Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo | Hagayya 5, 2013
Sirni
faashistii Wayyaanee mormii hawaasni Muslimaa ‘Sagaleen keenya haa
dhagahamu’ mata duree jedhuun waggoota lamaaf walitti aansee karaa
nagaan geggeessaa jiru humnaan dhaamsuuf tarkaanfii gara jabinaa
fudhachuu itti fufeera. Sambata dabre Hagayya 3, bara 2013 godinaa Arsii
magaalota Kofalee fi naannoo isaa keessatti ummata karaa nagaan sagalee
mormii dhageessise irratti humni waraanaa sirnichaa dhukaasa banuudhaan
namoota kudhan aduu saafaatiin ajjeesuu fi kudhanoota madeessuun
miidiyaalee idil addunyaa hedduu irratti gabaafameera. Namoonni dhibbaan
lakkaawaman badii tokkoon maleetti guuramanii hidhaman. Hidhaan kun
babal’atee naannoo biraa illee shororkeessaa jira.
Sirni tarkaanfii gara jabinaa kana fudhate muslimoota karaa
nagaadhaan ‘hogganootni keenya hidhaman haa hiikamani, barsiisa amantii
Ahbash jedhamu dirqiidhaan hin fudhannu’ jedhanii morman rukutee
callisiisuuf jecha ‘shororkeessitoota’ ittiin jedhee yakkuu irraa hin
dhaabbanne. Dhimma amantii keessa akka fedhe harka naqachuu Wayyaanee
waan mormaniif qofa ‘shororkeessitoota’ kan jedhaman musliimonni
biyyattii garuu, tarkaanfii shororkeessummaa sobaan itti yakkaman
isaanii fudhatu takkaa hin argamne. Waggaa lama guutuuf mormiin
geggeessaa turan karaa nagayaan gaaffii isaanii dhageessifachuu qofa
ture. Kanas mootummoonni hedduu fi dhaabonni mirga namoomaa idil
addunyaa ragaa bahaa jirani.
Mootummaan Wayyaanee humna sodaatu tokkoon ‘shororkeessaa’ ittiin
jedhee gara jabinaan rukutuun aadaadhuma isaa ti. Jireenya isaa guutuu
mormitoota humna isaanii sodaatu, addatti ammoo Adda Bilisummaa
Oromootiin ‘shororkeessaa’ ittiin jechuun addunyaatti lallabachaa yoona
gahe. Ammas sirni kun ummata Oromoo irraa hin deebine. Karaa gaaffii
siyaasaatiin Oromoo irratti duuluun itti xiqqaannaan dhimma amantii
keessaanis Oromoo addatti diinomsatee gara jabinaan rukuchaa jiraachuun
isaa beekamuu qaba. Amma duras Onkoloolessa bara 2012 keessa bifuma wal
fakkaatuun Kaaba Oromiyaa godinaa Walloo magaalaa Garbaa keessatti
lammiilee Oromoo Muslima sobaan yakkee ajjeesuun isaa yaadannoo yeroo
dhihoo ti. Hanga ammaatti tarkaanfiin golgaa amantiitiin ummata nagaa
irratti fudhatame hundi isaa Oromiyaa keessa.
Addi Bilisummaa Oromoo tarkaanfii faashistummaa sirni Wayyaane
godinaa Arsii keessatti ilmaan Oromoo qulqulluu sobaan yakkee ajjeesuu
fi madeessuu fudhate gad jabeessee balaaleffata. Mootummaan farra
ummatootaa fi farra amantii ummataa tahe kun yakkoota ajjeechaa hanga
ammaatti lammiilee nagaa irratti fudhateefis guyyaa tokko seera duratti
kan dhihaachuuf jiru tahuu yaadachiifna. Mootummaan mirgootni amantii
kamiiyyuu heera kiyya keessatti kabajamaa dha ofiin jedhu baatii
Ramadaanaa keessa dhiiga Muslimoota soomana irra jiranii jigsuu isaatiin
sirna abaaramaa fi jibbamaa tahuu isaa caalaatti mirkaneeffate. Amantii
ummata bulchaan jira ofiin jedhuuf gonkumaa kan ulfina hin qabne tahuu
isaa dirreetti agarsiifate. Mootummaan kun Musliimota karaa nagaan qofa
mirga amantii isaanii kabajsiisuuf falmachaa jiran dhiibee gara
tarkaanfii humnaatti ceesisuuf dhiibbaan taasisaa jirus umriidhuma
aangoo isaa gabaabsa malee hin dheeressu.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 5, bara 2013
Full Statement:
- Afaan Oromoo
- Amharic
Source: oromoliberationfront.org
No comments:
Post a Comment