Sadaasa 1,2013 Jimmaa
Gabaasaa:
Onkololessa 31/2013 Galgala Yuuniversiitii Jimmaa mooraa qonnaa
keessaatti Qophiin anaa dhufuu baratootaa Oromoo haaraaf godhame irratti
goototni baratootaa Oromoo barattoota wagga jalqabaaf haarayaa gara
Yuuniversitii Jimmaatti dhufan simachuuf walleelee warraaqsaa fi sagalee
wallee diddaa sirna bulchiisa Wayyaanee dhageessisuun dhichisanii
kanneen haaraa dhufan simatan.
Qophiin kun dura bu’ummaa gumii guddina fi dagagiina afaa, aadaa fi
seenaa uummataa Oromootiin kan qophaa’ee haala miidhagaa ta’een simannan
baratoota Oromoof godhame.
Qeerroon Yuuniversitichaas barattoota haaraa simataman kanaaf dhaamsa
jaabannee kan wal cinaa dhaabbannee rakkoo walxaxaa fi garbummaa bar
dhibbaa uumataa keenya irraa kan qolannu akka taanuuf baga carraa kana
argattaanii sagalee uummata Oromoo taatan,jajjabaadha, nuti ijoollee
Oromooti! Biyyi keenyaas Oromiyaa dha , malee kan eenyuu mitii,
kutaa,Amantii, gandaan uumataa keenyaa qoqodanii warrii uummataa keenyaa
bitaa turan ammas toftaa dulloomaa kana yeroo fayyadamanitti gurraa
keessan itti hin qabiina nuti ilaaman Oromooti, biyya Oromiyaa qabna.
Jechuun wallee tokkummaa jedhuu fi faarsuu WBO fi ABO faarsuun sagantaa
miidhagaa gaggeefachuun gabaafame.
No comments:
Post a Comment