Bitootessa 21, 2014
Gaafa
Bitootessa 18,2014 ummanni Oromoo fi Ogaadeen kibba Afriikaa jiraatan
walgahii mootummoonni Afriikaa 54 guyyaa hundeeffama Pan-African
Prliament kabajachuuf torbaan lamaaf Afirikaa kibbaa magaalaa
Johannesburg bakka Midrand jedhamutti yeroo gaggeefatan hawaasi Oromoo
fi Ogaadeen tokkummaan ta’uun miidhaa mootummaan Wayyaanee fi abbaa
irree EPRDF uumattoota Ithiopia irraan gahaa jiru balaaleffachuun
sagalee mormii jabaa dhageessisuun gabaafame.
Haala kanaan manni dhaabbataan African Parliament
jedhamu salgalee mormii uumanni dhageessise kana dhagahuun waan
barbaachisu maraan gaaffiin cunqurfamtootaa akka dhagahamu akka
taasisaniif gaaffiin dhihaatee jira.
Walgahii Pan Africa
kana irratti mootummaa Ethiopia bakka bu’ee kan argamu muummicha
ministeera H/Mariyam Dassalenyii fi ministeera haajaa alaa akkasumas
nama biro tokko ture. Haala kanaan H/Mariyam Dassaleny walgahii kana
irratti kan argamuuf ture guutummaatti haquun walgahii kana irraa osoo
hin hirmaatiin hanqachuu gabaasi achi irraa nu gahe addeessa.
No comments:
Post a Comment