Mudde 21,2017
Akkuma beekamu Uummanni Oromoo Godinaalee Beenishaangul Gumuz adda addaa keessa jiraatan waggootii 26 oliif hacuuccaafi shira mootummaan Wayyaanee xaxaa turteen, Uummata Gumuz, Bartaa, Shinaashaa fi kanneen biro waggoota dheeraaf wal kabajuu fi wal danda’uun jiraate yeroo adda addaa walitti buusaa tureera. Kunis uummata Oromoo naannichaa harka qullaa jireenyasaa jirachuuf oliif gadhi jedhu saba isa kaan hidhachiisuun duguuggaa sanyii kana hin jedhamne raawwachaa tureera.
Yeroo ammaas bifa qindaa’aa ta’een mootummaan Wayyaanee karoora walitti bu’insaa fi dhuminsa guddaa fiduu danda’u qinddeessaa turaniiru. Kunis akkuma uummata Oromoo naannoo sumaalee buqqisuun uummata Amaaraa naannichaas shira wal fakkaatuun buqqisuufi qabeenya Uumamaa naannichaa jechuunis Albuuda garaa garaa, lafa Qonnaa, Warqee, akkasmas Hidhaa Guddichaa Abbayyaan wal qabatee galii fi qabeenya karaa turiizimii jechuunis Hoteelotaa fi warshoolee adda addaa dhaabuun Guurrachuuf qophii xumuree jira.
Mootummaan Wayyaanee karoora kana galmaan gahachuuf jecha Aangawoota TPLF muraasaa fi jala deemtotaa fi dheebuu aangoof jecha saba isaanii kan guguran kanneen akka Dr. Amsaaluufaa qabachuun waan Uummata Shinaashaa, Gumuziifi saboota naannichaa biroof Oogan fakkeessuun oliif gadi fiigaa jiru. Kanaafis, shirri isaan Uummata Amaaraa naannichaa fi Saboota Naanichaa biroo gidduutti xaxan Dhumaatii fi Buqqa’insa saba qulqulluu Amaaraa yeroo darbe ta’e raga dha. Haa ta’uyyuu malee Shirri isaan Uummata Oromoo naannichaa fi Saboota naannichaa biroo gidduutti xaxan jaalalaa fi Aantummaa Saboonni naannichaa Uummata Oromoo naannichaaf qabaniin fashalaa’eera.
Haaluma wal-fakkaatuun karoorri kuni godinaalee fi kutaawwan naanichaa hedduutti iiti fufee hojii jalqabee jira. Kunis:
- Aanaa Yaasoo
Aanaan kuni iddoo uummanni Oromoo baay’inaan itti jiraatudha. Yeroo ammaa dhalattoonni Oromoo sagalii ol ta’an Oromummaa isaaniitiin qofa qabanii mana hidhaatti darbamaa jiru, himatamaniis mana murtiitti deddeebi’aa jiru. Isaan keessaa Barsiisaa Alemtesfaa Wayyesa Ayyanan isaan tokko.
Obbo Alemtesfaan barsiisaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa aanaa yaasoo fi Abbaan isaanii Obbo Wayyeessaa Ayyaanaa akkasu shiraa fi walitti bu’insa mootummaan wayyaanee bara 1986 uumteen loluma kanaa lubbuun isaanii darbiteetti.
- Magaalaa Asoosaa
Yeroo ammaa mootummaan wayyaanee lukkeeleeshee waraanaa leenjisuu fi Meeshaa hidhachiisuun basaasummaatti bobbaastee jirti. Kunis bifa hin shakkamneen Dubartii hoteela keessaa hojjettu, Namoota suuqii socho’aa hojjetan, Faddaalaa, Hojjetaa suuqii fi k.k.f. fakkeessuun Uummata oromoo naannichaa irratti bobbaaftee jirti. Kunis adda durummaan Dr. Amsaaluu (pirezidaantii Yuunivarsiitii Asoosaa) tiin kan hoogganamuufi gaggeeffamu ta’uun bira gahameera.
Ergamni hojii kanaas dhalattoota Oromoo magaalichaa Seenaa beekan, Hubannoo cimaa qaban, Waajiroolee keessa jiranii fi hojii dhuunfaa adda addaa hojjechaa jiran adamsanii basaasuun himata shororkeessumaan himachiisanii hidhaatti darbachiisuu akkasumas saba naannichaa wajjin walitti buusuun qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii akka godaanan gochuudha.
- Godina matakkal
Lakkoofsi uummata Oromoo godina Matakkal 50% gaha jedhamee yaadama. Akkasumas qabeenyi Uummata Oromoo godinichaas guddaa akka ta’e ni himama. Kanaafis jecha Mootummaan wayyaanee xiyyeeffannaafi karoora addaa baasuudhaan, Dhalattoota Oromoo naanichaa lafa jiranii adamsitee mana hidhaatti naqxee jirti. Dabalataanis qeerroo godinichaa Yuuniversiitiilee adda addaa keessa jiran hordofuun akka isaan qe’ee dhaloota isaaniitti hin deebine oduu sobaan “mootummaan isin hidhuuf isin barbaadaa jira” jedhuun sodaachisaa jirti. Kana malees barreeffamoota ejjennoo uummata Oromoo naannichaa hin calaqqisne bittinsuun ittiin dhalattoota Oromoo gaag’aa jirti.
Dhalattoota Oromoo Godinichaa Kudha tokko ta’anis himata irratti banuun yeroo ammaa mana hidhaa Qiliinxoo keessatti hiraaraa jirti. Ragaa namaa qabna jechuun uummata naannichaa dirqamaan gara mana murtiitti fiddus namoonni ragaaf dhufan Aantummaa fi Kabaja Uummata oromoof qaban ifatti mul’isaniiru. Yeroo ammaas namoota ragaaf waamamanii hafanii fi raga isaan barbaada kennuu didan dirqamsiisaa jiraachuun bira gahameera.
Akkasumas namoonni naannoo matakkalirraa ragaaf qophaa’an irraa shakkii waan qabaniif Namoota dhalootaan tigiree ta’an waa’ee uummata Oromoo naanichaas ta’e waa’ee hidhamtootaa homaa kan hin beekne Poolisoota Federaalaa kanneen kanneen akka Teklebirehaan G/Sillaasee faa maallaqaan bitachuun qophaa’aa jiraachuun bira gahameera.
Mootummaan naannoo Oromiyaa (Dh.D.U.O) hariiroo Obbolummaa Uummata Oromoo Naannoo Beenishaangul Gumuzii fi Uummata Oromoo naannichaa cimsina jechuun ololaa jira. Obbolummaa yoo ta’e ammayyuu Uummanii naannichaa uummata Oromoo cinaa dhaabbachaa jira. Yeroo ammaa Uummanni Oromoo naannichaa Olola utuu hin taane qaama shira kana dhaabsisu, Mirgoota bu’uuraa Uummata Oromoo naannichaa kanneen akka Afaaniin barachuu kabachiisu, dhalattoota Oromoo naannichaa Sobaa fi Cubbuun qabamanii mana hidhaa keessatti dararamaa jiran akka gadhiifan godhuu fi qaama qabsoo uummata Oromoo naannichaa cimsu barbaada.
Kanaafuu, Nuti dhalattoonni Oromoo naannichaa qaama kamiyyuu Sossobbaafi Ololaan qabsoo fi tokkummaa keenya dura goruu barbaadan ni balaaleffanna; Akkasumas Hidhamtoonni keenya Nuuf haa hiikaman; hacuuccaa fi shirri nurratti raawwataa jiru haa dhaabbatu; Uummanni Gumuz, Shinaashaa, Bartaa fi kanneen biroo obboloota keenya; Mirgaa fi qabeenya saba biraa kamuu itti hin buunu,
No comments:
Post a Comment