Mammoon barnoota sadarkaa duraa magalaa Guudar Keessatti baratee erga Xumureen booda sadarkaa lammaffaa mana baruumsa Ambooti barateera. Mammoon baruumsa sadarkaa lammaffaa olanaa gara magalaa Finfinneetti dhufudhan yeroo sanaattii mana Baruumsa “Tafarii Mokonnon” jedhamee beekamutti barataa osoo jiruu fedhii fi hawwii isaa malee, rakkina jireenyaa isa mudataa ture, of irraa saliphisuuf jecha Akaadamii mana leenjii “barisiisoota Haraar” seenudhan qaphixxii olanadhan eebbifameera.
Mammoon barnoota isaa qaphiixxii olanadhan waan xumureef “mana barnoota Akkaadamii waranaa kana” keessatti, hafee barsiisaa tureera. Mammoon mana barnoota kana keessatti qondallummaa (ajajaa dhiibbaa) ta’ee barsiisaa osoo jiru barnoota sadarkaa olanaa argachudhan Universitii Finfinnee seenee bara 1962 barnoota seeraa (Law)tiin Deegriin eebbifameera.
Mammoon jireenya ijoollummaa keessaa jiru fi keessa darbe kana keessatti, rakkolewwan ummata Oromoo irratti fe’amee jiru sadarkaa adda addatti hubataa eerga dhufeen, hanga gaafa, Moorma isaa fuunyodhaa keennutti murannoodhan hojjataa tureera. Jalatamaa, Mammoo Mazaamir 1958-1962 yeroo Universitii Finfinnee keessa tureetti Waldaa Baratoota Oromoo duran dhabattee jirutti miseensa ta’udhan ka’ee akkakunmmu kanneen waldaan qindomina fi tokkummadhan ijaramee mirga ummata Oromoof ka’ee akka falmmu kanneen godhan keessaa Mammoon sadarkaa duraa irratti nama argamudha. Mammoon ummata Oromoo isa waanjoon garbummaa itti fe’amee jiru, irraa darbuuf beekumsa fi dandeetti qabu, akkasumaas kutannoo fi murannoo qabu walitti fiidee Jijiirama lammii isaa, ummata Oromoof fiiduuf halkanii guyyaa hojjataa akka turetti beekama.
Mammoon kitaaboota siyaasaa dubbisuun gamaatti yeroo isaa irraa calaa seenaa ummata Oromoo barreesuu fi qormaata irratti godhaa akka dabarsu namoon isa beekan ni dubbattu.
Maaccaa Tulaamaa fi Mammoo Mazaamir
Hoggantoota Maaccaa fi Tulamaa keessaaa ijoollee ta’uu isatiin kan beekamu Mammoon, dagagiinaa fi guddiina Maaccaa fi Tulamaa keessaatti qooda guddaa qaba..Waldan kun, akkuma dhabbateen Mammoon ijoolleen Oromoo waldaa kana jalatti ijaaramanii mirga isaniif akka falmatan gochuu irratti qooda guddaa qaba. Barnoota seeraa qabu irratti hunda’udhan Waldichi seeran deeggaramee akka ijaaramu godhuu irratti qoonni Mammoo bakka guddaa qaba. Afaan, aadaa fi seenaa Oromoo keessattuu sirni gadaa maal akka turee fi maal akka fakkaatu barsiisaa akka ture namonni yeroo ammaa lubbuun jiran ragaa ba’u.. Mammoon Umman Oromoo mirga afaan Qawweetiin dhabe deebisee argachuu kan danda’u “Qawwee qofan akka ta’e amanaa aka ture dubbatama.
Mammoon Xalayaa yeroo sana Qabsa’oota Baleef barreesse jecha arman olii kana mirkaneessa.
Hoggantoota Qabsa’oota BaleefXalayaa Armaan oli kun Qabsaoota Balee tiif bara 1965 barreefame.
Seenaa dhaala namaa addunyaa kanaa, akka nu mirkaneesutti Ummatonni Blisummaa fi birmaduumaa isaanfitti kutannodhan falmatan dhumatiin heddun Jiraatuyyuu dhumarraatti injifannodhan xumuru. Qabsoon lubbuu kabajamaa kennamee gita bitoota habashoota harraa jiran irratti geegefamuu lammiwaan keenya kanneen sirna cunqursa jala jiran Miliyonotan kan lakkawamaan bliisummaa isanii gonfachiisa. Qabsoon hanga garbummaan hiddan buqqifamuutti itti fufuu qba.
Akkuma beekamu sochiin Waldaa wal-gargaarsa Maaccaa fi Tulmaa inni guddan damaqiinsa ummataOromoo ol kaasuun, harka wal-qabannee gara funduratti akka tarkafannu irratti halkanii fi guyyaa hojjachuun gara galma keenyaatti deemaa jirra.
Dhugaa fi fedhii ummata keenya irratti hundofinnee, miseensoota waraanaa ijarree guutuu biyyaa irratti sochii godhuuf jirra .. isins Qabsa’oonni Balee qabsoo keessan isa jaginummadhan eegalitan ciiminaan itti fufaa!
Falmii mirga Ummata Oromof gotaniif hanga dhumaatti dhiiga keessan dhangalasaa!
Sochii Qabsaoota Balee seenaa ummata Oromoo keessatti, bakka guddaa qaba.Milkaawa!
Injifannoon kana keessani!
Mammoo Mazaamir
Adeemsa Falmataa Blisummaa Oromoo, Mammoo Mazaamir fi Maaccaa Tulamaa hordofaa turan gita bitoota habashotaa kanneen Mootummaa sirna gonfoo jalatti walitti qabamani jiran, Waldan kun, fuula dura, jireenya bulichiinsa isanii, kan gababiisu ta’uu isaa waan hubataniif attataman akka Waldan Maaccaa fi Tulamaa rukutamu murteessan.
Waldaa kana jalatti ijaaramanii kan jiran hedduu ta’anyyuu isaan kan barbadaan hoggantoota waldaa kanaa akka ta’e ifadha.
Kanneen Sadarkaa duratti barbadaman keessaa Mammoon isa durati. Kabinnoon Mootummaa H/Silasee kanneen Akililuu H/Waldiin hogganaman Diramaa Mammoo fi hoggantoota Maaccaa fi Tulamaa ittin dhabamisiisan qopheefatan.
Diraman sobaa fi Cubbudhan qophawe kun gaafa 19/11/1966 hojii irra oole..Innis magalaa Finifinnee keessatti kan argamu mana Fiilimmii “Sinima Empayer” jedhamee beekkamu keessatti galgaala keessaa 9:00PM tti namoota taani Fiilimmii “Zorba the Greek “ jedhu ilalaa jiran irratti Boombii darbachudhan namoota 14 madeessan.
Waldaa Maaccaa fi Tulamaati Kiyyoo gara biroo qopheessuu osoo danda’ani yakka hoggantoonni waldaa kanaa hojjatan jedhu ittin jabeessuuf jecha,namoota nagaa fiilmmii ilaala jiran fiixuun cubbuu irriyaa hi qabinne hojjatan. Guyyaa lammataa, duran iyyuu irratti qophawanii waan jiraniif, Raadiyoo of harkaa qabaniin fashistummadhan mana Sinimaa Empayeer irratti Boombbii darbatee namoota taanii Fiilmmii ilaala jiran kan fiixe Mammoo Mazaamir akka ta’e addeesan. Gochaa kana ammoo Mammoon ana godhe! jedhe jedhanii, dabalanii sooba dhugaa fakkeessanii gama Poolistiin ummatatti bal’inaan ibsa itti fufan.
Yeroo mana Mammoo dhaqanii sakata’an Mammoon halkanii fi guyyaa irratti hojjataa kan ture, bareefamoota Seenaa Ummata Oromoo kan ilaalan hedduu mana isatii argamaniiru.
Boombii fi meeshawan Waranaa adda addaa ofi isanitii mana isaa geessanii ka’udhan akka mana isatii argameetti gabasaniiru.
Wa’ee Mammoo ilaalchiisee H/Silaseen akkana jedheera. afaan amaratiin “Lazii hullu Qimamuu Mammo naw jedhe”jedhu. Wa’ee gochaa Maacca fi Tulamaati Qoorsa kan ta’’e Mammoodha jedhe. H/S kana kan jedhe barreefamoota Seenaa Oromoo Mammoon dhaloota booriif bareessaa ture eerga dubbisee hubateen booda.
Barrefaminni Mammoon dhaloota harraa fi boriif barreessaa ture kun ammoo yakka ta’ee Mooma isaa Funyoof keenisiseera.
Qabsaan Oromoo Mammoo Mazaamir balleessaa tokko malee sooban yakkanii ragaa soobaa itti dhiyesanii ajajaa fi Mallaattoo H/Silaseetiin fannifamee akka ajjeefamu godhameera.
Kabajaman Mammoo Mazaamir bara 1970 osoo hin fanifamiin dura haadha manaa isa fi ilma isaa dhalatee kan waggaa 5ni isa dhumaaf dhungate gara Funyoo isaf qophaweetti qajeleera.
Mammoon bakka itti fanifamuuf qoophawe mana hiidhaa Finfinnee Keessatti akkuma haarki isaa dubatti hidhamee jirutti ,Wadaroo ittiin fannifamu isaaf qopheessan of funduratti ilaala jecha Maartiin Luter jedhe (I have a dream speech) jedhen kan wal fakkatun kanneen ajjeefamuu isaa ilaaluuf achitti argamaniif dhaamsa armaan gadii kana dhameeraaf..
“Dhiiginni kiyya dhiiga,mirga Ummata Orromoo kabachiisuf gadi nammewaan ta’eef dhiiga tasa badee miti. Yakkan hin hojjaneen ragaa Soobaa natti barbaddanii na ajjeeftanirtu. Isinis bori H/Silasee fi kabinnon isaa dabalatee bakkuma kanatti adaba keesssan Umman Oromoo ykn Umman Ithiopiyaa akka isiniif keennu nan amana. Haa turu malee, mirgi ummata Oromoo isin ukkamisitani jirtan kun fuula dura 100/100tti akka kabajamu shakkii tokkollee hin qabu.”,
jechudhan eergaa isaa, isa dhumaa isaanif himee gara wadaroo (haada) isaaf qophaweetti qajeele.
Mammoo abbaa ijoollee 2 yoo ta’u dhalatee waggaa 33 tti yakkamitoota kanan ajjeefame.
Waanitti nama dinqisiisu kanneen dhabbatanii Mammoo Ajjeesisan
1. Akililuu H/Wold Mumicha Minsteera (Prime Minster)
2. Akala Waarqi H/Wold (oboleessa Akililuu)
3. Daja. Kiflee Yirgatuu
4. Mej. Jeneral Derese Dubbalaa
5. Mej. Jeneral Yilmaa Shibashii
Dallaa mana hiidhaa Finfinnee bakka Mammoo Mazaamar itti fanfamuutti argamanii ilaalaniiru. Jarreewwan kun hundi isaani /Silaseetti anaani kannen Jiraniidha. Jarreewaan kun hundi, akkuma Mammoo Mazaamir fuula duree isanii isaniif hime, gaafa Dargiin Mootummaa H/Silasee angoo irraa fonqolchu yakkamitoonni goota Oromoo Mammooo dhabbatanii fansisaan kun hundi isaan kabinoota H/Silasee namoota 60 waliin mana finfinnee bakkuma Mammoo Mazzamir dhabbatanii itti ajjeesisan sanatti Daargiin rasasaan isaan fiixee, boolla tokkotti isaan awwalle.
Mammoo ajjeesanii waggaa 4n booda hojii isaanii bakkuma sanatti argataniiru.
Farra Oromoo ta’udhan kan beekmu Akililuu H/W Iccitii isaan malee Oromoonni beekuu hin qabinne Taddasaa Birruu Lammii Amaraati se’ee waan hedduu itti himaa eerga tureen ,booda Taddaasaa Birruu Oromoo ta’uu issaa gaafa beeku “Taddasaa Birruu atattamaan akka ajjeefamu H/Silasee irraa eeyama akka argate
It is a good stories I learned something I wasn't know
ReplyDelete