KUTAA 1ffaa
Jiituu Lammii- Unbarsiitii Finfinnee
“….Nuti duunus du’uu baannus akeekni keenya ilmaan ilmaan keenyaatiin galma gaha…!”H/Maariyam Gammadaa 1968
Aadaa Oromoo keessatti sanyiin ooda. Sanyiin akkatti faca’u qaba.
Yeroo faca’u qaba. Lafa isaaf ta’utu jira. Akeeka faca’uuf qaba. Margee
akka calla gaarii kennu kunuunsa gaafata. Qonnaan bulaa gaariin kana
hunnda beeka. Lafa sanyichi jaalatu filatee qotee – bulleessee, dikee
ittigatee -xaa’omsee facaasa. Simbirri hamtuun akka hinfunaanne,
bineensi balaafamaan akka hinballeesine halkanii guyyaa eega. Biqilaan
gosa biraa keessa makamee itticobee akka hinquucarsine irraa cira.
Keessaa bubuqqisa. Yeroo gahu eegee walitti qaba. Calleessee galfata.
Antuunniif daanawoon akka hinyaanne kuusaa keessattis eegumsa tolcha.
Hagamuu rakkatullee sanyiirraa hinyaatu. Qooqa bulee bara dhufuuf
facaasa. Dhalootaaf sanyii dabarsa. Warri sanyii nyaate warra oodaati.
Oyiruutu lafa baha. Maatiitu beela’a. Maatiin beela’e gaadidduudhaba.
Ormaaf ergama. Qe’ee isaanii ormatu dhaala. Ijoolleen warra sanyii
nyaatee gurmuu hinqaban. Abbaa argetu waldhaansoof kajeela – humna
ittilaallata. Ulfina hinqaban. Fokkuun warra sanyii nyaatee himamee
hindhumu.
Firoottan koo, maniin dubbii kiyyaa waa’ee sanyii midhaanii miti.
Sanyii sanyii caalu kan hundi keenya ittirakkachaa jirrutu dubbii kanaan
wal fakkeenya qabaayyan akka kanaan dubbachuu barbaade malee. Saba
mirga abbaa biyyummaa gonfachiisuuf; akkasumas biyyi biyya ta’ee
birmadummaan akka jiraatu sammuu dhalootaa keessa sanyii sirrii facaasuu
gaafata. Warri akkaataa kanaan jabaatee dhaloota ijaarrate har’a saba
bilisa, biyya birmaduu qaba. Nuun kanatu nu hanqate. Kanaaf biyya
dhabnee gaaga’amne. Dhaloota sanyii sirrii harkaa hinqabne beela qoonqoo
otoo hintaane beela namoomaatu ajjeesa. Namummaa beela’nii du’uu caala
wanti qaanii ta’u hinjiru. Akka kanaan dhaloota maalummaa saba isaafi
egeree biyyaa isaa hubatee horachuu baannaan gaaga’ama sabaatu umrii
dheerata.
Kanaaf sanyii kana akkuma akka isaatti facaafnee dhalootaaf guduunfuu
qabna. Kana gochuuf ammoo ofuma keenyaafuu sanyii dhugaa harkaa
qabaachuu keenya mirkaneeffachuutu dursa. Kana gochuu hanqannee sanyiin
kun harka dhalootaatti waakkii taanaan nutu warra sanyii nyaate ta’e.
Salphinichis kanuma keenya. Dhugaa dubbachuuf har’a hundi keenya sanyii
kana wal qixa harkaa hinqabnu. Gariin keenya sanyii kana nyaannee
salphinatti hafnee namaaf ergamaa jirra ta’a. Gariin keenya ammoo sanyii
kana ol-kaayaa balleessinee nu harkaa badeera ta’a. Yookanimmoo
hantuunniif daanawoon nu harkatti fixeera ta’a. Gariin kenyaammoo lafa
hintaanerra facaafnee, ykn. kunuunsa dhoowwannee sanyiin gosa biraa nu
harkaa dhaale ta’a. tariimmoo sibmirroon diinaa funaantee, bineensi
hamaan balleessee sanyii malee hafneerra ta’a. Kun hunduu badiidha.
Bu’aan isaa dhalootatti waan hiixatan dhabanii, lafti ofii sanyii ormaa
magarsee ilmaan ofii yoo ormi ittiroorrisu arguu ta’e.
Karaa biraatiin, Warri sanyii dhufaa darbaan diroo lakkaayee isaan
qaqqaberratti cichanii bineensa hamaafi shimbirroo diinaa irraa
faccisanii, gatii jabaan, waldhaansoo guddaan dhaloottatti diroo
dabarsaa jiran yaadachuu qabna. Hunda caalammoo sanyii kana wal harkaa
fuunee dhalootatti dabarsuun sabatti- abdii, biyyatti- ulfina horuuf
sammuu dhalootaa keessa sanyii kana facaasuu, isa faca’e kunuunfachuun
hojii keenya ta’uu qaba. Kanaaf, faana warri sanyii kana nuun gahe
keessa darbe akeekkachuufi dhaamsa sagalee isaanii kuusaa seenaa keessaa
barbaadanii qalbeeffachuun hojii kanatti human hora.
Kanaaf jecha akkaataatti dhaloonni baroota keessatti walfuree, seena
wal harkaa fuudhee sanyii kan nuuf dabarse hubachuuf taateewaan tokko
tokko gumbii seenaa keessaa fuunee akka waliin yaadannun hawwee – turtii
gaarii.
1966, Arsii –Dheeraa.
Barri kun bara Waldaan Walgargaarsa Maccaafi Tuulamaa golee Oromiyaa
hunda keessatti karra diinni cufe saaquun Oromoo wal agarsiisuuf sochii
jabaa ittijalqabe ture. Guyyaaan armaan olii kunimmoo guyyaa saba wal
yaadachiisee miirri tokkummaafi abbaa biyyummaa ittihaarome, Oromoof
guyyaa addaa ture. Oromoon, guyyicha haala kanaan dura argameefi
dhagahamee hinbeekamneen uggura diinaa cabsee kumaatamaan gaaddisa tokko
jalatti bakka kanatti wal gahe. “….burqituun walitti yaatee galaana taati. Akkuma kana dhalli namaas [Oromoonis] wal gahee biyyaafi saba guddaa ta’a!”
jedhan namguddoo beekamoon tokko haala uumamaa jiru qalbiin erga
xiinxalanii booda saba kana gargar ittisuun diinatti qormaata jabaa akka
ta’uu danda’u tilmaamaa. Tilmaamni isaanii otoo xinnoo hinturree human
nafxannyootaa akkuma dur ittifakkaatee saba guddaa kana walirraa
ittisuuf ergametti baallee kolfaa kaayee har’uun dhugoomuu jalqabe.
Sanyichi yeroo isaaf malutti bakka isaaf ta’utti faca’era. Amma wanti
ittaanu sanyii kana simbirroon diinaa akka hinfunaanne jabaatanii
eeggachuu ture. Kanaaf ammo warri sanyicha facaasan hanga mil’uu
ijaallee otoo hindagatanii “…ani kan garaa koo garaatti deeffadheera!
Kana booda waan fiddan fidaa…!” jechuun Sanyii dabarsanii bineensatti
kennuurra lubbuu ofii kennuu akka filatan dhugoomsan. Sana booda
sagaleefi raawwiin lammii garaa ciibsu qe’ee Oromoo keessaa burquu
eegale. “ …hojiin nuti jalqabne hanga bofa garaa seeneeti. Gadis
harkifamu, keessattis dhiifamu summii isaa facaaseera waan ta’eef bu’an
isaa tokkuma. Nuti duunus du’uu baannus akeekni keenya ilmaan ilmaan
keenyaatiin galma gaha…” jechuun sanyiin facaasan dhaloota keessatti biqilee Oromoof furmaata, diinaafimmoo summii bara baraa akka ta’u raagan.
Gama biraatiin diinni bardheeraaf akka waan aangoon Waaqirraa isaan
qofaaf kennametti himachaa ture dacheen ittiin sochootee abidda kana
ofirraa dhaamsuuf wixxisuu jalqabe. /Ittifufa/
Kutaa ittaanu keessatti lamaanuu wal bira qabnee ilaalla.
Horaa Bulaa!
No comments:
Post a Comment