Gabaasa Qeerroo Jimmaa, Amajjii 18,2014
Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraattii daldaltotni Saboontotni Oromoo
Manneen daldalaa magaalota irra qaban biiraa baddallee daldaluu dhaabuun
eenyummaa Oromummaa isanii habashaa sirna miniliik faarsaa jirtutti
argisiisan. Haala walfakkatuun Hootelonni, Restooraantiinii fi manni
bunaa sabboontota Oromoo magaalaa Jimmaa, Aggaaroo, Beddeellee ,fi
Mattuu keessaatti argaman biiraa beddeellee namni dhugee fi daldalee
dhiigaa ilmaan Oromoo dhuge jechuun sabboontotni Oromoo Warshaan biiraa
beddellee Tediiy Afroof konsertii qopheessuun waggaa dhibbaaffaa
Miniliik kabaajuuf kan yaadamee diddaa ilmaan Oromoo biyyaa keessa fi
Alaa godhaniin kan fashalaa’e yoo ta’uu, diddaan kun amma illee biyyaa
keessaatti ittuma fufaa jira.
Uggura Qeerroon Bilisummaa Oromoo Warshaa biiraa Beddeellee fi Teediiy Afroo sirna Miniliikii Oromoo irratti faarsu irra kaa’ee hordofuun sabboontootni daldaltootni Oromoo eenyuummaa, sabboonummaa fi Oromummaa isanii diinota ilmaan Oromootti argiisiisuuf qajeelfama Qeerroon bilisummaa Oromoo biyya keessaatti sochii bilisummaa Oromoof warraqsaa karaa nagaa gaggeessa jirutti amanuun ajaaja qeerroon dabarsee hojiitti hiikuun walqabatee xalaayaan jajjabinaa fi eenyumaa Oromummaa isanii fi hojii daldalaa isaanitti isan jajjabeessuu qaama Qeerroo godina dhihaa irraa barreeffameefitti akka malee kan
gammadan ta’uu qeerroon hubatee jira.

No comments:
Post a Comment