Aadaa Nyaataa fi dhugaatii
Gosni nyaataa fi dhugaatii bultoo ummata tokkoo keessatti xiyyeeffannaa jabaa qaba. Dhangaan nyaataa yeroo ayyaanaa ykn jaatanii gara garaa keessatti qopheeffaman kan akka Marqaa, Caccabsaa, Micciirraa, takii, Hulbata, Cuukkoo, Cumboo fi Cororsaa Qorii, Buna Qalaa, Daabboo fi kkf, akkasumas gosti dhugaatii kan akka Daadhii ykn bookni, qureen, akkatti hojjetamuu fi yeroon itti qopheeffamu marti haala ayyaanaa fi sirna ykn jila yeroo sanaa irratti hundaawa. Kunis waan armaan olitti ibsame faana walitti hidhata qaba.
Ayyaanaa fi buna
Amantii fi aadaa Oromoo keessatti bunni qooda olaanaa qaba. Kana malees seenaan dhaloota ykn argamni bunaas Oromiyaa keessa tahuun ilaalcha addaa qaba.
Buna akka aadaatti.- Oromoo biratti bunni araadaaf /suusiif bahuuf qofa osoo hin taane, ollaa walitti fiduuf akkasumas nyaataa fi dhugaatii keessatti bakka guddaa qaba. Namni fira ykn hiriyaa yeroo afeeruu barbaadu ”koottu buna dhugna” jedha. Afeerraan bunaa kabajaa fi ulfina qaba. Kanaaf hin didan. Nama karaa deemu yoo argan ” goraa buna dhugaa” jedhan. Namni bunatti dhufullee milkii gaariin akka quunnametti fudhata.
Buna akka amantiitti.- Namni wadaaja ykn ayyaana tokko godhatu kamuu mijuu qopheessu keessaa bunni isa duraati. Buna malee ayyaanni godhatamu tokkollee hin jiru. Qophii ayyaanaaf waan biraa yoo dhaban buna hin dhaban. Yoo buna dhaabanii Waaqa kadhatan namaaf dhagaya jedhama. Dhimma Waaqeffannaa keessatti qooda bunni qabu, akkaa fi akkaataan isaa fuula dura bal’inaan dhihaata.

No comments:
Post a Comment