Ibsaa Guutama irraa
Bara durii duriitii kaasee madaala uumaa, lafa, diinagdee fi kan dhimma itt bahanii eeguuf falli too’annaa da’umsaa shakalama ture. Sun madda qabeenyaa yaraa hirmachuu, fayyaa haadhaa fi ilmoo eeguu fi akka karoora fascistootaatt immoo qulqullummaa sanyii eeguuf gargaara jedhameetu. Jaalalli Oromoon ijoolleef qabu hammana hin jedhamu.
Oromoon yeroo hunda ijoollee guddifachuuf qophee turani. Warri Oromoo naannichaaf akka galma qaallota jara lixaa bakka ijoollee hin barbaadamne itt gatanii ture. Ijoollee godhatanii fi guddifatan gidduu sanyiin haa ta’uu ogooman fanfanuun hin turre. Taadhomni eebba Waaq karaa Ateetee dhufutt amanama. Dhabduun taadhomuuf Ateetee yoo kadhattu kan ilmoo argatan karaa see Waaqa faarfatu. Ilmoon dhalachuun gammachuu addaa warraaf yoo fidu dhabduuf mararfannoo argamsiisa. Dhabuu, salleessuu kkf karaa Uumaan baayyina namaa itt to’atu keessaa hamma tokko. Namooti yeroo ilmoo guddisuuf hin qophoofne saala lagatu turani. Humnaan taadhoma dhaabuun hin beekamu ture.
Si’ana sabi Oromoo dhukkuba daddarbu, busaa, balaa uumaa akka bubbee roobaa, beela, dhukkuba taraa fi kkfnin dorsifamaa jiraa. Oromo garri caalu, Uumaan ilmoo abbaa barbaadu kennee kan hin barbaanne waan dhowwatuuf eenyuu hojii saa keessa seenuu hin qabu jedhu. Garuu hawaasi ammayyaan dilormaan (lakkoofsi namaa) hammaa bahuun lafaa fi wanti ittiin jiraatan hanqachuu danda’a jedhanii yaadda’aa jiru. Kanaaf mala adda addaa ittiin da’umsa too’atan, akka laguu, qaama ofii dhaggeeffachuu fi danqaa adda addaatt dhimma bahuu yaada kennuu. Hindiin addunyaa keesssaa biyyoota dilorma gudaa qaban keessaa isa lammafaa ture. Imaammati maseensaa Indiraa Gaandii waca guddaa akka kaasee fi dhuma irrati kufaatii seef kaasaa tahuun ni yaadatama. Karaa biraa mmoo utuu mootummaan keessa hin seenin dilormaan biyyoota hedduu misanii gadi guddachuun 0% gad darbuu fi yartuu qofti “taadhoma bakka buusaa” kan jedhamu (dubartiin ilmoolee akka baayyinni dilormaa gadi hin buune qofa taasisu itt godhatan) keessa akka jirantu mullata. Hamma yoonaa imaammata warraa biyyoota misanii duuba madaala sanyii fi gitaa eeguuf dira’inni jiraachuu dhiisuu dhugaatt hin beekamu. Garuu kan Itophiyaaf mamii sirinyaa qabna.
Empayerri Itophiyaa bara hundaa to’annoo abba hirrootaa garajaboo jala akka turte beekamaa dha. Dilormaa kolonotaa garri caalaan Oromiyaa kan tahe gad cabsuuf mala hedduutt dhimma bahaniiru. Mootummaan amma jiru isaan irraa adda miti. Gochaa fi irra darbuun dilormaa Oromo yarsuuf mala adda addaa dhahe jira. Beekaa ajjeechaa seermalee fi lafarraa buqqisa qacceefixaa gad hin taanee hojii irra olchee. Ijoollee Oromoo loltummaan foo’ee yeroo lola saa garmalee, miinoo irraa oofuun ficcisiiseera. Oromoon dhaqanii dhumuuf kan guuraman fedha malee yk bu’aa bubuutuun sossobamanii ture. Naannaa beelli galett hedduun kan dhuman, yeroon dhaqabuufii dhabuuni. Oromoon magaalaa fi baadiyyaa qeyee saaniirraa buqqifaman biyyuma ofii keessatt kan qaban saamamanii karaarratt darbamuun bakka qubatan dhabanni. Bishaan saanii fi lafti saanii haddhaan faalamuun nagaa saanii fi kan horii saan irra hamaa geessiseera. Magaalaa mummitii Oromiyaa Finfinnee keessatt ulaagaan dorgomuu afaan Amaaraa beeku wan godheef ijoolleen Oromoo hojii argachuu hin dandeenye. Magaalaa muummittii keessatt waabarii ambaa waan hin argamsiifneef ijoollee Oromoo barumsatt saaqaa dhabsiiseera. Kurnan sadiyiif Oromoo akka nyaaphaa saa sadarkaa tokkoffaatt fudhachuun kan manca’uu yk sadarka saatt gadi buufamuu qabu jedhee fudhateera.
Oromoon badii irraa ooluu fi qabaa seermalee jalaa birmadoomuuf lolataa jiru. Kan qabatee gara saatiin olhaantummaa saa itt fufuuf lolataa. Kanaaf karoorri baafatu hundi gara sanatt kan geessuu tahuu akka qabu ifaa dha. Karoorri guddina dilormaa isaan wuxiname sanaan adda hin tahu. Karaan doofaa inni baayyina namaa gad cabsuuf baafate, ajjeechaa, qeyee buqqisa, hidhaa, biyyaa ariisaa fi guraaraan sangoomsi hin quufsineenii. Kanaaf guddina dandeettii saa ol kaafafatee lakkofsa Oromoo hamma danda’amutt quucarsuuf mootummoota alaa fi kubbaaniyyoota afeerrataa jira.
Oromiyaaan qabaa jala jirtii. Kan qabate hafee mootummaa ofii kennatanuu wan dhuunfaa fi warraa irratt amanuun rakkisaa dha. Mootummaa qabate hafee kan ofii kennatanuu dhimma dhuunfaa fi warraa kan akka too’annaa da’umsaa ta’ett e amanuun enyuufuurakkisaa dha. Yeroo sabichii roorroo ango qabeessaa, imaammata beekaa callisanii beela irra darbuu, AIDS, busaa fi dhibee biraan dorsifamaa jiru waa’ee too’annaa da’umsaa Oromiyaa dubbachuun gamnummaa miti, Sanatt dabalatee waraana isaan hin laalletti giddisiifamuun dilormaa saanii keessaa gara guddaa dhabaa jiru. Kooriyaan hamilata safuu tahe akkasii irratt tumsuufiin tolaa saa irra hamaa saatu caalaa. Bara mootii mootichaatii kaasee waajjirri karoofata warraa Shaggariin ture. Haadholii waa’ee fala akka laguu fi yeroo eeggachuu barsiisaa turani. Waa’ee danqaa fi farreenrimaa (contraceptives) biraas hubachiisaniiru. Kana irra darbee ogummaa alaa wanti barbaachiseef jira ta’aa. Karoori warraa Itoophiyaa hanga yoonaa dhimma itti hin bahin jiraatinnaa jedhamu fala maseensaa kan Koriyaan Kibbaa muuxannoo fi ogummaa itt qabu. Kanaaf hamaa haamilati kun fiduu dandahu sabboonoti dammaqanii hordofuu qabu. Dandeettii saa argannaan akka dargaggoo Oromoo keessaayyuu hidhamtoota 90% ol Oromoo tahan irratt hin shaakalle iggitiin hin jiru.
Oromoo murna taa’omaa keessa jiran deegaa haa tahuu badhaadhaa fedha abbaa irratt xiyyeefamee malee eenyuu surrii akka dhiqu itt dhiifamuu hin qabu. Kan Oromoon fedhu barumsa qajeelaa iyyaatii barbaachisaatt saaqaa baanuuf malee too’annaa dahumsaa miti. Addunyaa keessatt kan hubatamaa jiru akka warri baratee fi magaalawe lakoofsi ilmaan qabaatanii dangeeffama tahee dha. Maqaa warraa fi of tursuuf dharraan dudhaan ilmoof qaban amma hin mullatu. Gudddinni teeknooloojii hamma hin qabnee dubartii fi dhiira hojjetanii buluu carraaqaniif ilmoo qabaachuun baa’aa itt taha jira. Kanaaf qooda fudhannaa mootummaa malee dilormaan sadarkaa yaaddesutt 0% gad gara -0tt bu’aa jira. Kanaaf maseenummaa fafeessaa irra barumsa rogaa fi deettii du’a daa’imaa gadi buusuu irratt xiyyeeffachuun caalaa gumaachuu danda’a. Bulcha Itiyoophiyaa imaammata dilormaa irratt amanuun, waan walfakkaatuuf Hitilariin amanuu irra hin wayyuu. Kan beekamuu qabu akka bulchi Itophiyaa fedha Oromoo hin wakkalle. Gargaarsa argatu kamuu Oromoo qaamaa fi hamileen butuchuuf akka dhimma itt bahamu beekamuu qaba.
Waliigalatt deettiin guddina dilormaa Empayera Itophiyaa sadarkaa rifachiisaa hin geenye. Statistiksiin kenname madda amanamaa irraa argame yoo jenne biyyoota 233 keessaa kudha arfaffaa dha. Oromiyaan waan dilormaa gad cabsan akka balaa nama fi uumaan dhaqabsiisaniitt saaxilamtuu dha. Balaa caalaatt saaxiluun, dandeettii diigota akkasii ol kaasuufiin bulchi Itophiyaa fixaqaccee qaata oofaa jiru caalaaf jajjabeessuu ta’aa. Bakka moo’ummaan falmamaa jirutt gartokko goranii gargaaruun hangameessa kamiinuu qajeelaa hin ta’u. Oromo wayyabi kan fedhan filachuuf iyyaatiitt saaqaa hin qabani. Akka akeekaatti karoorri warraa akkaa,madala dilormaa eeguu qofaaf utuu hin ta’in nageenya dhalootaas waan gargaaruuf nammuu mormii hin qabu. Haa tahu malee kan dhimma itt bahan waan inni dhaqabsiisuu dandahu dursanii beekanii guddifachuuf fedhuu qabu. Sun jedhamus, halagaan Oromoof murteessuu hin dandahu. Kanaaf waliigalanii rimsama karoora warraa isaanii tahu keessa facaasuun qooda beekota Oromo, keessaayyuu cireessotaa fi qubqabsisotii Oromo walabaati. Mirga ilmoo namaaf kan falmanis dhimma kanaaf hiriirsuu dandahuun anjaa qaba. Naannaa karoora warraa mootummaa shaakalli badaan akka jiraachuu dandahu ummata dammaqsuu dha. Hamaa sabicha qabame irra marsaa jiruf kun hamaa dabalataati. Hundaafuu baraar haajennuu!!
No comments:
Post a Comment