Karoora hirribaa sirrii ta’e hinqabu malee, hirribas yaadasaa keessatti kajeeluu hindhiifne Dachaasaa Bilisummaa kan Walabummaa Dafaa faana naannoo tokko jiraatan. Mana barnootaa karaatti kan kutee ture bara 1990 kutaa torbaffaatti deebi’ee qabsoo barnootaa taasisu keessatti nama gidiraan lafaan isa hin geenye ture Dachaasaan. Maatiin inni keessatti dhalate qotee bulaa ta’uusaaniirrayyuu darbee warreen harka qalleeyyii keessatti kan ramadamanidha. Kan hiyyuma kanaaf isaan saaxile ammoo ilmi isaanii hangafni Barraaqaa Imaanaa kan jedhamu jalqaba bara 1983 ‘tti du’a akka tasaatiin addunyaa kanarraa godaanuusaatinidha. Du’a garaa nama gubaa hafu; kan eelaansaa baraan sammuu isaanii keessaa matumaa ba’uu hindandeenye ture.
Manaa fayyaa ta’ee akka ba’etti karaatti kan cite Dachaasaan ilma barnootaan cimaa tureefi daree barnootaa baratu keessatti namni kamuu kan isa hindursine ture. Qabxii olaanaa inni mana barnootaa Gincii sadarkaa lammaffaa keessatti galmeessise hanga har’aatti galmaa’ee kan hinbeekne yoo ta’u, kunoo bara kana qofa Jabeessaa Magarsaatiin qabxiin walfakkaataan galmaa’eera. Hora bu’anii, dhoqqee hin dheessani’ jedha mitiiree Oromoon. Kanaafuu qabsoo barnootaa keessa galanii jennaan akkam duuba deebi’ama jedha Dachaasaan. Mammaaksi biraan kan Jabeessaatiin mammaakames ‘Durbi sirba dhaqxe guntuta hindhokfattu’ kan jedhu ture. Keessumattuu faayidaa barnoonni qabu yeroo kaasutti Dachaasaan isa baadiyyaadhaa dhufee mana barnootaa sadarkaa lammaffaafi qophaa’inaa Amboo keessatti barataa jiruun walqabsiisee mana dugda bitatee hiriyootasaa Dooyyoo Irranaa, Galaan Dhaddachoo, Bantii Falmataafi Mul’ataa Qana’aa faana moobaayilii Dooyyoorraa sirba Alii Birraa akka kanaa gadii jedhu waliin dhaggeeffatan kaasee akka fakkeenyaatti fudhata ture; innis:
…Barnoonni dhugaadha
Ofirraa eegalaa
Aadaa hubachiisa
Seenaas nijijjiira
Of tuffii balleessee
Hamilee kufe kaasa
Ija jaame bana
Sammuu bilisoomsa
Barnoonni dhugaadha
Seenaadha hundeessa
Muuxannoo sabaa
Aadaadhaan mul’isa
Afaan Oromootiin
Isumaan barsiisaa
Barnoota dhugaatu
Bilisa nubaasa…”
kan jedhu erga dhaggeeffataniin booda, barnoonni uummata Oromootiif furtuu waan hundumaa akka ta’erratti walii galan. Isa halgaan bara dheeraaf carraa barnoota saba Oromoo jalaa cufaa tures kaasanii irratti mariyatan. Oromoon lakkoofsaan biyya Abisiyniyaarrayyuu darbee gaanfa Afriikaa sodaachisaa jiru kun abashootaaf hordoftootasheef mataa dhukkubbii akka ta’es hubatan.
Waan ijoollummaa ka’anii waliin mariyatan tokko qabu dargaggoonni kun. Hawwii isaan eeggatan sun ammoo akka abbaa murtii jallaa matta’aa barbaadee dhimma abbaa dhimmaa beellamaan lafarra duraa harkisuutti fakkeeffameera. Kana gidduutti Falmataan dubbii qoosaa tokkoon haasaa isaanii giddduu gale. Qoosichis kan armaan gadii kana.
” Barsiisaa, abukaattoofi hattuun du’anii mootummaa Waaqaarraa murtii eeggachaa jiru jedhama. Achumaan ergamaan Waaqaa tokko ‘yeroof jannanni wanta guuteef gaaffii isin gaafannee yommuu qormaaticha sirriitti deebistan qofa gara jannataa galuun danda’ama” jedheen. Dura barsiisan gaafatame, “abbaan Gadaa nimuudama moo nifilatama?” jedhee gaafannaan, ‘ni filatama’ jedhee deebisee jannata gale. Itti aansuudhaan, hattichi akka itti aanu kanatti gaafatame; “Ateetee eenyutu facaafata jedhamee gaafatame “dubartoota” jedhee deebise. Innis jannata gale. Dhumarratti, abukaattoodhaan “namoota magaalaa Finfinnee jiraatan keessaa nama maqaan Oromoo ta’an namoota kumaa maqaa dha’ii” jennaan maqaa dha’uu dadhabeetu beellama gaafate. Kanarratti ‘as beellamni hinjiru ati beenu Azaaba-gahaannama’ seeni jedheen” jedhama.
Qoosaa Falmataan isaaniif hime kanatti hiriyoonnisaa akka malee kolfan. Inni garuu akka malee aaree boba’e. Qomooko! jedheen. Isaaanis ergaa takkaa owwaatan. Amma yeroon yeroo kutannoofi murannoo ta’uu qaba; beellamni lafarra dheeratte kun sammuu nama nyaatti; erga lafa kanarratti akka nama tokkootti dhalanne yookaan kaayyoo dhalanneef raawwachuu, yookaammoo duunee biyyootti dabalamuu qabna jedhe Falmataan.
Ittuma fufuun Falmataan, barri ammaa kun bara guyyaa saafaan hirriba rafan utuu hintaane, bara itti hojii kallattii hedduutiin mul’ata ofiif qabsaa’anidha jedhe. Kanarraa kan ka’e, Dachaasaan qalama ittiin barreessaa jiru waraqaan rukute. Waa’ee hiriyootasaa waliin barataa turanii kan diinni maqaa amantii, siyaasaafi gandummaatiin gargar qoodde sanaa gaafa yaadatu ammoo barnootasaa karaatti kutee obboloota isaa kana mala ittiin walitti fidu barbaacha guutummaa Oromiyaa keessa yaadasaan imale. Ijaarsa maqaansaa hinbeekamne yaadasaan ijaaraa, takkammoo isa ijaare diigaa, isa diiges ammoo ijaaraa jiraata; ‘ibidda rafe huubni to’achuu kajeelti’ jedhu mitiiree? Mul’anni keessa Dachaasaa akka abiddaa waan rafe kan fakkaatu ta’us, hubni qilleensa miilla hinqabneen adeemtu isa joonjessuuf halkaniif guyyaa yaadasa dhiphisti turte. Qilleensa baraa kan hundeefi hunda hinqabne.
Walabummaan yaada qomoonsaa haasa’an kana qalbiin erga dhaggeeffateen booda, mee lammiiko Cigoo Oromoo tokkoon isin bohaarsuu laata? jedheen. Isaanis walfaana mee itti fufika silaa hojjiinkee hamma dubbiikeetii hinga’uuti jedhaniin. Innis akka daqiiqaa sadiif yaadaan akka of wallaaluu ta’eetu qalbiisaatti erga deebi’een booda cigoo Oromoo armaan gadii keessaa sookoofi Soorgoosaa akka baasanii himaniif akka armaan gadiitti isaan gaafate.
- Bulchaa gandaa taatee filamtee,
- Dura taa’aa turtee har’a jibbamte
- Otoo bira jirruu hundumaa wallaalle
- Bineensi hammaate kaanee ariina.
- Ati cinaan qabda ni kuffisna.
- Warri wallaggaa buna feesisu
- Ayyaanni abbaa walitti sinaa deebisu
- Saroota baranaa waaqatu raatesse.
- Fooniin waldhabsiisee lafee nyaachise…
Kanaafan ammayyuu isa afoola Oromoo haasoftan kana namni nu dhageenyaan nutis hidhamuu keenyadha jedhee dhaabatee rom’uu eegale. Walabummaanis utaalee kaballaa gurrasaatti erga cuqqaaleen booda, ammayyuu ati of hintaane; yoo dhuguma Oromoo keessaa dhalatte ta’e Oromummaakeen boonuu qabda; yoo hintaane ammoo akkuma amalakeetii diina jala seeniiti qomookee baasaasuufi gurguruutti deebi’i jedheen. Ittuma fufuunis, maali siif duuti waa guddaadha? Banti. Maal haqaaf yoo duute. Duuti dhugaaf du’an bilisummaadha jedheen. Itti fufees ”Du’a miti, sukkuummaan jibba” jedhe leenci jedhan mitiiree? hamma sukkuumamaa waggaa dheeraa lafa kanarra jiraannu waan seenaa qabeessa tokko raawwanne wareegamuu hinfilannu turee? jedheetu iddoo sana gadhiisee ‘Farda se’een harreetti okaa haame’ jedha Oromoon jedheetu gara godina Baalee biyya gooticha Oromoo Waaqoo Guutuutti imalasaa fufe.
Utuma Walabummaan akka balaa aaraa godina Baalee keessa naanna’aa jiruu Dachaasaan Arsii Boqojiiti galaa utuu jiruu talafoona jabanaa kanaan bilbilee isa argate. Walabummaanis akkasaa durii gammadee waliin haasa’uu dide. Maal qomo! maalan sigodhe jedhe Dachaasaan Walabummaatiin. Walabummaanis deebisee, ani tokkummaa gootonni Oromoo wareegamaniif ijaaruuf lammiikoo muraasa walitti qabee jennaan, isaan keessaa Bantiin urgufamee du’uuf jedha. Kanatu akka nama raata’ee nataasisaa jira jedheen. Dachaasaanis erga Walabummaa takka dhaggeeffateen booda, mee geerarsa abbootakootii durii keessaan xiqqoo siyaadachiisa jedheen. Itti fufi jedhe Walabummaan.
…Dagujjaa mataa diimaa
Warri keenya hin qotanii
Warra qotetu beekaa,
Gadhee garaa fincaanii
Warri keenya hin dhalchanii,
Warra dhalchetu beekaa…
Walabummaanis asumarratti dhaabi erga jedheen booda. Amma utuu Gootonni Oromoo haqa hawaasa Oromoof jecha wareegaman kanneen akka J. Waaqoo Guutuu, Nadhii Gammadaa, Guutamaa Hawaas, Laggasaa Wagii, Elemoo Qilxuu, Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii, J.Taaddasaa Birruu, Haajii Roobalee Turee, Hayila Maariyaam Gammadaa, Alamuu Qixxeessaa, Maammoo Mazamir, Badhaadhaa Dilgaasaa, Hgarii Tulluufi kanneen kana fakkaatan iddoo itti awwaalamanii jiranii olka’anii Bantii kana ijaan al tokko ilaalanii maaluma ittiin jedhu laata? jedhee Dachaasaatti dubbate. Haati gootaa: baddu barbaacha, duutu awwaalcha qabdi’ jedhu mitiiree? Lugni barabaraanuu seenaa qabsoo keessatti yaaatamee hinbeeku. Gootni haqaaf wareegame garuu barabaraan lammiisaa keessatti akka faarfatametti jiraata.
Namni afaan ittiin Waaqni isa uummetti leeyya’uufi abjuu dhalootaa uumaan qalbiisaa keessa kaa’e baasuu sodaatee waliin ukkaamfamu utuu hin dhalatiin hafeera ta’ee wayya. ‘Bara kanniisni moote titiisni nama sodaachifti’ jedhu mitiiree? maal kana qofa ‘bara bofti nama hddite, lootuun arraba namatti baafti’ jedhanooti. Maaliif Oromoon dhugaan Oromummaatti dhalate maatiisaa afaan saba guddaa kana hinbarsiifatu? Maaliif halgaa golgaa godhatee maqaafi mataan badee jiraata? Sirba Alii Birraa akka armaan gadii jedhutu gara qalbii nadhufe:
… Mee nu marti itti haa yaannu
Ilmaan haa barsiifnu
Ittiin haa guddisnu
Wal haa yaadachiifnuu
Jechoota adda addaa
Ittiin haa barannuu
Siyaasaafi herreega
Mee ittiin haa barannuu
Mee ittiin haa dubbannuu
Afaan keenya guddaa
Daranuu haa guddisnuu
Mee numarti itti haa yaannuu
Ilmaan haa barsiisnu
Ittiin haa guddisnuu’…
Dachaasaafi walabummaan obboloota isaanii kaayyoo tokkoof walfaana hiriiran barbaacha gara godina Jimmaatti kutan. Barnoota tokkummaa barsiisuu jalqaban. Kan diinni umurii dheereffachuuf jedhee firaaf fira walitti naqee garboomsaa turerrattis akka namni dammaquu qabu jajjabeessan. Sirba Alii Birraa:
Harki harka hin nyaatu
Diina ofii malee
Harki harkaan loluu
Diina ofii malee
Osoo itti beeknee
Eenyutu nu caalee x2 …jedhu hawaasa dhaggeeffachiisaa isa deebi’ee dhiiga lammiisaa garagalee akka qeerransaa xuuxu ifachaa guutummaa Oromiyaarra naanna’an. Yeroo itti hojii hojjechuu qabanitti akka ciminaan hojjetaniifi hirriba guyyaa saafaa akka ofirraa dhidhimsanirratti hawaasa walii galchisiisan. Kana booda warreen iddoo sagalitti wal hiranis balleessaa isaaniitiif daran walitti marmanii erga boo’aniin booda, ijaarsa lammata diinaaf qawaa hinargamsiisne ijaaranii miidiyaa guddicha qabatanii uummata miliyoona shantamaa ol ta’u garaa boqochiisan. Kana booda labsii atattamaatiin manni hidhaa gara warsha guddinaafi qaroominaatti akka jijjiiramu, lafti hacuuccaafi roorroon irra ture lafa bilisummaaf nagaa akka ta’u, saba hundumaa gidduu jaalalaafi waliigalteen akka bu’u, barataan sammuu qulqulluun baratee argannoo ajaa’ibsiisaa akka gonfatuufi kan biroonis argaman. Namni walitti bu’e marti akka seera Gadaatti mariin akka fala argatuufi Oromiyaan biyya dimookiraasiin dhugaa keessaa waraabamtu ta’uushee addunyaan marti beekee guutummaa biyya lafaarraa xiyyaarri nama feetee Oromiyaatti dachaastu dabareen walhanqatte…
Galatoomaa!!
Beekan Gulummaa Irranaa
PhD Student at Addis Ababa University
In Documentary Linguistics and Culture
Email: beekanguluma@gmail.com
Skype name: misganu.guluma
Face book. facebook.com/beekan,guluma or
beekan.guluma@facebook.com
Tel. 0911074437
No comments:
Post a Comment