Gabaasa Qeerroo Guraandhala 24,2015

Dhimma
abbuummaa lafa qonnaan bulaa fi qaala’iinsa jireenyaan wal qabatee
Oromiyaa naannoo garagaraatti uummataan gaaffiin ka’aa jira. Odeessa
Qeerroo gara lixa Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa fi Wallagga Bahaa irraa
akka gabaasutti, Guraandhala gaafa 17/2015 irraa eegalee godina Iluu
Abbaa Booraa aanaa Gachii magaala Gachii keessatti dhimma lafaa fi
Oromoota yakka malee hidhamaniin wal qabatee gaaffii mirgaa ka’een,
obboloota keenya mana hidhaa keessa jiran hiikamuu akka qaban
jechuudhaan uummanni gaafachaa oolaniiruu. Haala kanaan daandii
cufuudhaan dhaamsa;
- Obboloota keenya hidhaman haa hiikaman,
- Lafti seeraan ala qonnaan bultoota irraa fudhatame akka hatattamaan deebi’u.
- Namni yakkaa fi badii tokko malee mana hidhaa mootummaa keessa jiru
kan hin hiikamne yoo tahe filannoon naannoo kenyatti hin gaggeeffamin,
- Filannoon dura hidhamtootni dhimma amantaanis tahe dhimma eenyummaa isaaf mana hidhaa jiru hiikamuu fi gadhiifamuu qaba;
Kan jedhu erga telefoonaan waliifis dabarsuun guyyaa kana daandii
cufuun kan oolan tahu odeessaan Qeerroo achirraa nugahe addeessa.
Haaluma kanaan sochiin naannicha irratti Sambata darbe eegale mootummaan
Wayyaanee gaaffii isaanii kanaaf hedduu yaadda’uu fi mufachuu irraan
kan ka’e tikoota fi milishooti Wayyaanee uumata marsanii jiraachuun
gabaafame.
No comments:
Post a Comment