Muddee 05,2013
Gabaasaa Qeerroo Shawwa Kaabaa magaalaa Kuyyuu irraa ibsuun Muddee
2/2013 barattootni sadarkaa 1ffaa fi 2ffa magaalaa Kuyyuu walitti
dhufannii mootummaa wayyaanee sirnaa fi gocha isaa balaaleffachuu
irratti dhaadannoo dhageessisaa turaniiru. Akka madda gabaasichaatti
dhuma mana barumsaa isaanii galgala keessaa saa 4:30 irratti(10:30 local
time) daandii irra osoo gara manaatti galanii barataan hunduu daandii
tokko irratti hiriiruun sagalee balaa fi jabaadhaan akkana jechuun
uummata dhageessisaa turaniiru.
Gumaa dhangalauu dhiiga ilmaan oromoo waltoomaan haa baasnu!!
Bilisummaaf wareegama haa gumaachinu!!
Nuti oromoodha habashaa miti!!!
We Are Oromo Fist!!….
Garboomuf hin dhalanne kan nu garboomsuuf dhamau nurraa haakau!!!
Umuriin abbaa hirree haa gabaabbatu!!
Jechuu fi sochii garagaraa kan qondaalota wayyaanee magaalaa sanii
yaaddeessu daandii irratti agarsiisuudhaan kakaumsa guddaa uummata
keessatti uumanii jiru. Kanaan wal qabatee barattoota hanga kana
qoratanii akka kaayyoo isaaniitti yakkaan qabuun isaaniif hin dandaamne
waan tahef Qeerroon Adda Bilisummaa Oromoo kutaa magaalaa kana keessa
seenee jira ykn barsiisotuma isaan barsiisantu shakkama jedhanii
dhoksaadhaan barsiisotas qorachuuf itti deemaa akka jiranii fi akka
walii galaatti aanaa kana keessa nama fuula haaraa yeroodhaaf
sakattaaa,qoradhaa wal hordofaa kan jedhu ajaja akka baasani jiran maddi
gabaasichaa addeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
No comments:
Post a Comment