Qeerroo.org | Adoolessa 15, 2013
Ilamaan Oromoo bakka jiranitti diddaa gabrummaa agarsiisuu qabsoo wal irraa hin cintne gaggeessaa jiraachuun beekamaa dha. Qeerroon Bilisummaa biyya keessatti, dargaggootii fi hawaasi Oromoo biyya alaa irraan faajjii fi alaabaa Oromoo ol qabanii aduunyaatti beeksisuu fi diddaa farra Waayyaannee gaggeessuu irratti qooda ol-aanaa taphataa jiru.
Adoolessa bultii 14, 2013 biyya UK, magaalaa Leeds keeysatti dorgommii fiigichoo ykn kaachoo “Run For All Leeds 10 kilometers” jedhamee beekamu irratti Atleetni Oromoo beekamaan maqaan isaa Guddinaa Dabalee jedhamu mo’atee seenaa atileeti kessatti yeroo jalqabaaf alaabaa ABO ol kaasuudhaan gammachuu isaa ibsatee jira.
No comments:
Post a Comment