Amajjii 25,2015 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Guyyaa
har’aa jechuun Amajjii 25 Bara 2015 Waamicha Paartii mormaa Andinnet
Uummata Magaala Finfinneedhaaf waamicha hiriira nagaa dabarsee booda
Uummatni muraasni hiriira irratti wayita argamu; Mootummaan Wayyaanee
garuu dhaadannoowwan dhageessifamaa jiran seera qabeessa miti
jechuudhaan waraana hedduumminaan itti bobbaase. Wayita kanatti Uummatni
magaala kana jiraatu waraana Mootummaa Wayyaanee Uummata hiriira nagaa
bahetti duule dura dhaabbachuudhaan Fincila diddaa garbummaa gaggeessaa
oolanii jiran. Uummatni rakkoo jireenyaa fi gidiraa mootummaan wayyaanee
uummata irratti buusee jiru hadheeffachuun filannoon dharaas daran
waanjoo garbummaa kana kan dabalu malee nageenya waaraa kan hin fidne
tahuu ifaan dubbatanii jiran. Uummatni mana mana isaadhaa waraana
wayyaaneetti bahuudhaan filannoo dharaan lammaffaa hin gowwoomnu
jechuudhaan duula fincilaa godhee jira. Mootummaan wayyaanees haala
kanaan kan baarage rakkoo uummata hidhaa fi reebuu hammeessus Uummatnis
tarkaanfii walfakkaataa waraana wayyaanee irratti fudhachuudhaan
Poolisootni hedduun madeeffamanii jiran. Paartiileen Mormitootaas
filannoo dharaa fi abbaa irrummaan guutame kana keessaa akka of baasuu
qaban Uummatni diddaa gaggeesse keessatti ifa godhee jira.
Addatti Uummatni Oromoo magaala Finfinnee keessa jiraatu hiriira
irratti kan argaman osoo hin taane waraana Wayyaanee Uummata nagaa
hiriirsuuf gadi bahe dura dhaabbachuun isaa Paartii Mormaa Andinnet
haala olaanaadhaan ajaa’ibsiisee jira. Haala amma eegalame kanaan
jabeeffamuudhaanis Mootummaan Wayyaanee hundeedhaan buqqa’uu akka qabuu
fi Uummatnis daran diddaa isaa jabeessee akka itti fufu Jaarmayaan
Qeerroo Bilisummaa waamicha isaa gadi jabeessee dabarsa.
No comments:
Post a Comment