Gabaasa Qeerroo Adaamaa,Amajjii 16,2015
Filannoon
baranaa uleedhan fudhatamuuf jira jedhu jiraattonni magaalaa Adaamaa fi
naannawa ishee tokko tokko akkuma beekkamu filannoo bara kana
adeemsifamuuf mootummaan Wayyaanee lafa jala yaalii akka hin moo’amneef
olola garagaraa magaalaa hanga baadiyyaatti taasisaa jira.
Yeroo kana immoo ummanni kaardii filannoo akka fudhatuuf dirqamaan
mana manarra deemee fudhachiisaa jira achumaan duula na filadhaa jedhus
taasisaa jira.Sababuma kanaan dargagootni naannawa magaala Adaamaa
kaardiin keessan mirga ykn bilisummaa nuuf hin fidu kaardii kijibaa hin
fudhannu jechuun didan ,ergamtoonni mootummaa wayyaanes dargaggoota
kaardii fudhachuu didan isin ilaalcha addaa qabdu jechuun ganda
keessatti doorsisaa sodaachisaa akka ummanni kaardii dirqiin fudhatu
taasisaa jiratan illee dargaggoonni lagataa jiraachuu Qeerroo gabaase.
Ummannis sodaachisuu fi doorisaan kaardii mootummaan nutti hiru mirga
dimokoraasii fi bilisummaa sabaa waliin waan wal hin ilaalleef gochaa
abbaa irrummaa kana dura ni dhaabbatna jedhanii jiru.
No comments:
Post a Comment