Friday, April 15, 2016

Ajaja Tika Wayyaaneen Labsi “Caffeen” DhDUO Baasu Kamuu Ummata Oromoo Bakka Bu’uu hin danda’u


olfabo
(Ibsa ABO Irraa Kenname)
Manni Marii “DhDUO” “Caffee Oromiyaa” jedhamu Labsii Magaalota Oromiyaa daddabaa Mudde bara 2015 darbe baase Walgahii Idilee turban dabre taa’ee jedhameen keessa deebi’ee ilaalee qabxiiwwan garii qajeelchee garii immoo haqe jechuun beeksisee jira. Haa ta’u malee dhaabi damee tikaa Wayyaanee Oromiyaa irratti diriifame kun dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti seera tumuufis ta’e labsii kamuu baasuuf mirgas ta’e bakka bu’ummaa ummataa tokko ille hin qabu.
“DhDUOn” dhaaba Damee Tikaa TPLF, Wayyaaneen, bowwaa Tigraay, Adeet, jedhamu keessatti booji’amtoota waraana Dargii irraa dhalchite ta’uu har’a Oromoon hin beekne hin jiru. Caasaan ergamtoota Wayyaanee kun, takkaa ummata Oromoo biratti fudhatama argatee hin beeku. Akeekni inni ijaarameef Oromiyaa keessatti bakka bu’aa ykn misilanee Wayyaanee ta’ee dantaa TPLF tiksuuf malee, fedhii fi dantaa Oromiyaa kabajchiisuuf miti. Ija-jabeessa irraa sirbi hin fokkisu isa jedhan ta’ee waan ummata Oromoof hin hojjetin hojjedhe jedhee galgalaa fi ganama waan hin jirre kijibuu malee takkaa fedhii fi dantaa saba Oromoof dhaabbatee hin beeku. Sagalee ummata Oromoo ta’ee dubbatee hin beeku. Dubbachuus hin danda’u. Sababi isaas akeeka sanaaf hin ijaaramne.
Sabboontotni OPDO keessaa kumaatamaan lakkaawaman haala kana wayyeessuuf hedduu dhama’an ofiifuu irbaata Wayyaanee tahuuni fi jireenya isaanii irraa manca’uun yaaliin isaanii bakkeetti hafe. Jaarmayaa kana dantaa Oromoof oolchuuf ammaan booda abdiin tokko illee akka hin jirre sabboontotni OPDO keessa jiran abdii kutatuun dhugaa kana tolchanii beeku. Murni DhDUO jedhamu kun, caasaa basaasaa fi meeshaa siyaasaa TPLF, Wayyaaneen, ummata Oromoo ittiin to’achuuf ijaarratte dha.
Gabaaabaatti, DhDUOn ulee murni TPLF, Wayyaneen, ittiin ummata Oromoo reebu, ajjeesuu fi hiraarsu dha. Ujummoo alagaan qabeenya uumamaa Oromoo waggoota 25n dabran ittiin xuuxaa turee fi ammas itti ejjetee xuuxaa jiru, ejjeta Wayyaanee ti. Meeshaa alagaan itti gargaaramee Oromoo lafa isaa irraa buqqisee fi buqqisaa jiru dha. Wayyaanoti OPDO fi mana marii “Caffee Oromiyaa” jedhamu OPDOn guutametti gargaaramanii lafa baadiyyaa fi magaalaa Oromiyaa irratti abbaa ta’an.
Kanaaf OPDOn murna maqaa Oromoo moggaafatee fedhii fi dantaa saba Oromoo dabarsee alagaaf kenne, ummata Oromoof aantummaa hin agarsiifne, sab-boonummaa Oromummaa of keessattuu akka mataa ol hin qabanne kan ajjeesee jiru, ajaja Wayyaanee hojiirra oolchuu malee aangoo fi gaafatama tokkollee kan hin qabne; gaafatamis kan itti hin dhagahamne, Oromoo fi Oromiyaa dhiigsaa jiru dha.
Manni marii OPDO “Caffeen Oromiyaa” mana marii bakka bu’oota bulchiinsa biyya Oromoo osoo hin taane, caasaa bulchiinsa kolonii murni TPLF hacuuccaa siyaasaa fi saamicha dinagdee Oromiyaa keessatti adeemsisu ittiin seera-qabeessa taasifachuuf filannoo haqaa fi bilisaa malee humnaan ummata Oromoo irratti muude dha. Ummati Oromoo mootummaa “Federaalaa” Itiyoophiyaa keessattis ta’e bulchiinsa Oromiyaa keessatti bakka bu’aa hin qabu. Mana marii bakka bu’oota ummataa kan federaalaa keessattis bakka bu’aa ykn sagalee hin qabu.
Kanaaf murtiin mootummaan federaala sirna Wayyaanee fi calaqqee isa kan ta’e “Caffeen Oromiyaa” dabarsu kamuu ummata Oromoo biratti fudhatama hin qabu. Manni marii “Caffee Oromiyaa” murna yakkamaa ummata Oromoo bakka bu’uu hin dandeenye dha. Dantaa TPLF tiksuu qofaaf dhiiga Oromiyaa keessatti bara-baraan waggoota 25 darbaniif dhangala’aa turee fi ammas lola’aa jiruuf gaafatamaa dha.
Sirni Wayyaanee fi kittillayyooti isaanii mormii cimaa Ummata Oromoo biraa isaan mudateen waan qabanii fi gadi dhiisan wallaalanii muddama irraa waywaataa akka jiran media fi sab-quunnamtii sirnichaa irraa deddeebi’ee dhaga’ama. Qabsoo ummataan hudhamanii yeroo bitachuuf labsii kijibaa fi, dhugaa of keessaa hin qabne jijjiirraa itti fakkeessaa, gowwoomsaa fi kabeebsaa lallabaa jiru. Yeroo ittiin argachuu fi sochii ummataa ittiin qabbaneessuuf “Maaster Pilaanii Finfinnee waan ummati mormeef dhiifneerra” jedhanii ammaan dura labsan bifa biraan hojiirra oolchuuf dhama’aa jiru. Qonnaan bultoota naannoo Finfinnee jiraataniif beenyaa fooyyee qabu kennineefii lafa isaan irra jiraatan investerootaaf raabsina maqaa jedhuun Maaster Pilaanii dhiifne jedhan laf-jala hojiirra oolchaa jiru.
Labsiin Magaalota Oromiyaa Caffeen OPDO fooyyessineerra jedhus waan hin sirratinii fi ifa hin ta’in hedduutu jira. Ummata Oromoo sobuu fi sossobuuf irra diddibanii fooyyessine jedhan malee wanni hundeen jijjiirame hin jiru. Dhugaan Oromoof ifa jiru, labsiin bifa kamiinuu fi maqaa kamiinuu “Caffees” tahe OPDOn bahu kamuu Oromoo biratti fudhatama hin qabu.
Kanas ta’ee sana gaaffiin lafaa Oromoo fi bulchiinsa magaalaa Oromiyaa gaaffii siyaasaa ti. Magaaloti Oromiyaa keessa jiran hedduun qubsuma waraana koloneeffataa afaan Habashaatti Katamaa (Military garrisons) jedhaman ta’uun ifa galaa dha.
Waan ta’eef haala qubattooti alagaa humnaan lafa Oromoo irratti qubsuma ijaarratanii fi ijaaraman keessatti qaami ummata Oromoo bakka hin buune tokko imaammataa fi qajeelfama alagaa irraa itti kennameen labsiin magaalota Oromiyaa inni baasu kamiyyuu fudhatama hin qabu. Seeraa fi labsiin bulchiinsa magaalota Oromiyaa hojiirra oolchuuf itti adeemamaa jiru imaammataa fi tarsiimoo koloneeffataa hojii irra oolchuun dantaa TPLF tiksuuf kan karoorfame dha.
Maayii irratti mormiin ummata Oromoo mormii Maaster Pilaanii Finfinnee ykn labsii magaalota Oromiyaa qofa utuu hin taane, qabsoo sirna cunqursaa alagaa mootummaan abbaa irree Wayyaanee Oromoo irratti diriirse of irraa gatuuf adeemsifamu dha. Gaaffiin Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo walii galaa ti; gaaffii mirga hiree murteeffannaa ofiin murteeffachuu ti. Oromoon mirga siyaasaa fi dinagdee sarbame guutummaatti harka isaatti deebifatee biyya isaa irratti sirna dimokraatawaan ofiin of bulchuu fi, nagaa fi badhaadhina biyya ofiif qabsoo hadhaa’aa deemsisaa jira.
Waan ta’eef ummati Oromoo afanfaajjinaa fi wacabbara sirna wayyaanee fi kittillayyootaan sobamee qabsoo isaa irraa dhaabbachuu hin qabu. Hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa Oromoon Finfinnee fi guutuu Oromiyaa irratti qabu deebii argatutti qabsoon bilisummaa Oromoo bifa hundaan itti fufa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 15, 2016

No comments:

Post a Comment