Gabaasa Qeerroo Magaalaa Najjoo Irraa Fulbaana 8,2014
- Mootummaan wayyaanee gaaffii uummataa deebisuu irraa tarkaanfii ajjechaa fi hidhaa itti fufuu waan karoorseef yaaa uummata Oromoo kaanee mirga keenya haa falminu
- Tokko-shaneedhaan qote bulaan keenyaa hin hidhamin, kun diinaaf saaxilamuu waan ta’eef tokko shaneen wayyaanee ganda keesatti diriirfatte kuni ammaa kaasee diigamuu qaba,
- Mirgi barataa ni eegama jedhamee kan dubbatame soba,gaaffiin haqaa gaafatamee jiru waan deebii nu dhorkaniif mirgi hin jiru mootummaan wayyaanee sobduudha,
- Barataan gaaffii saba isaa bakka bu’ee gaafate maalif mana hidhaa keessatti dararama, hidhamaan keenya haa gadhiifamu,ta’uu baannan qabsoon keenya uummata keenya dabalatee itti fufa,
- Diinni utuu nun seenin, utuu nurratti hin jabaatin,tokkummadhaan kaanee lollaa ka’I yaa Oromoo,
- Oromiyaan bilisoomuun qabsoo uummata isheetiin waan ta’eef uummanni oromoo dammaqee diina waliin fincila itti fufuu qaba,
- Fincila booda gara hiree murteeffannaatti dhufna qote bulaan,daldalaan,barsiisaan hojjetaan garagaraa diina dura dhaabbachuuf haa kaanu,
- Seenaa ABO kan hin beekne mootummaan wayyaanee amma irraa kaasee dhaabuu qaba,
- Maqaa shororkeessuumaan dhaaba keenya ABO yakkuun haa dhaabbatu,
- Mirgi shamarranii fi hoj-dhabdootaa haa eegamuu
- Oromiyaan ni bilisoomti,
- Muktaar Kadir Oromoo bakka bu’uu hin danda’u, Oromoof kan dhaabbatan,dhiiga Oromummaa kan qaban haa filaman,
Kan jedhuun guyyoota lama dura magaalaa Mandii keessa barattootni walgayii irraa galan barruu bittimsanii turan,sochii fi kaka’umsi uummataa aanaa Manasibuu irratti ta’e gara magaalaa Najjootti cehuudhaan kaleessaa fi har’a jechuun Fulbaana 7 fi 8 sochiin jabaatee waan dhufeef humni waraana wayyanee federaala irraa Fulbaana 6 irraa kaasee halkan halkan gara sanatti guuramaa jiru,naannoo san kan qubatee jiru hanga har’aattis kan baayyinni isaa dabalaa dhufe halkan kaleessa Fulbaana 7 irraa kaasee aanaa Mandii,Najjoo fi naannoo isaa halkan sa’a 3:00 booda namni deemuu akka hin dandeenye ta’ee,namni daandii irra socho’u sa’a sadii booda humna waraana wayyaaneen qabamee reebamuu fi hidhamuu kan irratti raawwataa jiru tahuu isaa fi hawaasni jiraattootni lixa oromiyaa akka walii galaatti mootummaa wayyaanee mufachuudhaan fincila gaggeessuu irratti akka hiriiraa jiran gabaasni Qeerroo Mandii irraa addeessa.
No comments:
Post a Comment