Tuesday, February 24, 2015
Waldorgommii Ispoortii Akka Oromiyaatti Magaalaa Jimmaa irratti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee Guyyaa hardhaa Magaalaan Jimmaa Wallee Warraaqsaa FDGf uummata qopheessuun dhuunfatamte .Poolisootni Oromiyaas sochii Qeerrootti makamuun Wallee Warraqa wallisaa turan.
Guraandhala 23,2015
Waldorgommii Ispoortii Akka Oromiyaatti Magaalaa Jimmaa irratti
gaggeeffamaa jiruun wal qabatee Guyyaa hardhaa Magaalaan Jimmaa Wallee
Warraaqsaa FDGf uummata qopheessuun dhuunfatamte .Poolisootni Oromiyaas
sochii Qeerrootti makamuun Wallee Warraqa wallisaa turan.
Goototni Dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa,
Koolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo
jirattootni magaalaa Jimmaa bakka waldorgommiin Ispoortii Shaampiyoonaa
Oromiyaa gaggeeffama jirutti walitti qabuun Walleelee Warraaqsaa
qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu fi FDGf uummata qopheessuu
qabsiisuun magaalaa Jimmaa keessa naannaa’uun eenyummaa, Oromummaa fi
gootummaa isanii ibsachuun uummata haalaan dammaqsan. Guyyaa hardhaa
Istadeumii Magaalaa Jimmaa keessatti yeroo taphattootni Kubbaa miilaa
Magaalaa Amboo fi Jimmaa taphatan walleen warraaqsaa haalaan jabaate,
magaalaan Jimmaas raafama guddaa keessa seente, humnootni basaasaa
to’achuu hin dandeenye., Walleewwaan Warraaqsaa dhageesisaan keessaattis
Jimma kan keenya, Amboo kan keenyaa, Finfinneen kan keenya, Wallaggaan
kan keenya, Iluun kan keenyaa, Harargeen kan keenyaa, Adaamaan kan
keenya, Bishooftuu, Burraayyuun, Holotaan, Sulultaan, Xaafoon, fi
Sabbataan kan keenya Oromiyaa Badhoon biyya keenyaa jechuun haala
uummata hawwatuun wallee warraqsaa magaalaa Jimmaa keessa nanna’uun
finiinsan. Poolisota Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessa jiraniif goototni
qeerroon barattootni Oromoo waamicha ”Poolisiin kan keenyaa” jedhu waan dabarsaniifPoolisootni hedduun wallee warraaqsaatti makamuun gootota sabboontota Oromoo waliin wallee warraqsaa finiinsan. Walleewwan warraqsaa Goototni Oromoo finiinsan kunis mataduree: akka halagaan Oromiyatti hin seenne”, Yaa gadhee maaf fokkortaa dhiira namarra baasa kobbortaa’‘, ”Siifan lolaa uummataa narra hin gortuu” kanneen
jedhaman ifatti magaalaa Jimmaa keessa naanna’uun uummata
sochoosan. Diinaafis firaafis haagaluu jechuun goototni Qeerroon
barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, kolleejjii barsiisota Jimmaa
fi dargaggootni Oromoo jiraattootni magaalaa Jimmaa sodaa tokko
malee ifatti wallee qabsoo warraaqsa FDG qabsiisuun hidhaa, du’aa,
fi daraara fedhee illee fudhachuuf qophii ta’uu ibsatan.
uummaatni jiraattootni Magaalaa Jimmaa daandiitti gadii yaa’uun
gootummaa dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo kana kan
ajaa’ibsiifatan yoo ta’uu Poolisootni Oromiyaa Wallee warraaqsaa kanatti
makamuun qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan.
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
No comments:
Post a Comment