Adoolessa 13, 2013
Kabajamtoota Lammii Oromoo
Bakkuma jirtanitti nagaan keenya kan Waaqa Gurraacha Garaa Garbaa Leemmoo Garaa Taliilaa isin haaqaqqabu.Yeroo garaagaraatti barruulee ‘SIIFSIIN’ jedhamuufii kitaabota Afaan Oromoo hedduu maxxansiisaa jiraachuun keenya Oromoo biratti kan beekamedha. Ammas hojiin kun hojii akka abidda saafaa itti fufudha…
Akkuma beekamu aartiin saba tokkoo sabicha bakka bu’e dubbata. Waan aartii kanaa keessaa ammoo barruu/barroon isa tokkodha. Dhimmi afaaniin dubbatamu gara barreeffamaatti yoo dhufe ammoo nuti dabarrus bakka keenya bu’ee dhaloota itti aanuuf ergaa hinbanne ta’ee jiraata. Afoolli Oromoo beekumsa hammaaramee hindhumne of keessaa qaba; waa’een Oromoos barreeffamee dhuma natti hinfakkaatu.
Kabajamtoota Lammii Oromoofi Leellistoota Aadaafi Afaan keenyaa...
‘Tuullaa beekumsaa sammuu keenya keessa taa’ee dhokatee taa’u mannaa, barruu fal’aana tokko hawaasa keenya bira nuuf geesse wayya’ kan jedhu yeroo hunda natti dhaga’ama. Dhugumattuu taanaan dhaloonni keenya keessumattuu dargaggoonni keenya guddataa jiran kitaabota dubbisuufi seenaa darbe beekanii kan har’a ammoo qeequufi hubachuu barbaadu.
Maarree waan barreessinee of harkaa qabnu tokko gara barreeffamaatti fiduutu nurraa eegama. Waan nu harka jirtu fuulli tokkittiin nama shantamman keenyarraa yoo walitti dhufte fuula 50 taati; kun ammoo barruu (kitaaba) tokkicha ni ta’a. Animmoo yoo isin maqaa keessan faana beekumsa isin harka jirtu kana naaf ergitan qindeessuusaafi bifa kitaabaa qabsiisuuf itti gaafatamummaa nan fudhadha. Haaluma kanaan barruun isin nuuf ergitan ulaagaa armaan gadii yoo nuuf guute nutti tola.
- Barruun isin nuuf ergitan walaloo, asoosama gabaabaa, Afoola Oromoo (weedduu, eebba, Geerarsa, Mammaaksa, oduu durii, Hibboo Oromoo, baacoo Oromoo, tapha ijoollee, Faaruu Waaqaa, faaruu gootaa, faaruu Asmaarii….) ta’uu danda’a.
- Hammi isin nuuf ergitan fuula hamma barbaaddan ta’uu danda’a. Nuti garuu akka barruuchaaf mijachuu danda’utti gulaaluu dandeenya…maqaa keessanis barruu keessan faana baafanna…yoo isin maqaan keessan akka hinbaane barbaaddan ta’es dhiisuu dandeenya.Kan nuti barbaannu inni guddichi beekumsi sammuu keessan keessaa isin duutanillee isin duukaa akka hinduune barbaaduu keebnyadha. Waggaa kumaatamaaf lafa kanarra hinjiraatamu mitiiree?
- Barruun isin nuuf ergitan lammii Oromoo mara duratti fudhatama kan qabu jechuunis amantiifii siyaasaan garaagarummaa nugidduu buusuu kan hindandeenye ta’ee Oromoon tokko karaan inni ittiin aadaasaa, seenaasaa, dandeettii dubbisuusaa guddisuuf kan gumaacha kennu ta’uu qaba. Waan sammuu dhalootaa gara fuulduraatti tarkaanfii tokkollee achi butuufi dhaloota kana kalaqqiifi argannoo garaagaraaf kan qopheessu utuu ta’ee hedduu bareedaadha.
- Hamma ammaatti namoota bebbeekamoo Oromoo ta’an (gootota Oromoo, Artistoota Oromoo, Hayyuu Oromoo-barreessitoota–proofeseroota…., Atileetota Oromoo, lafa seena qabeeyyii Oromiyaan qabdu gurgudoo, sooressoota Oromoo qabeenyaan badhaadho ta’aniifii uummata isaaniif karaa garaagaraan tajaajila kennan, Oromoota sadarkaa saayintisummaarra ga’an-argannoo garaagaraa sadarkaa addunyaatti kan galmeessisan, waan beektaniifi waan barreeffamaan jiran Afaan Oromoon yookaan Afaan Ingiliziin kan jiran yoo nuuf ergitan nuti gara Afaan Oromootti gulaallee qindeessuu dandeenya. Hubadhaa! Barruun maxxanu kun Oromoof waan ta’eef nuti gara afaan Oromootti deebisuun dirqama.
- Barruu nuti qopheessinu kun kallattumaan lafa lammiin Oromoo jiru kamiyyuu (biyya keessaaf alaa) ga’uu akka danda’uuf daandii kan nu agarsiistan yoo jiraattan gammachuu guddaan isin simanna. Hubadhaa! guddinni barruuf afaan keenyaa kan madaalamu: kan barreessu, kan dubbisuu, kan qeequufi kan raabsu yoo jiraatedha.
- Barnoonni meeshaa guddaa ittiin hiyyumaafi doofummaa barbadeessan ta’uusaa beeknee hojii guddaafi seena qabeessa hojjechuutu nurraa eegama. Kanaaf ammoo waan barreeffamee jiru kanneen akka ogbarruu baay’ee murteessaa ta’uusaa hubannee duula wallaalummaa barbaadeessuurratti tokkummaan haakaanuun dhaamsa keenya isa guddaadha.
- Waggaa sadii dura kitaaba ‘DILBII’ jedhamu tokkicha qofa Yunivarsiitii Ambootti eebbisiisne; waggaa isaatti ammoo kitaaba torba Yunivarsiitichumatti eebbisiisne; amma waggaa kana keessa ammoo kitaabota 43 walfaana eebbisiifne. Waggaa isa itti aanutti ammoo yoo Waaqayyo jedhe 100:100 (Kitaabota dhibba, barreessitoota dhibbaan) dhaadannoo jedhu qabannee hojii keessa seennee jirra. Haaluma kanaan yoo xiqqaate bara itti aanu kana kitaabota afaan Oromoo lakkoofsaan 100,000 ta’aniifii barruulee (magazine) Afaan Oromoon barreeffaman kan ji’a lama lamaan maxxansuu jalqabne kooppii 120,000 lammii Oromoo hundaan ga’uuf kutannee hojii keessa seennee jirra.
- Namni dhuunfaasaatti kitaabota Afaan Oromoo tokkicha qopheeffatee garuu mana maxxansaatiin hingeenye yoo jiraate mana maxxansaatiin ga’uun sabni keenya akka dubbisu gochuu nidandeenya. Fageenyi danqaa ta’uu hindanda’u. Fakkeenyaaf Kan Dargaggoo Gasharee Abdiisaa Gurmeessaa jedhamu tokkoo fakkeenya guddaadha. Utuma Denmark irraa dooktorummaasaa barataa jiruu Asoosama dheeraa ‘HIMALA JIREENYAA’ jedhamtu as gara biyyaatti erguun maxxnsiisuun dirqama lammiinsaa isarraa eegu ba’uun Oromoo bal’oo biraa galata guddaa argateera. Namni Leellisaa Aadaa jedhamus kitaaba seenaa qabeessa ‘KUDHAAMA SEENAA’ jedhamu barreessee as gara biyyaatti erguun lammiisaa gammachiisee jira; namni Hundsaa Waaqwayyaa jedhamus kitaaba afaan Oromoo ‘ABC’BU’UURA AFAAN OROMOOFI AFOOLA OROMOO’ jedhu maxxansee dhaloota lammiisaa ta’an biraan ga’ee dirqama isarraa eegamu raawwatee jira. Mee keessumattuu warreen biyya ambaa jiraattanii kitaaba seenaa gurguddoo of keessa qaban harkatti qabattanii jirtan jarreen ani irranatti maqaa isiniif dha’e sadan fakkeenya waan isiniif ta’aniif amma beekumsa keessan harka bal’isnee isinirraa eegaa jirra. Duula ogbarruu keessatti hundumti keenya waraqaafii waan ittiin barreessan qabannee yeroo hundaa itti jirra…
- Kitaabonni Afaan Oromootiin barreeffamuu qaban dirqamatti kan asoosamaafi walaloo…ta’uu qabu miti. Kitaabota saayinsii ammayyaa barsiisan: gama qonnaan, daldalaan, hojii uumuun, kompiiteraafi kkf ta’uu danda’a. Guddinni biyya tokkoo kan mirkanaa’u yoo gama hundaan irratti hojjennedha.
- Bara amma keessa jiraataa jirru kana bara haaromsa ogbarruu Oromoo (renaisance for Oromo Literature) ta’uu akka qabu wal nama hingaafachisu. Haaromsi kun warra amma jirru kanaan galma ga’a. Duula afaan, seenaa, aadaafi eenyummaa guddisuu keessatti qooda yoo fudhanne bu’aa gama hundaan argamu kana keessaa nuuf ijoollee keenyatu qooda qabaata….
Hojiin kun hojii nama tokkoof lamaa miti. Hojii Oromoo addunyaa gubbaarra jiru maraati. Yoo harka walqabannee hojii wallaalummaafii doofummaa barbadeessuu kanarratti waliin qabsoofne, dhaloonni bor biyya keenya kana dhaloota ammaa kanarraa fuudhee gara fuulduraatti adeemsisu dhalachuuf jira. Dhaloota bor hojii nuharkaa fuudhan guddisuu caalaa hubannaan hinjiru. Qabeenyi biyya keenyaa dhaloota guddataa jiran kanadha. Dhaloota boriif biyyaaf lammii isaaniif yaadan kana…
Kabajamtoota Lammii Oromoofi Leellistoota Aadaafi Afaan keenyaa…
Yeroo ammaa kanatti aadaan dubbisuu biyya keenyaa isa durii caalaa fooyyee kan argate fakkaata. Qaanqeen kaafame kun giimii bu’ee guutuu addunyaatti finiinuutu irra jiraata. Kanaan walqabatee waan barreeffamu dhabamee osoo hintaane, nama of kennee ogummaa sammuusaa keessaa qabu kana dhalootaaf arjoomutu bal’inaan argamaa hinjiru fakkaata. Namni kamuu wal’aansoo jirenyaa kan dhuunfaasaatii keesssa akka jiru wallaalameef miti. Garuu utuma hirmaannaa eenyummaa ofii keessattis qooda fudhachuun waan barbaachiseef malee… Namni kamuu ogummaa irratti muuxannoo qabu sanarratti yoo barreesse dhalootaaf bu’aa guddaadha. Dhaloonni amma ka’aa jiru kun beekumsa gama hundumaaniitiin of jabeessuuf of ijaaruutu irraa eegama. Gama saayinisiif takinooloojiin dabalatee beekumsa addunyaawaa (universal knowlede) waan ta’e kanaan guddachuutu eegama. Dhaloota kana guddisuuf ammoo ga’een qareeyyii amma jirruu (elites) isa guddaadha. Har’aaf nutu jira; bor isaantu bakka bu’aam…
Kabajamtoota Lammii Oromoofi Leellistoota Aadaafi Afaan keenyaa…
Barreessitoota Oromoo ka’aa jiran kana guddisuuf gorsuuf akka mijatutti waldaan akka Addunyaatti beekamtii qabu tokko hundeeffamuutu irra jiraata. Innis Waldaa Barreessitoota Addunyaawaa (International Oromo Writers Association) kan jedhu dhaabbachuu qaba. Kaayyoonsaa guddaan ammoo guddina afaaniifii Aadaa Oromoo irratti kan hojjetu ta’uu qaba. Barreeffamni barreeffamu kun Afaan Oromoo qofaan osoo hintaane, Afaan Ingiliziinis barreeffamee guutummaa addunyaa qaqqabuu qaba. Kana keessatti waa’een Oromiyaa akka addunyaatti beekamtii guddaa qabaatu gochuutu eegama…
Kabajamtoota Lammii Oromoofi Leellistoota Aadaafi Afaan keenyaa…
Galma ga’insa guddinaafi dagaagina ogbarruu kanaaf Oromoon hundumtuu dirqama lammummaa qaba. Kunis qooda fudhannaafi gumaacha taasisuu gaafata. Dubbisanii qeequu, dubbisuufi dubbisiisuun, fuudhanii raabsuun akka namni dubbisu taasisuun gumaacha guddaadha. Ergaan takkaa duula barbadeessa wallaalummaa kanarratti waliin akka hojjennu abdiin qaba. Bara itti aanu kanatti hawaasni Oromoo biyya keessaas taatan kan biyya ambaa jiraattan beekumsa sammuu keessan keessaa lammii keessaniif akka karaa barruutiin arjoomtan abdiin qaba. Isin eegaa jirras.
Kabajamtoota Ilmaan Oromoo Biyya keessaaf alaa…
Waan hinmul’atiin jiru mul’achuu; waan ifa hinba’iin ammoo ifa ba’uu qaba. kun ammoo riqaa barreeffamaatiin mul’ata. Waan haqaafi murtii dhugaa marti gola barreeffamaa keessaan sabaaf ifa ba’a. Dhimmi karaa barroo hindabarre jira natti hinfakkaatu…
Ammas baay’ee jira waan mul’achuu malu
Sammuu namaa keessaa kan himalaa jiru
Madda wallaalummaa kan caccabsuuf jiru
Dhaloonni akka xiyyaa ammas ka’aa jiru
Dhalootni qubeedhaa himaammati haaraa
Barreessuurra jiru kan darbeef kan har’aa
Waa’ee isa darbees kalaqa sammuudha
Rafiitiin hinjiru dammaquun ammadha!
Iyyaa iyya dabarsaa maaloo waldammaqsaa
Waa’ee saba bal’aa dammaqaa barreessaa
Godaannisa darbe sana cabsaa hunkuteessaa
Humna hindhabiinaa cimsaa waljabeessaa!
Kabajamtoota Sabboontota Ilmaan Oromoo…
Karaa barreeffamaatiin waan hedduutu dubbatamuu danda’a. Meeshaa guddichi akka ‘Newukileera ammayyaa’tti ilaalamu waan barreeffama kana. Newukilaarrillee’ meeshaa ittiin lubbuu balleessan ta’a; barreeffamni garuu kan ittiin sba ijaaran, guddisan, cimsaniifii fedhaafi hawwa aggaamame bira ittiin ga’anidha. Egaa hojii waggaa guutuuf itti dadhabne kana Talavaziinii Oromiyaa (TVO) fi VOA nugargaaranii lammiilee Oromoo Addunyaa kanaan nuuf ga’an, isa dhufu ammoo gargaarsa Waaqaan Kitaaba 100, Barreessaan 100, Kooppiin kitaabaa, 100,000 fi barruulee (oromo Magazine) kooppii 120, 000 hojiirra oolchuuf dhaloonni qubee hojii oonnachiisaafii ajaa’ibsiisaa keessa seenee jira.
Mee Lammiin keenya guutummaa biyya lafaarra jiraattan marti gumaacha keessan kana gama dandeessaniin mul’isa.
Milkaa’ina hojii keenya baranaa keessaa Namoota isin akka addaatti naagalateeffattan keessaa muraasan kaasuu fedha
- Dargaggoota Oromoo biyya keessaa utuma barnoota faana wal’aansoo qabanii waa’ee seenaafi afaan saba guddaa kanaa barreessuurratti argaman
- Yunivarsiitii Amboo kan ofitti nuqabuun bakka nuuf kennanii akka kitaaba eebbisiifannu godhan.
- TVO hojii dargaggoonni kun hojjetan walitti nuuf qabuun saba Oromoo biyya alaaf keessaatti akka beekamu godhan (Keessumattuu Dargaggeessa cimaa Gaazexeessaa Natsaanet Hayiluu of kennee hojii dargaggoota kanaa ifa gochuufi Akkasumas Hisqeel Argaaw TVO irraa gara Amboo dhufee hojii kana nuf hojjechuusaa)
- Dargaggoo Gasharee Abdiisaafi Obbo Hundasaa Waaqwayyaa hojii nuti itti dadhabaa turre kana keessatti haala baay’een nujajjabeessuun cinatti lammii isaaniitiif utuu haala barnootaafi qabsoo jireenya dhuunfaa biyya ambaa keessa jiranii kitaaba tokko tokko barreessanii hawaasa isaanii biraan ga’uusaaniif.
- Dr Asafaa Kuru kitaabota keenya bitachuuf fedha guddaa qabaatee akka iddoo inni jirutti isaaf erginuuf fedhaafii haamilee hundaan nufaana ta’uusaa
- 6. Dargaggoota Oromoo ‘Washington DC kitaaba keenya akka itti erginee saba Oromoo faana walbaruuf haamilee cimaan nucina dhaabachuu isaaniif,
- VOA (Jaallannee Gammadaa, Namoo Daandii, Tuujubee, Soraa) waggaa waggaan hojii dargaggoonni Oromoo gama barreessuutiin taasisan kana qilleensarra oolchuun akka lammiin isaanii dhaga’u gochuusaaniif,
- Mana Maxxansaa SUBII PLC hammam qarshii dhabnus barattoota kana walitti qabee liqii nuuf eeggachuun balbala maxxnsaa nuubanuusaaf,
Gaaffii
- Waan maqaakeessaN qabattee teessu kan isin dhalootaaf arjoomtanii lafa kanarraallee godaantan maaltu sinharka jira?
- Ofumakeenyaaf qofa jiraannammoo Oromiyaa nubarsiistee asiin nugeesseef gumaacha qabna laataa?
Kitaabni keenya yoo maxxanee ba’u, yoo xiqqaate bu’aa armaan gadii niargamu.
- Afaan Keenya guddatee sadarkaa addunyaatti dubbatamuu mala.
- Beekumsi nuti qabnu karaa baduufi du’uu hindandeenyeen dhaloota itti aanuuf darba.
- Waa’ee madda seenaa Oromoo ilaalchisee falmii dheeraan booda yaada ta’erra niga’ama.
- Tokkummaan walitti dhufu kun fuulduratti akka waldaatti ijaaramuurra darbee galma biyyoolessaa tokko ijaarratee keessatti dhimma biyyaaf ta’u hedduurratti hojjechuu danda’a.
- Humni kun kitaabota waa’ee dhimma Oromoo ilaallatan kan addunyaa mararra tamsa’ee jiru hunda walitti qabee olkaa’uun madda qorannoofi qo’annoo Orommootiif ka’umsa lafa kaa’uu danda’a.
- Waa’ee afaaniifi uummata Oromoo qo’achuuf balabala guddaatu banama.
- Kallattii Afaaniifi aadaan uummata Oromoo dagaaguu danda’utu diriirfama.
- Aadaa, seenaafi afaan uummata Oromoof madda gaariitu uumama.
- Lammiilee Oromoo alaaf keessaatu walgargaarsaafi hariiroo gaariitu uumamuu danda’a.
- Humna ijaaramu kana keessatti beektonni seenaa, Antiropoloojii, Saayikoloojii, saayinsii siyaasaa, sirna Gadaa geggeessan, aadaarratti qo’annoo qorannoo kan taasisan qooda fudahttootta ta’u.
- Tokkummaan walfaana ka’uu barreessitoota kanaa kanaa gaaffii: maal hojjedhu? Eessatti hojjedhu? fi Madda eessaan argadha? jedhaniif deebii kan kennudha. Dhalootaaf waatu ol kaa’ama. Beektonniifi maanguddoonni Oromoo bakka deemanii itti waa gumaachan argatu. Dhalataan bakka deemee waa dubbisuufi waa baratutu mijaa’aa. Waantonni bakka tokkotti kuufamanis humna argatu; akkasumas, bu’aa buusuu danda’u.
- Seenaan saba Oromoo gadifageenyaan qo’atama.
- Qo’annoon Oromoo irratti adeemsifamu bakkaafi toora qabata.
- Beektonni qo’annoo Oromoorratti adeemsisaniif madda guutuu argatu.
- Waa’een Oromoo baa’yeen qindaa’manii ol kaa’amu.
- Hayyoonni Oromoo iddoo garaagaraarraa qo’annoo garaagaraa taasisan iddoofi madda keessatti waa gumaachan argatu.
Bakki eebba kitaabota kanaa ‘galma Miliniyeemii Finfinnee’ keessatti ta’a. Kana keessatti Mootummaan naannoo Oromiyaa akka nugargaaruufi galma kana nuuf eeyyamsiisu danda’u abdii qabna. Hojii kitaaba barreessuutiin sammuu namaa misoomsan, akka qaama misooma birootti ilaalamaa waan jiruuf yeroon kun ogbarruu Oromootiif yeroo gaariidha. Kana ilaalchisee heerri mootummaa naannoo Itoophiyaa keewwaata 5 lakk 1 qooqni Itoophiyaa kamiyyuu mootummaa biratti beekamtii walqixxee qabaatu “All Ethiopian Languages shall enjoy Equal state recoginition” jedha. Dabalataanis heerri mootummaa Itoophiyaa keewwata 39/2 keessatti waa’een afaanii ibsameera. Sabni, sablammiin, uummanni Itoophiyaa kamiyyuu mirga qooqa isaatiin dubbachuu, barreessuu, qooqa isaa guddisuufi aadaa isaa ibsuu, gabbifachuufi babal’isuu akkasumas, seenaa isaa kunuunsuu qaba jedha.
Mala gurgurtaa yookaan qaqqabsiisa kitaabaa
Barreessitoonni 100 kaanu kun yoo kitaabota 100,000 maxxansine, kudhan kudhan walii gurguruu qofaan kitaabota keenya haala salphaan biyya keessaafi alatti tamsaasuu dandeenya. Kana cinattis Oromiyaa keessatti manni raabsaa kitaaba Afaan Oromoo tokko tokko mul’achaa waan jiraniif abdiin jira.
Fuuldurattoo?
Hojiin kun ciminaan kan itti fufuu qabu waan ta’eef ijaarsi addaa hundeeffamuu qaba. Kana ammoo waldaan barreessitoota Oromoo biyya keessa jiru itti gaafatamsaa nifudhata.
Gargaarsa Barbaanna…
- Namni fedhasaatiin wixinee (proposal) qopheessee qaama dhimmi isaa ilaalaallatu maraan nuuga’uu malu nubarbaachisa.
- Koree dhimma kana qindeessuu barbaadu ijaaruuf fedhiin jiru utuu adda nuuf ba’e gaariidha.
- Kitaabota waa’ee Oromoo ilaallatanii garuu Afaan biroon jiran gara Afaan Oromootti deebifachuuf gumaacha ogummaa barbaanna.
- Oromoon kamuu kan kitaaba barreessee of harkaa qabuufi barreessuutti jiru of nuuf mul’isuun duula Ogbarruu bara 2014 irratti nufaana haaromsa guddaa seena qabeessa kanarratti nufaana lammiisaaf gumaacha akka taasisu.
- Namni kamuu wiirtuu kitaabonni maxxanan kun irratti gurguramuu danda’an irratti akka dhuunfaan itti gaafatama fudhachuun yoo xiqqaate hiriyaa 10 of jalatti ijaaruun kitaabonni maxxanan akka dirqamaatti mana Oromoo kamuu keessa seenuu akka danda’an irratti hojjechuu..
- Ariifannaanis ta’e beekumsa dhabuun dogoggora akka hingooneef hangafti keenyas ta’e namni hunduu yaada qabu hundaan akka nucina dhaabatuuf dhaamsa dabarfanna. Hubadhaa lammiiko! Qabeenyi guddaan kuufama yaada hayyootaati!!
- Miidiyaan biyya keessaafi alaa gama danda’ameen akkuma amala kanaan duraatti hojii barruu dargaggoota Oromoo kana qilleensarra nuuf oolchuun hawaasni keenya dammaqee gama barnootaan, dubbisuufi argannoo garaagaraan akka qixa saba kamiyyuu ga’uu danda’u beekee akka oonnatuuf sagantaa garaagaraan barsiisuu…
- Hojiin barreessuu nuti irratti bobbaanee jirru kun saayinsaawaa akka ta’uuf, qorannoo garaagaraan akka deggaramu gochuu, muuxannoon biyyoota biroos akkaataa duudhaafi safuu uummata keenyaa miidhuu hndandeenyeetii madaqee muuxannoon kan irraa argamuufi Oromoo har’aa takinooloojii ammayyaatti fiduuf muuxannoo nuu qooduu…
Beekan Guluma Irana
PhD Candidate at Addis Ababa University
In Documentary Linguistics and Culture
Email: beekanguluma@gmail.com
misganuguluma@gmail.com
Skype name: misganu.guluma
Tel. 0911074437
No comments:
Post a Comment