LEENCA GURMUUN BOBBA’E GALLI - MILKIIDHA!!
Jiituu Lammii – Dirree Qabsoo, Zoonii kibbaarraa
“Nan baasa gumaa gootowwan koo;
Nan baasa gumaa!
Qoosaa mit-lubbuun jaallan koo;
Nan baasa gumaa!…..”
Hanga ijji koo danda’uttan bitaa mirga koo ilaale. Mukkeen gammoojjii
aduu dadhabanii baalli irraa harca’ee qoraattii qofti ittafe malee waan
ijji koo irra qubattun dhabe. Hundee mukaa tokko jalatti siqeen ammas
ija kootiin waa barbaaduu ittifufe. Simbirroota lamaa- sadi ta’anii
takka siiquun wal waamaa, takkammoo weedduun wal faarsaa mukarraa
mukkatti ce’aa jireenya uumamaa waliin waldhaansoo qaban qofatu miira
abdii wayii keessa namaatti yoo uume malee sagaleen abdii tokkollee waan
jiru namatti hinfakkaatu. Iccitiin manaa nabaase garuu dhugaa
kana
waan geeddaruuf lafa lafa onaa fakkaatu kana keessa qalbiin koo waa
dhaggeeffachuu hinlakkifne. Gammoojjii gogaa, bakkuma gurri namaa
sagalee abdii dheebotu kana keessa abdii abdii caalutu jira. Abdii
nam-tokkee qofa osoo hintaane, abdii saba guddaa, abdii saba roorroo
ormaa hadheeffatee furmaataaf sochiitti jiruutu achi keessa jira. Otoon
kanuma yaadaan buusee baasuu, “…geenyeerra!” jedhe namni karaa na
qajeelchaa ture fuula gara kootti deeffachaa. Haltokko gara isaa
miil’adheen ijaafi qalbii kootiin akka qeerransa beela’ee waa adamsuu
bosona fuuldura koo jiru sakkatta’uutti deebi’e. Waan ijji koo argu
dhugaa ta’uu isaa mameen miiraa gammachuufi rifaasuu walkeessoo tokkoon
ka’ee dhaabadhe. Namoonni lama uffata bifti akka magariisuu uffatanii,
qawwee gateettirra godhatanii, muka keessaan ulluuqaa gara keenyatti yoo
dhiyaatanin arge. Inni dura deemu umriin ga’eessa yoo ta’u, qawween ani
kanaan dura argee hinbeekne gateettiirra buufatee nama karaa na
qajeelchaa ture nagaa gaafachaa miilaan gara kootti qajeele. Inni
ittaanu kaa’ima reefuu yoo ta’u mataan cibiramee gurmuu keessa ciisu
waliin yoo irra galchanii ilaalan leenca dheekkame fakkaata. Akka ilmoo
haadhaarraa gargar turteen fiigee dabaree dabareen lamaan isaaniittuu
harka maradhe. Qalbiin koo giduutti waa hedduu yaadattee imimmaan xiiqii
ija koo keessaa harca’uu jalqabnaanan ciniinnadhee gadi dhoowwachaa
jara
gidduu bu’ee karaa ittifufe. Kabajamoo dubbistoota barruu kanaa, kana
booda yeroofis ta’u keessummaa WBO ta’uuf jirtuutii yaadaaf qalbiin
dhiyaadhaa!
Imala gabaabaa booda moonaa gootaa –goota daabee jigaa, kallacha qabsoo Oromoo, leenca roorroo jibbee gurmuun bosonatti
gale,
abdii Oromoofi Oromiyaa – WBO geenye. Waraan bakka bakka isaatti
battala qabatee of eeggannoon sochii jiru hordofu yoon argu moonaan kun
moonaa adda waraanaatti dhiyeenyaan jiru ta’uun tilmaame. Lafa qubsumaa
gahee, gaaddifni boqqonnaa erga naaf tolfamee booda bishaan qabbanaawaan
naaf dhiyaate. Ittaansuun shaayiin aannan waliin danfe naa gololchamee,
dhangaa WBOn qopheesse waliin fuuldura koo gahe. Keessummaa WBO ta’uun
akkam nama boonsa seetan! Dhangaa dhiyaate lilliqimsaa yaada sammuu
kiyyaa dhaggeeffachuu ittifufe. “….edaa ilmaan saba kiyyaa rasaasa
rasaan qolachuutti jiru! ….edaa ilmaan haadha kiyyaa mudhii
jabeeffatanii sibiila hidhatanii, diina afaan qawween dabaree wal furee
roorroof qe’ee saba isaanii dhuunfate afaan qawweetiin buqqisuuf
murannoon diina waliin waldhaansoottii jiru! …edaa goota qabna…! Edaa
dhiigni ilmaan Oromo nama gumaa baasuuf qaba! …edaa dhaadannoon diinaa
goluma keessattii…..!?” Sammuun koo waa meeqa na yaade seetan.
Ilmaan Oromoo kaayyoo dhiigaan isaan qaqqabe dhiigaan galmaan gahuuf
karaarra jiru. Ijoolleen WBO- fedhii namummaafi jireenya dhuunfaa hunda
tuffatanii qooqa hidhatanii, hidhannoo jabeeffatanii, bilisummaa sabaafi
walabummaa biyyaa dhugoomsuu akeeka godhachuun of kennaanii, diina saba
isaanii goolu abiddaan kaaraa dhufettii godaansisuuf kuffisanii kufaa
jiru. Isaaniif: haadhaa – abbaarra, obbooleessaa – obboleettiirra,
dhalaa – ilmoorra, qabeenyaa – qananiirra…. kaayyoo sabaatu caala.
Kaayyoof taanaan, wanti isaan waakkatan hinjiru. Tarii warri ammas
mamiitti jirtan, akka kiyyaa fagaattanii otoo hindeemneyyuu ilmaan
Oromoo mudhii hidhatanii sibiila qabatanii diina haadhaa fuulduratti
tarkaanfachaa jiran qe’uma keessanittuu isin qaqqabuuf jiruutii –
obsaa…!!
Anumaa akkuman callisetti waa hedduu of keessatti dhageeffachaa jiruu
jaalli tokko gara kootti siqee “…hinceeka’iin…! Jedhe. Akka loqoda gara
biraatti ‘hinmukaayiin…!’ jechuudha. Kabajamtoota keessumma WBO,
jaallummaan ijoollee WBO biratti ulfina jabaa ta’uu qalbiitti
qabadhaatii
amma
gara yaada harkaa qabnutti deebina. Jaalli kun qawwee isaa qomatti
hirkifatee tamboo isaa harkisaa ijaan karaa bal’aa battala gama keessa
qaxxaamuru fageenyarraa ilaalaa innis yaadaan fagaate. Aduun gamoojjii
gogaa qaama isaa qaqee cilaattesseerra. Jajjabinni qaama isaa garuu
alaalumaa beeksisa. Takka haala kanaan erga turree booda, haala qabsoon
hidhannoo irra jiruufi sochiin uummataa maal akka fakkaatu odeessa
gabaabduu walii qoonnee, baakki amma jirru kun lafa waraanni itti ka’uu
danda’u ta’uu natti himee mooraa biraatti akka na dabarsan ijoollee WBO
sadi waliin na geggeesse.
Fuuldura kiyya imala dheeraatu jira. Bakkan gahe hundatti sochii WBO
daawwachaa, lafa dhiyetti, tokkos lamas bulaa, bubbulaa, fedhu aanan
fedhu damma, fedhu foon gadamsaa, ykn. saalaafi gugguuftuu kan fedhe
murachaa, kalaankalee ciffachaa, akka ilmoo leencaa sooramaa, akka mucaa
dhabaa ururfamaa jabina jajjabee, tumsa hawaasaa, jaalala jaallumaa …..
haalkanii guyyaa otuman dinqisiifadhuu dadhabbii qaama koo madaa barruu
miila koo otoon hindhaggeeffatiin amna dheertuu deeme. Biyya, bal’aa
dirree bilisa wayyaaneef waraanni ishii abjuu baddeenillee garas
miil’achuu hinfeene, kan to’annaa WBOfi leenca gammoojjiin qofaa bulu
deemee… deemee… waliin gahuu dhiisii ijaanuu ilaalee akkan hinfullaafne
ergan hubadhee booda bakka tokko qubadhee waanan arge xiinxaluu
murteeffadhe. Feetan achuma waliin turra.
Amma
lafan bubbulee haala jiru xiinxalu gaheera. barruun miila koo hangi
lafa tuqu hundi bishaan abbuuqatee lafa ejjachuu na sodaachuutti jira.
Bishaan dhiqadhee uffata ergan jijjiirradhee booda haala jiru hordofuuf
qophaa’e. Anumaa reefu dugda lafaan gahee sammuun xiqqoo akka shilim
jechuu na kajeeluuti wanti tokko deebisee qalbii koo hawate. Waraanni
gaaddisa qubatee gariin saddeeqa gariin ammo akkuma fedhii isaatti
taphachaa ture huursee lafaa ka’ee “ ….dhiiroo bishaanii …. bishaani…”
yoo jedhan dhaga’een “…maaltu maalte’e…!?” jedee anis lafaa ol ka’ee
gara jaraattifuula deebise ilaale. Waraana furgaatuu bobbaarra turtee
deebitu simachuutti jiraachuun hubadhe. Gaaddisa boqonnaa mijeessaniifi,
bishaan dhugaatiin dheebuu erga baasanii booda, ammas warrii kaan
bishaan buufatanii warra dadhabee dhufe toora galchanii miila dhiquu
aansan. Gochaan inni kun akka isa kaanii ilaalee callisuuf na
hindandeessifne. Qalbii guutuunan raajeffadhe. Jaala qabsoo jechuun waa
hundaa oli. Jaallummaa faayidaarratti hundaa’u miti. Hariiroo naaf
godhii – siifan godhaa of keessaa hinqabu. Hariiroo kaayyoofi wal
abdachuu, hanga wareegamaatti wal kunuunfachuu….hariiroo dhala namaa
gidduutti uumamu keessaa isa fixee ta’uun mirkaneeffadhe.
Amma
doo’annaa koo gara xumuruu gaheera. Ta’us garuu dhimmoota lamaan boruuf
hinbulfanneen harkaa qaba. Mooraan amma ittargamu kun mooraa madoon
keessatti waldhaanamaa jirani. Qabsoo saabaa keessatti sabaa ofiif
dhiiga ofii dhangalaasuun, qaamaa- ittihir’achuun, lubbuu-
ittiwareegamuun, miira akkamii akka namatti uumu bakkatti argamanii
abbichaarraa baruu caalaa ragaan dhiyaatu hinjiru. Kanaaf madoowwan
naannoo kiyya jiran xinxaluun jalqabe. Namni nan madaaye jedhee
kulkulfatu tokkolleen ijaan barbaadee dhabe. Kaayyoo bahaniifitu laalaa
madaa nama hindhaggeeffachiifneef malee, madaatu madaa laafaa ta’eetu
miti. Rasaasa qaama keessatti hafte akkuma nama qoraattii walii baasuu
achumatti baqaqsanii wal keessaa guru. Warra muratee bayetu akka
kana
.
Madaa ofii otoo hintaane madaa saba isaaniit dhukkbsatu. Isaaniif
qabsoorraa hafuun kan danda’amu gaafa lubbuun isaanii wareegamte qofa.
Gaafas ulfinaan gaalmee seenaa barri hinmoofessinerraa yaadatamu. Kanaaf
kan madaaye yoom akka fayyee hidhannoo isaa mudhiitti deeffatee dhimma
baheefitti deebi’u qofa yaada.
Yaada kana qalbiitti qabachuun akka toluuf jecha seenaa gabaabduu tokko waliin ilaalla. Kanaaf
ammo
madoo jiran keessaa namtokkon fildhe. Maqaan Murataadha. Haala isaarraa
ka’uunan moggaaseef malee maqaan isaa akkas miti. Asumaanis ammo
iccitii eeguuf dirqama qabaachuu koos hindagatiinaa. Murataan baatii
muraasa dura luqqeettuu isaarra rasaasaan madaaye. Ammaa jaallan
qabsoorraa waldhaansa argachaa jira. Madaan isaa fayyee yoo ejjetu qofa
xinnuma miilaan gartokkotti dhiibbata. Gaaddifni keenya wal fuullee waan
ta’eef warra kaan dura dafee natti madaqe. Hunduma caalammoo amala
kolfee taphachuu waan qabuuf moora hunda mukuu baasa. ‘
Daamaa’
taphatee yoo qoofu gara kiyya dhufa. Akkaataa roorroon diinaa qabsootti
isa baase, milkii duula gaafa innii madaa’ee (humna diinaa guyyaa sana
rukutame, meeshaa booji’ame…) tokkoo lamaan naaf seenessa. Murataan amma
waa hunda caala guyyaa guutummaatti fayyee muraasa isaatti deebi’ee
hidhannoo isaa mudhiitti deeffatu abdiin eega. Kolfaaf gammachuu miira
isaarraa dubbifamuun alatti sirbootaaf faaruu qabsoo afaan isaa keessaa
hinbu’u.
“Nan baasa gumaa gootowwan koo;
Nan baasa gumaa!
Qoosaa mit-lubbuun jaallan koo;
Nan baasa gumaa!…..”
Jechuun yoo inni maqaa gootota dirree qabsootti wareegamaniifi
barattoota meesha maleeyyii diinaan ajjeefaman dabaree dabaareen waamee
faarfatu dhaggeeffachuun waan hunda caala nagammachiisa. Miira xiiqii
keessa kootti uuma. Gaafa deemmiin kiyya dhiyaachuu dhagahu waa tokko
natti dhaammate. Dhaammannoo isaa kan koo qofa otoo hintaane kan kan
Oromoo hunda ilaallatu waan ta’eef xumurattan ittideebi’aa
amma
seenaa fakkeenyummaa gaarii qabu tokottan deebi’a.
Daa’ima ganna sagaliiti. Yaanniif qalbiin isaa garuu nama jabaa
caala. Ammaaf maqaa isaas iccitumaan qabnee yeroof ‘ Ganamoo’
haajennuun. Daa’ima sadarkaa umrii kanarra jiruuf maaltu akka
barbaachisu mee sadarkaa guddina hawaasa keessa jirtanirraa ka’aatii
yaadadhaa. Ganamoon garuu hiree kana hundayyuu hinarganne. Sababni
isaammoo hawaasin inni keessaa dhalate qaama saba gabrummaa jala jiruu
ta’uudha. Ganamoon diiramtuu ka’ee warraa isaa biraa gaala waliin
bobba’a. Tikseedha. Tarii wanti inni manaa fudhatee bobba’u yoo guddate
bishaan xiqqoo kobolaatti naqatu qofa. Yoo waareen ho’u, gaala isaa lafa
baalli jirutti geesseetu gara hojii isaa, tarii kan irribaa yoo
ka’ellee yaaddatutti fuulleffata. Kobolaa bishaan ittifudhatee bobba’e
keessaa bishaan gadi xuruursee gaala haawwicha mirgisaa filatee elma.
Kobolaan isaa yoo guutu aannan litira shan gateettirra godhatee gara WBO
dhiyeenya isaa jirutti fiiga. Ammaammoo qabsaawaadha! Qoree saphansaafi
sigirsoo bineensallee rarraasee qabu gidduu lo’ee WBOtti makama. Yoo
waraannillee lafa geeddarate Ganamoon lafa WBOn jiru hinwallaalu. Afuura
WBO beeka, jalatti guddate waan ta’eef foolii isaa dhagaha. Hangan achi
turetti Ganamoon guyyutti aanan litira shan qabatee qabsoof gumaacha.
Nama fuula hinbeekne naannichatti yoo arge fiigee WBOtti hima. Yoo aduun
galgalaa’u
gala
isaa ooffatee warraatti deebi’a. kana kaasuun koo waa irraa barannaafi.
“Tarii keessi keenya xiiqomaa laata ….!?” Jedheen. Abbumaaf dhiifna.
Amma
doo’annoo koos xumureera, kan na hafe, boruuf milkii hawwee har’aaf nagaa dhaammachuudha Isa dura garuu
“
….. qabsoo sabaa galmaan gahuuf ilmaan Oromoo hundi bakka jiranitti
waan danda’aniin hirmaachuu qabu. Waan dirreerra jiru atuu ija keen
agarteetta. Oromoon human guddaa qaba. Humna kana warraaqsuun garuu
hojii tokkoon tokkoon keenyaa ta’uu qaba. Gaafas warri har’a gargar
qoodanii human saba kanaa laaffisuu yaalan abdii kotatu. Sabni keenya
ulfinatti baha…” kuni dhaamsa Jaal Murataatti .. Anis
kana
caala waanan jedhu hinqabu. Akka adaa WBOtti dirqamaafi gaafa bobba’an
“injifannoodha!” jechuun jaallan hafanitti nagaa dhaammatu. Anis
“Injifannoodha!” jechaan hangan saganntaa dhibiitiin sinitti deebi’utti
nagaa dhaammadha.
No comments:
Post a Comment