Amajjii 30, 2014
Kutaa 1ffaa
By Miliyon Taddesse
Barreffamni koo kun gaaffii lama of keessaa qabdi tokkooffan
Oromoon biyya Itophiyaa jedhamtu keessatti karaa filannoo nagaan mo’atee
wayyaanee angoo irraa busee angoo qabachuu ni danda’a? Lammaffaan ammo
Oromoon biyya Tiphiyama jedhamtu kana keessaatti ilmaan habashotaa
waliin ta’ee enyummaa fi mirgii isaa kabajamee jiraachuu ni danda? Kan
jedhu dha.
Garaa qaama barrefamakotti gaafan seenu,akkuma beekamu Ummatni Oromoo
akkuma saboota addunyaa kana irratti argamanitti, ummata seenaa of
danda’ee, biyya sarara daangaa beekamaa qabu, aadaa, afaan, duudha fi
qora-qalbi sabbummaa kan barootaa kumaatamaan lakkaawwaman kuufachaa
dhufe kan qabuu fi seenaa bulchiinsa fi aadaa siyaasaa adunyaa kanaaf
bu’ura dimokiraasi kan ta’ee, sirna gadaa kan qabu akka turee seenaan
jiruu ragaa ni ba’a. Haa ta’u malee
garuu ummatnii Oromoo akka nagaan hin jiraanne bara minilik humnaan
biyya isaa weraree lafaafi qabenyaa isaa irra fudhatee enyuummaa Oromoo
kan Amaraatti akka jijjiramu taasisee kasee senaan, afaani fi Aadaan
Oromoo yeroo yerootti babadaafi cunqurfaamaa kan dhufee yoo ta’uu
Ammalee jijjiirama bifaa fi maqaa yoo ta’ee malee ittuma fufee
jira,Barota dheraa darban kessa eegdoota sirna kiyoo gabroonfatoota
Amaaraara (warren saba Oromoo human Amaaromsan), waggota 22 as ammo
egdota sirna kiyoo Itoophiyaa kan ta’an hogganoota Wayyaaneetiin
warranni Oromoo balessuu ittuma jira. Fuldurattii kun Oromoo irraa ni
dhaba hin dhabbatuu waluumaan ilaalla. Waanin kaasuu barbaadu garuu akka
kiyyattii, gitni bittaa garee lamaan kun bifa isaanituu adda adda malee
isaan Oromoof tokkuma, sabaabni isaas sirni kiyyoo gabrummaan ummata
Oromoo fi Oromiyaa irratti dirriirfame kuni dantaa gita bittuu
Habashotaa kan walii gala kan eeguu fi tiksuu malee dantaa Oromoo kan
eguu fi tiksu miti. Sirni gittota bittaa Habashaa lammeenu sirna aadaafi
Afaan Oromoo jibbuu garuu sirnaa qabeenya ummata Oromoo jaallatu fi
saamuu dhan jiraachuf barbaadu dha. Waldhabiin gittota lammanii kun
Oromiyaa irratti ool aantumaa gartumaa siyaasaa qabaachuuf irraan kan
ka’ee altokko tokko wal moormu, yeroo Oromoon jabbaate tokko ta’ee ka’uu
garuu lammen isaanu oromorratti ka’uuf tokkumma umuu. Kanaaf ammo raga
kan ta’uu seenaa walhubannoo fi waliigalteen Miniliki fi Yohaannis kan
Dirree Boruu ni himaa.
Warren Habashaa egaa har’as boris kan isaan irratti yeroo hunda walii
galan kessa; sab-boonnumaan oromo akka hin dagagnee gochuu innis:
aadaa, seenaa, afaan duudhaa fi waan Oromoo saboota biro irraa adda isa
godhuu akka lafa hin qabannee gochuu, fedhii isaa fi qabeenya biyya isaa
irrattii mataa isaan ajajaa akka hin taane, sabni Oromoo bilisa ta’ee
waan kiyya kan jedhu hunda akka mataa isaatiin ajaju hin dandenye godhu
dha. Kanaaf Warreen habashaa kalessas, har’as, gara fuldurattis ummata
Oromoo fi enyumaa saba Oromoo adunyaa kana irraa dhabamsisuudhaan
maalummaa isaa fi seenaa isaa Irranfatee habashaa fakkaatee, ofitti
qaana’ee, enyumma isaa dhisee isaan akka habashummaa akka enyummasaa
jedhee himatu barbaadu. Kaayyoon isaanii hojii abbootiin isaanii
jalqaban dhuggoomsuu fi fiixa baasuuf, sabni Oromoo akka Itoophiyuummaa
fi enyummaa Itoophiya akka mallattoo isaatti fudhatee faalla seenaa isaa
dhaabatu godhanii tursiisudhaaf akka ta’ee jala murre kan hundi kenyaa
hubanne dha. Rakkoon ummatni Oromoo eega kiyyoo garbrummaa warra
Habashaa jalatti kufe kaasee irra ga’ee; ajjechaa, biyya isaa gadhisee
baqaa deemuun bakka baqaatti du’uu,senaan Oromoo inni dhugaan senaa
sobaa kan isanitiin dibamuu fi laaqamuu,qabenyaan saamamauu, beela,
gadadoo, tuffatamu, akka gad antummaatti ilalamuu, dhiphinaa, salphinaa
fi dhumiinsaa dha. Hangaa yonaa garuu Oromoon rakko kana jalaa ba’uuf
hin dandeenye sababiin isaas haallii siyaasa Oromoos ta’ee kan Impaayera
Itophiyaa hedduun walxaxaa fi kaan umrii wayyaanee dheressuf mija’aa
ta’ee argamaa jiraachu dha. Walxaxaa kan isa taasisaa jiruu keesaa tokko
dhabotni siyaasaa Oromoo gara garaaraa yeroo yerootti bakka adda
addaatti dhaabbachuun walii isaanii fi ofii isaanii giddutti akkasumas
warren Habashotaa tayitaarra jiranis ta’ee taytaarra ba’uuf deeman
giddutti falammii deemsisaa jiran irraan kan ka’e dha. Humni TPLF
jarmiyootni siyaasa Oromoofi warren biro isa morman waldura dhaabbannoo
isaan walii isaanii giduutti geggeesaniif haala mijaawaa uumaafi
jirachuu hubateraa. Toftaan kunis Oromoon akka cimee isa dura
hindhaabaneef aanjaa uumaafi jirachuu hubataniruu. Haga humnooti Oromoo
siyaasaa wayyanee kana morman kun humna isaanii wal-irratti fixanitti
wayyaneen umrii bullchiinsa sukkanessaa isaa taakkuu tokko fi lama achi
butata jira. Wayyanootni ofii isaanii rakkoo waal gidduttii ha
qabaatanillee malee rakkoo isaanii dabarsaanii qamaa biraattii hin
kennaanii kun ammo toftaa fuula duratti isaan ademsisuuf ykn butuuf
isaan qopheessa, haalas ni mijessafi. Warrii Amaaraas akkasuma qaawwaa
argameen Oromoon akka waldiguu fi qabsoon sirnaa abbotii isaanii
deebisuuf gaggessaa jiraan akka cimu hala mijataa ummachaa waan jiran
fakkaata.
Rakkoo guddaan fulduratti Oromorratti gabrumma dheressuuf haala
mijataa umuuf jiruu keessa inni tokkoo jarmiyotnii Oromoo ilaalchaa
walirraa fagaatee horachaa deemuu fi Oromoo yadaan walirraa fagaassaa
deemuu isaaniiti. Kana keessaa tokkoo Oromootnii qabsoo bilisummaa
Oromoo irraa adda ba’aanii kayyoo bilisummaa kan lubbuun ilmaan Oromoo
hedduun irraatti dhumee dubatti dhiisanii Itopiyaa dimokrattoftee umna
jedhanii warren humnaa Oromoo bakkaa hedduutti digan umamaa dhufuu
isaaniti.
Ani akka shammarree Oromoo tokkootti yeroon yaaduu, jaarmiyotni amma
biyya Itophia keessatti warren Habashaa waliin taanee sirna warraaqsa
dimokrasi dhuga dhabnee Oromoo angessinee Habashoota waliin taanee
jiranna jedhani maqaa adda adda dhan of moggaasani qabsoo bilisumma
Oromo irra achii ba’anii of gurmessun bu’aa isaan gara fuldurattii
fidan jira jedhee waan natti mul’atu hin jiru. Daranuu sammuu
dargaggotaa fi qabsa’ota Oromoo ballessuufi tokkumma ilmaan Oromoo
diigu, lafeefi dhigaa qabsa’oota Oromoo bilisummaa Oromoof jechaa
caccabee fi dhangala’ee akkanumaan dirree irratti hambisuu male faydaa
ka bira Oromoof ni qabataa jedhees hin yaadu . Biyyi Impayera Itophia
jedhamtu kellessas har’as boris Oromoof mana hidha, mana saamichaa fi
mana enyummaa Oromoo balleessu malee mana Oromoo ijaaru miti. Kun
waanuma duris ta’ee ammas umrii keenya kana keessattii hubachaa dhufne
dha. Hara’as jalqabarratti dhihenyuma kana kessattii waan bay’ee arga
waan jirru dha.
Mee qaphxiiwwan adda addaa kaasuun barbaada.
Qabxii 1ffaan ka’uu qabuu wayyanee karaa filannoo nagaan angoo irraa busuun ni danda’amaa?
Kana ilalchisee; akka anii mataa kiyyaan yaadutti yoo jaarmiyotni
amma kara maqa Oromoon gurma’ani biyya galuun Ithiopia dimokratessuf
jecha Wayyanee kara nagaan qawwee malee qabsoofne angoo irra busnee
Oromoo garaa angoo qabsisuutti fidnaa jechuun wan tasa yaadamuu hin
qabnee dha. Kana ammo akka ragaattii waggottan hedduu kana keeessatti
addunyaan marti kan hubatedha, nutis hundi keenya waan argaa jiruu dha. FKN
yoo fudhanne, waggottan darbaan keessattii warren qabso bilisumma Oromo
abaaranii biyya keessatti gurma’anii filannoo irratti hirmaachuun
qabsoo kara nagaa gaggessa jiran irraa barachuu hin dandeenyu taanaan
kun rakkoo adda bira akka qabnuu agarsiisa. Numaaf galuu didee malee
Malasa Zanaa haala tuffii of keessaa qabuun durumaanuu ifatti
labsataniruu. Akka Malasaa Zenaa utuu hin du’iin dura dubbatettii;
qabsoo lafeefi dhignii ilmaan Tigray hedduun itti dhangala’ee karaa
filannoon fudhanna jechuun waan hin yadamnee jedhee turee. Ammas kanumaa
nutti agarsisaa jiru.
Obboo Bulchaa Dammaqsaa yoo fudhanne ilaallee waa bayyee irraa
baranna. Jalqaba Obboo Bulchaan dhaaba qabsoo bilisumma abaarudhaan
sirni federalisimi ummata Oromoof ga’a dha sirna kanaan olitti Oromoof
waan biraa hin barbaachisu jechuun biyyatti debi’anii qabso filanno
eegalani. Yero amma garu sadarkaa Obbo Bulchaa Dammaqsa irra jiran
baruuf hundi keenyaa waan gaffii nu kasisu miti. Kara nagaan falmatanii
motummaa Wayyanee angoo irra fudhachuun akkasumas mirga ilmaan Oromoo
biyya Itophia keessatti kabachisuun akka hin danda’amne hubatani harkaa
fi milaa sassaabbatani ta’uuf murti irra ga’ani jiru. Yeroo darbaan
kana keessattis Obboo Bulchaan kan falmii gaggeessaa turaan Wayyanee
qofaa waliin hin turree warren tokkumma Itophiyaa jedhanii kessa
isaanitti summii Oromoo fixuu baatanii maqaa tokkummaatiin socho’aa
turan walinis turee, kunimmoo sababoota maalirraan ka’anii akka ta’ee
garaa boodaatti ibsufan yaala.
Dr. Marara Guddinas yoo fudhannee jalqaba barreeffama isaatiin dhaba
OLF abaaruun jalqabani, ummata Oromoof kan barbaachisu sirnuma amma
biyya Itophia keessa sabota biraa waliin jiraachuu ta’ee garuu sirnaa
federalizimii dhugaa ta’uu qaba jedhani qabsoo filannoon Wayyanee
mo’atani Oromoo angoo qabsisuu egalani. Haata’u malee qabsoo Dr.
Mararanis ta’ee deggartotni isaan gaggeessaa turaniin bu’aan isaan fidan
waa takka hin jiru. Kan Dr. Mararaan amma jechaa jiranis filannoon
dorgomani motumma Wayyane angoo irraa fudhachuun waan hin yadamneefi
filannodhuma irratti hirmachuun bu’aa akka hin qabnee fi Oromoo bilisa
basuuf toftaan adda biraa yoo umamee malee akka filannodhaan hin
danda’amne haasaa isaanii keessatti yeroo adda addaattii ibsa akka ture
argineerra. Dabalataaniss Dr Mararaan yeroo adda addaattii
barreeffamota isanii irraattii sochiin warren Wayyaness dabalattee
warren Habashaa enyummaa Oromo balleessuuf deeman waan ummata Oromoo
garaa haala fokkisaatti adeemsisuu akka ta’ee ibsaa turaniruu. Waluuma
gala garu bu’aan filannoon kara nagaa Oromoof argamsisee hidhafi
ajjeecha hojirra ari’amuu ilmaan Oromo malee bu’a tarkanfataa fide hin
qabu. Waan nama gaddisiisu keessaa qabsoo kara nagaa jedhamee gaggeffama
ture kessattii kan midhamaa ta’ee warren gaggessitota osoo hin ta’iin
miseensotaafi deeggartota warren jala jiraan ture. Sababiin isaas
motummaan Wayyane toftaan itti fayyadame gaggeessitoota warren addunyaan
isaan bektu dhabamsisuu osoo hin ta’iin deggartotafi miseensota isan
jala jiran qulqullessudhaan gaggeessitotaa qofaa isaanii mataa
gubbaarratti hambisun dhaba isaani lamshessu ture. Kun ammo Wayyaaneef
fixa ba’insaa argamsiseera. Yeroo amma miseensotni fi deggartotni dhaba
kana heddun shorerkessittuu jedhanii maqaa sobaa itti maxxansanii mana
hidha kessattii darararamaa jiru, kan hidhaa irra hafe Bulcha dammaqsafi
Dr. Mararaa akkasumas darbe darbee namotni xiqqon hafani ta’u danda’a.
Kan hoji isaa irra ar’iame akkasumas kaan Wayyaanee fi OPDOn wabii
jireenyaa dhabsiisuun darara jirtu ammo lakkoofsaan heddu dha. Ammas
wanti gara fulduratti jaarmiyoota siyaasaa Oromoo kan akka haaratti
ijaaramaani fi ijaaramaa jiran kana eggatu kana irraan adda natti hin
fakkatu. Dr. Nagasoo yoo fudhanne ilaallees waan bay’ee irraa baraanna.
Innis Dr. Nagaasoon ergaa angoo presidantummaa Wayyanee dhitanii
ba’anii kaasee sochii qabsoo kara nagaan Wayyanee angoo irra busuu
gaggeessaa turaniruu. Dabalatan ammoo Dr. Nagaasoon Oromoo irraa achii
ba’anii dhabota Habashaa warreen summii Oromoo balleessu of keessatti
bataananii maqaa tokkuumma umattota Itophiyatiin socho’an waliin ta’anii
sochirra turaniiru, yeroo amma garuu isan walinillee hojjechuu waan
hin dandenyeef dhaba isaniis gadi lakkisanii qabsoon biyya Itophiyaa
keessatti gaggeffamu na ga’aa jedhani ba’aniruu. Kunis sababoota waan
heduu of keessatti qabaata gara boodaatti itti dhufna. Ammas wanti gara
fulduratti jaarmiyoota Oromoo yeroo amma akka haarawaatti bakka sagaltamii sagalitti
ijaaramaa bu’aa isaan busuu danda’ani humnaa fi tokkumma Oromoo addaan
cicciruu malee bu’aa adda biraa waan fidan tasuma natti hin mul’atu.
Sababiin isaas kayyoon dhaabota kana kayyoodhuma motumma Wayyane waliin
wali galte umudhaan sabota biro waliin ta’uun kara nagan falmani
mo’achuun sirna warraqsa federalizimi wal fakkata umuudha waan ta’eef.
Haala waggota hedduu kana keessa hubanneerran kan ka’e Wayyane kara
nagan falmani ango irra molquun mirga Oromoo kabachisna jedhanii yaaduun
abjuu guyyaa keessa abjotamu natti fakkata.
Qaphxiwwaan warren kan ammo kutaa 2ffaan itti fufaa. Galatoma!
Yadaa yoo qabaattan kanaan na ergaa, miliyontaddesse@gmail.com
No comments:
Post a Comment