Mootummaan Wayyaanee aartii fi Artistoota Oromoo nyaachaa alalfachaa
kan as geesse Sabboonaa Jaallatamaa wallisaa Oromoo kan tahee fi yeroo
ammaa kana keessatti walleewwan haaraa baasuudhaan daran jaallatamaa kan
dhufe Wallisaa Artistii Oromoo Jaafar Yusuuf mootummaan wayyaanee
Ukkaamsuun mana hidhaa keessatti darara irraan gahaa jirti. Mootummaan
wayyaanee Wallisaa Jaafar Yusuuf dhimma Lafa naannawa
Finfinnee federaala jala galchuu ilaalchisee wallee Finfinneen Keenyuma
jedhu wallee baaqqee gadhiisteetta, Ati akeeka mootummaa wayyaanee
Uummata kakaasuun fashalsiisuu irratti argamta jechuun mana hidhaatti
ukkaamsuun darara jabaa reebichaa bakka lafeen ilmaan Oromoo hedduun
keessatti nyaatame Maaikelaawwii keessatti dararaa jirti.
Sabboonaa Wallisaa Art. Jaafar Yusuuf
Mootummaan Wayyaanee Artistoota Oromoo waan Oromoo fi Oromiyaa sirban
kanneen akka Eebbisaa Addunyaa, Yoseef Gammachuu, Usmaayyoo Muusaa,
Abdii Qophee fi kanneen biroo hedduu darara jabaa irraan gahuun lubbuu
isaanii kan dabarsite yoommuu tahu yeroo ammaa kanas Sabboontota Oromoo
Artistoota waan Oromoo sirbuun oromummaa hubachiisan kanneen akka Jaafar
Yusuuf mana hidhaa keessatti darara jabaa irraan gahaa jirti.
Sabboonaan Artist Jaafar Yusuuf walleewwan hedduu qabu keessaa waan
Uummata Oromoo haamilachiisuu fi Gootummaa wallise keessaa..Hafanfartuu
Shoolee.. Hara hin galtu Booree, Hayyaa lolaa yaa lola Eeeboo fi torbaan
darbe keessa ammo Finfinnee fi naannawaan Finfinnee keenyuma hin
kenninu murree kan jedhuu fi kanneen biroo hedduu dha. Mootummaan
wayyaanee namoota gama aartiinis tahe gama barnootaan Uummata isaanii
hubachiisan hidhuu fi ajjeesuun uummata Oromoo doomsee garboomsuu kan
akeekkate baroota bittaa isaa mara waan taheef Uummatni Oromoo bakka
jiruu kaee Wallisaa Jaafar Yusuuf mana hidhaadhaa akka gadhiifamu diddaa
gama hundaan akka dhageessisuu fi dhuguma lafti Oromiyaa Finfinneen
handhuura Oromiyaa taatee naannawa Finfinnees diinaaf kutnee akka hin
laanne akka mirkansinu Waamicha Oromummaa dabarsina.
**Wallisaan
Sabboonaa Oromoo Jaafar Yesuuf Dhalottan Godinna Qeellam Wallagga anaa
Gidaamitti kan dhalate yeroo ta’u. Sababaa Walleeleen isaa mirga uumata
Oromoo gaafatuuf jecha Mootummaan Wayyaanee naannoo Magala Borrayyuu
lafa Kattaa jedhamutti konkolaataa sadiin marsanii qabanii fuudhanii
hama hidhaa Ma’ikelaawwee buusuun beekamee jira.
No comments:
Post a Comment