Beekan Gulummaa Irranaa jedhama. Lixa Oromiyaatti dhalate. Barnoota digirii jalqabaa Yunivarsiitii Jimmaatti xumuree isumaan barsiisummaaf Yunivarsiitii Amboo seenee barsiisaa turuun barnoota digirii lammataatiif Yunivarsiitii Finfinnee seene. Digiriisaa lammataa xumuree Yunivarsiitii Ambootti deebi’ee ammas takka barsisee digirii sadaffaa (dooktorummaasaaf) Yunivarsiitii Finfinneetti deebi’ee waggaa lammaffaa qabatee jira. Nama umuriin 29 yoo ta’u, yeroo ammaa kana kitaabota Afaan Oromoo 19 kan barreesseefi kitaabota 50 oliif gulaalaa kan ta’ee jiruuf dhaloota qubee keessaa barreessitoota hedduu of duukaa hiriirsee hojjechiisaa kan jiru Beekaniif SAFUUn akka armaan gadiitti gaaffiif deebii godheefi jira.
SAFUU: Maqaakeefi bakka dhalootakee yoo nutti himtewoo?
BEEKAN: Beekan Gulummaa Irranaan jedhama lixa Oromiyaa, godina wallagga bahaa aanaa Nuunnuu Qumbaa jedhamuttan dhaladhe.

SAFUU: Mee haala guddinakee nuuf himi.
BEEKAN: Ani ilma qotee bulaati. Rakkoo guddaa keessattan guddadhe. Abbaankoo dubartoota sadii qaba ture. Isaan keessaa haatikoo ishee sadaffaa yoo taatu, abbaakoof nama lama (dhiira tokkoof shamarraa tokko qofa) deessee boqotte. Ani ammayyuu haadha hinqabu. Abbaankoo garuu jira. Innis ijoollee 17 waan horeef carraa barnootaa nama muraasatu arganne. Kaan qonnaarra jiru; Sababa baay’ina keenyaa haata’u hinbeeku, waliigalteen nugidduu hagas mara hinjiru. Sababiinsaa lafarratti waan yeroo mara loltaan jiruuf. Kanaafuu ani hamman Yunivarsiitii galetti gidiraa gurguddaa dabarseera. Mana barnootaas karaatti kuteen ture. Sababa waliigalteen maatii keessa hinjirreef gargaarsa maatii maleen baradhe. Gabaa keessa foqoquun kan akka ashaboo, buna, loomiifi kan biroollee bitee gurguruun akkasumas midhaan garaagaraa kan akka KM 20 ol mataatti baadhee fiduun bu’aa isarraa argamuunan sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa baradhe. Ergan Yunivarsiitii galees Kaameeraa ‘YAASHIKAA’ jedhamu namni naabiteetu, yeroo boqonnaakoo Yunivarsiitii Jimmaa keessa suuraa kaasee dhiqsiisee gurguruunan baradhe. Kaamerattiin ammayyuu jirti.

SAFUU: Barnootakeetti nama akkamii turte? Barnoonni siif maali? Mee gumaacha gama kanaan goote mudannoo qabdu faana nutti himi.
BEEKAN: Giddu galeessan ture. Sammuu (potential) qaba; garuu sababan rakkina arraa kan ka’e ijoollummaatii ka’ee yaadniif yaaddoon naxuuxaa tureef, dandeettiin yaaduukoo yeroo yerootti gadi bu’aa deema ture. Ta’us qabsoo barnootaatiin kellaan hiyyummaa akka diigamu jala mureen beeka ture. Barnoonni humna dhokataa keessoo keenyaa karaa itti ifa goonudha. Barnoonni bifa lama qaba. Idilaawaafi miti idilaawaa. Barnootni miti idilaawaan maatiirraaf naannoorraa yeroo argamu, idilaawaan ammoo mana barnootaatii argama. Ilmi namaa kallattii hedduun barnoota gonfata. Maatiirraa, naannoorraa, mana barnootaafi muuxannoo/mudannoo jiruufi jireenyaa keessaa isa walitti qabame ta’uu danda’a. Uummanni Oromoo bara dheeraaf barumsa karaa miti idilaawaa ta’e waan dubbatamaa/oral ta’een muuxannoo bara dheeraa walitti dabarsaa tureera. Har’a garuu maddi beekumsa/barumsa irraa argatan baay’ataa jira. Isuma dur afaaniin darbaa ture sanatu gara barruutti dhufuu danda’e/a. Saayinsaawaa ta’eetu falaasamni keessaa waraabama. Qabeenyumti uummatichaayyuu falaasama!

Kanaan duras warri qoqqoodaniii bulchuun jiruu isaanii taate sun akka Oromoon baratee, dubbisee seenaa qoratee as hinbaafne ukkaamsaa turan. Oromoon barachuun dhukkuba sammuu isaanii ture. Bara Hayile Sillaaseen Oromoo cabsaa ture sanatti Habashichi ‘Akiliiluu Habte Woldi’ muummeen ministeericha yerosii Taaddasaa Birruutiin akkana jedha ture; “Taaddasa! Eega duula kana oogganuu jalqabdee asitti waa’een kee waanuma barnootaati. Barsiisuun gaarii. Garuu eenyuun akka barsiisuu qabnu siif gale hinfakkaatu. Fakkeenyaaf, Yoo [Oromoon] barate, qaroome galaanam bari; nuliqmsam! Nuti, beektaa jaarraa tokkoon saba kana boodatti hambifneeti kan bitaa jirru” jedha ture. Akiliiluun Taaddasaa Amaara se’e iccitii qabu sodaasaa isa isaaf hin oolle faana gadi jijjigse. Akka yoo Oromoon kun barate galaanummaasaa kanaan lafa kana dhuunfatu diinni Oromoo har’as taanaan beeka. Meeshaan guddaan barnoota jedhamu kun kan ittiin jireenyi dhuunfaa guddatu, intalli/gurbaan maatii hiyyeessaa ittiin hayyuu beekamaa; ilmi qotee bulaa bulchaa biyya guddaa ta’udha. Yaada kana kan jabeessu hooggantichi Afrikaa Kibbaa, Nelson Mandela, “Education is the great engine of personal development. It is through education that the daughter of peasant can become a doctor, that a son of mine worker can become the head of the mine; that a child of farm workers can become the president of a nation” jedha.
Namni barate oguma gadi fageenyaan yaaduu, jijjiirama amalaa, ofirra darbanii dhalootaaf yaaduu gonfachuu danda’a. Barumsaa keessatti obsa, naamusa, kabaja, cimanii hojjechuu, waliif yaaduufi waldanda’uutu horatama. Barnoonni jireenya dhuunfaarraa ka’ee, maatiis darbee hanga biyyaatti faayidaa hedduu qaba. Jireenyi dhuunfaa nama tokkoo gaafa guddataa deemu, hawwiin namni tokko biyya guddisuuf qabu keessasaatti guddataa deema. Kanaafuu barnoonni qaama dhuunfaa tokko dandeettii uumamaan namni qabu namaa qaruuf, amala qajeelaa ta’e horachuuf, mul’ata guddinaa akka argatuuf, jiruufi jireenya fuulduraaf qophaa’uuf, beekamtummaa argachuufi haala itti naannootti of madaqsanii waliin jiraataniif nama dhuunfaas ta’e guutuu biyyaa tokko gargaaruu danda’a.
Barnoonni hawaasa tokko akka inni of kabachiisee jiraatuuf, muuxannoo hawaasa biroo qooddachuuf, jireenya waliinii guddifachuuf, mirga ofiif falmachuuf, haqa jal’ate deeffachuuf, sodaa keessaa gara gootummaatti akka ce’anuuf daran gargaara. Barnoonni akka biyyaatti dirqama itti gaafatamummaa, hooggansaafi bulchiinsa gaarii horachuu, sabaafi sablammii garagaraa faana waldanda’anii jiraachuu, guddina kallattii hedduu gonfachiisuufi walirraa barachuuf balbala dorgommee hinqabnedha.
Hawaasni barate mirga hiree ofiisaa ofiin murteeffachuu, of beekuu, waan naannoosaatti dalagamu beekee qooddataa ta’uu, namni ofiisaatti araaramee mul’ata qabu soroorfachuufi itti gaafatamaafi adaraa akka maatiif biyyaatti namarra jiru fiixaan baasuuf nama dandeessisa.

Karaa barnootaatiin odeeffannoon, ogumni, muuxannoon, walii galli jiruufi jireenya aadaa keessa jiruuf kan biroo addunyaarra jiran saffisaan addunyaarra tamsa’uu danda’a. Namni hinbaranne; dubbisuus barreessuus hindadeenye tokko gowwummaa hundumaaf saaxilamaadha! Namni barate mana foddaansaa addunyaa maratti qaa’u keessa jiraata jechuun nidanda’ama. Karaa foddaa sanaa guutuu addunyaa kanaa daawwachuu waan danda’auufi. Kanaafuu anaaf barnoonni meeshaa ammayyaa guddicha ittiin hiyyma cabsan, doofummaa awwaalan, garbummaa hunkuteessan, bilisummaa finiinsaniifi walqixxummaa dagaasanidha.
Egaa gumaachaafi mudannoo isa jette ilaalchisee ammoo gumaachan taasise qaba; mudannoos qaba. Gumaacharra yoon ka’e, yeroon kutaa 9fi 10 baradhu naannaa dhalootakoo lixa Oromiyaa keessaa Kattaa iddoo jedhamtutti, mana citaa dhundhuma afur taatu tokko ijaareen dallaa mana jireenyaa keessa jirru keessatti barnoota barsiisuu jalqabe. Kanan barsiisus humni ibsaa lafa sana waan hinqaqqabneef faanosii tokko bitadheen isumatti gaazii naqadheen ganama abbooroo sa’a 11-12:30 suubiidhaan barsiiseen, isaan booda gara aramaafi hoiiwwan garaagaraatti bobbaana ture. Yeroo jalqabaaf nama 78 kan carraa barnootaa tasumayyuu hinarganne walitti qabee barsiisuun gara nama 40 ol ta’an gara daree kutaa lamaatti dabarsiiseera. Kanas waajjirri barnootaa aanichaa dhaga’eetu kitaabotaafi boronqii nagargaaraa ture. Waraqaan raagaa yeroo sana al lama naaf kennamellee amma naharka jira. Suuraa baratoota sanaas muraasa isaanii qabadheen jira. Yaadnikoo sunis gaafan mana barnootaa sadarkaa lammaffaaf gara Arjoo jedhamutti ani ol darbu ni dhaabate. Mudannoonkoos gaafa waajjira barnootaarraa namoonni deddeebi’anii na ilaalanii hojiikoo ajaa’ibsiifachuu jalqaban abbaankoo lafakoo mootummaa najalaa fudhachiisuufi jedhee anas barattoota sanas iddoo sanaa nu ari’ee akka nuti lammata deebinee wal hinbarsiifne nugodhe. Ijoollonni ani barsiisaa ture sunis namoota umuriin isaanii mana barnootaarra darbeefi jajjabo waan ta’aniif gurbaan kun ijoollee keenya hojiirraa fuudhee mana barnootaatti naquuf jedha jedhanii natti guguungumuu jalqaban. Ammallee humna dhabaaf malee mana barnootaa daa’immanii adda ta’e tokko utuun hundeessee baay’een dheebodha. Namni barate nama kamiifuu garba hinta’u!

SAFUU: Egaa akkuma amma namni baay’een beekutti, ati barataa, barsiisaafi barreessaadha. Mee kun akkamiin ta’e.
BEEKAN: Mul’anni dhalootumaan uumaa biraa siif kennamu jira. Ani kutaa 7 ka’een akkan barsiisaa ta’u beekan ture. Yoo namni hawwakoo fuula duraa nagaafate, barsiisaa sadarkaa olaanaan ta’a jedha ture. Kunoo isas milkaa’eera. Sadarkaa olaanaarraa barsiiseera. Ammas kan kanarra caaluttan deemaa jira. Barreessuunis mul’atakoo ture. Mana barnootaa sadarkaa gadi aanaatti yeroon gaddutti walaloowwan garaagaraafi waanuma gara sammuukoo dhufe mara waraqaarratti barreesseen olkaa’aa ture. Waanan barreessaa ture sana baay’eesaa itti deebi’ee argachuu hindandeenye. Waan barreessan gara kitaabaatti dhufuu akka danda’u reefan dhiyoo kana hubadhe waan ta’eef. Amma garuu bokokni keessakootii futtaafachuu jalqabeera.

No comments:
Post a Comment