn. Wayyaaneen TV ebs jedhamu kan banteef, sochii dhaabbilees ta’uu namoota dhuunfaa Biyya alaa ittin basaasuuf, Namoota bebbeekamoo intarviiwu fakkeessanii haasofsiisuu fi Biyyatti akka galu taasisuu, miidiyaa wayyaanee irratti dhihaate jedhamee akka jibbamu taasisuu, sochii hawaasa alaa qorachuu fi warra Ummata dammaqisan adda baafatanii maallaqaan gawwamsuu kkf gaggeessuuf ebsn umami. Sadarkaan hojii basaasummaa kana irra ga’eera.
Addatti humna tokko keessatti Biyya keessaas haa ta’uu Biyya alaatti , Nama sochii tokkof bu’ura ta’ee bakka fedhetti isa faarsuun, dhaadheessuun diinaaf saaxiluudha. Diinni sochii san dhaabuuf nama sana dhaabuu irratti akka hojjattu taasisuudha. Naamuusi siyaasaa waa hedduu of keessaa qaba. aarii ofi of keessatti qabaatanii gumaa ba’uun, waan boruu gochuuf deemnu har’a aariin dubbannee waan yaadine fashalsiisuun akka jiru hubachuun dansaadha. Walumaa galatti , sochiin gama Naamuusa Siyaasaa taasifamuu hedduu hedduu murteessaadha. Wayyaanee Afaan Oromoo nu caalaa dubbattu irraa of eeggachuuf carraan qabnu hedduu dhiphaa waan ta’eef waan hundaa bakka maraatti firfirsuu irraa of qusachuun barbaachisaadha.
Walumaa galatti , Qabsoon nu eeggatu bal’aadha. Qophii gama hundaa nu gaafata. Kana gochuuf hundumtu wal dhaggeeffachuu fi qooda isaa gumaachuu irratti hojjachuu qaba. Abbootiin seeraa gurmaa’anii yakka Oromoo irratti raawwatamu Mana murtii edila addunyaa irratti falmuu qaban. Hundumtuu yoo akkas godhe adeemsi Oromoo hundi gama tokkotti qajeela. Taa’aanii hawwuun eessaanu nu hin ga’u. Sochii kana keessatti hirmaachuun yoo nuuf hin taane illee Dinagdeen akkaataa qabsoo kana itti deeggaruu danda’an jira. Kun hundi qindaa’ee Bilisummaatti nu geessuu qaba. Tokkummaan nu barbaachisu isa  kanadha. Kun hundi aadaa kaleessaa keessa jira ture. warri har’a jirrus jiraachuu isaa ni beekna . garuu itti hin gargaaramne. Kanaafan “BISHAAN KEESSA DHAABBATANII DHEEBOCHUUN QAANIIDHAA ” jedhe. Kan hafee waaqayyoo itti haa guutu.
GALATOOMAA  !       HORAA BULAA  !!1

No comments:

Post a Comment