Taammanaa Bitimaa irraa |
Dubbiftoota barruu tanaa jaalatamoo fi
kabajamoo, wannin harra isiniif dhiyeessu kun dubbii dureewwan warra
Wayyaanee keessaa inni tokko raasaa kana kallachumatti, uummata Oromoo
fi saba Oromoo guddicha kana irratti dhaadate kan ilaalu. Nama dubbii
biidiyoon nuuf dabarfame kana qalbeeffateef, namtichi Abbaay Tsahaayee
jedhamu kun ifumatti duulaa fi waraana saba Oromoo irratti banuu isaa
hubata. Mee yaa Waaq aangoo fi saammatanii buluun akkanatti ija namaa
cufaa? Akkanatti sammuu ilmoo namaa isa hubatee akka yaaduuf uumame,
gara sammuu horii fi bineeyyiitti gadi-buusaa? Namtichi baddaa Tigraay
irraa harree ooffatee barabaasoo, bututtuu fi kilaashoon Oromiyaa
seenee, saammatee abbaa-kitilaa (“millionaire“) tahe
kun eessa dhaabatee? Maal irra taa’ee nutti dhaadata? Eekaa, nu Oromoota
kitila 46-ol (46 000 000 +) taanetti dhaadataa? Yaa Oromoo koo, warri
Wayyaanee kun garamitti nu dhiibaa jiru? Jarri qaarutee fakkaatan kun
gara raatuutti of-geeddaruun, akka nuti gaaraa-dakaa tokkoomnee olkaanu
nu gochaa jiru!
Maarree, erga dhiibamnee, erga ijuma teenya
duratti uummanni keenya araddaa fi qeyee isaa irraa buqqifamuun
itti-fufee, akka nama tokkootti waltahuun oljechuu malee, filmaata biraa
tokkollee hin qabnu. Jarri kun, ee warri nafxanyoota haaraa kun
tokkom-tokkoon gara nafxanyoota moofaa saniitti of-jijjiiraa jiru. Mee
as irratti waan tokko! Muummichi warra Dargii, kan Mangistuu
Hayila-Maaraam jedhamu bar tokko, ee oggaa warri Wayyaanee kun qabasaawota turan, tuffii uummata Tigraay irraa qabuun kan ka’e: “wanni nuti Tigraay irraa argannu chookii tokkichallee nuuf bituu hin dandayu”
jechuun, uummata Tigraay kabajamaa san isa eeboon madeesse caala arraba
isaa addaggee (baalagee) sanaan madeesse. Kun jiraa nama Tigraay
dhiisii du’aan isaatuu akka waltahuun qabsaawu isa taasise. Nama Tigraay
dhiisitii nutuu akka namummaaf jenneetoo namummaan isaan mararfannu,
isaan gargaaru nu taasise. Ammas addaggummaa fi sanyummaan “waddii”
Abbaay Tsahaayee kun jiraa Oromoo dhiisitii du’aan isaatuu, akka
mootummaa isaa kanatti ka’uun ofirraa gombisu gochaa jira. Dureewwan
warra Wayyaanee kanaaf waayeen: aadaa Oromoo, lafa Oromoo, tolcha
Oromoo, odaa fi caffee Oromoo, awwaala fi galma Oromoo faa tokkoyyuu hin
galleef jechaa dha. Oromoof lafnii fi lafeengadameessa tokko keessaa akka bayan, lafa isaa qabachuun lafee isaa caccabsanii nyaachuu
akka tahe ganaa hin galleef jechaa dha. Kun nafxanyoota Amaaratii
galuuf waggaalee 80 isaan irraa fudhate. Kaan isaanitiif garuu,
ammumallee homaa hin galleefi. Nafxanyoonni Tigraayiif kun akka isaanii
galuuf waggaalee 80 isaan barbaachisa moo maal dubbiin? Garuu,
dhaloonni harraa kun, keessumaa Dhaloonni Qubee kun burkaanni (“volcano“) Oromoo akka daddafeetoo dhowu taasisa.
Uummanni Oromoo mirgaa fi haqa, qeyee fi
araddaa, manaa fi ala, qabeenya fi leecalloo uummata Tigraay tokkollee
hin tuqne. Daangaa iaanii hin dabarre, laggeen isaanii hin summeessinee,
dhalawwan isaanii hin galaafanne, jaarsaa-jaartii isaanii hin
salphifne, namoota isaanii manneen hidhaatti hin guurre. Warri Wayyaanee
kun garuu, wanneen ilmoon namaa ilmoo namaa irratti hin raawwanne,
wanneen suukaneessoo hedduu uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa irraatti
adeemsisanii jiru. Wanneen nafxanyoonni Amaaraa Minilikii fi Raas
Daargeen faa Oromoo irratti adeemsisan keessaa kan isaan hafee
harma-muraa fi rakraka-muraa, ija-buqqisaa fi funyaan-kutaa faatu isaan
hafe. Bosona Oromiyaa irbaata ibiddaa gochuu fi haroolee fi laggeen
Oromiyaa summeessuu kan nafxanyoonni moofaan hin goonee isaan
adeemsisanii jiru. Kumaa-kumaatamaan Oromoonni akka biyya ofii
gaddhiisanii lubbuuf baqatan godhanii jiru. Dhalawwan Oromoo isaan
qurxummii namnyaataa, shaarkii jedhamuun Galoo Adan keessatti
liqimfamnii hafan, kanneen adaala Sahaaraa keessatti irbaata bineeyyii
tahan, cirrachaan awwaalamanii hafan faa manneeni fi gumaa-baasaan
Oromoo haa lakkaawu!
Silaa mee, nama miiddhaa fi roorroo jala turetti, miiddhaa fi roorroo nama irratti adeemsisuun isatti ulfaataa! “Waddii”
Abbaay faa ammoo gammachuu fi bashanantiin kanneen adeemsisaa jiru.
Isaan irraa namummaa fi nameenyi keessaa cunfamee dhumee jira. Jarreen
kun hacuccaa fi rooorroo, abbaa-garummaa fi anamalummaa, of-tulummaa fi
sanyummaa bakka amantii ofii buufatanii argamu. Warreen akkanaa kana
uummanni Oromoo fi uummanni Ogadeeniyaa, uummanni Afaari fi Sidaamaa,
uummanni Hadiyyaa fi Benshaangul, uummanni Sulula Omoo fi Gambeellaa
waltayee ofirraa isaan gombisuu malee, filmaata biraa hin qabu. Oromoon
biyya namaa hin dhaqnee biyya ofii irratti biyyee ofiitiif, lafa ofii
irraatti lafee ofiitiif olaka’uun isaa namaa fi lafaan, Waaqaa fi
ayyaanaan eebbifamaa dha. Uummatoonni addunyaa martis isa deeggaru. Kana
immoo nuti dhalawwan Oromoo kanneen garaa waaqaa jala faffacaanee
jirru, beekisafachuu fi sagalee takkaan iyyachuun dirqama keenya!
Kunoo, warri Wayyaanee kun isaan qabsaawota
irraa gara gaadduu fi saamtuutti of-geeddaran kun bardrabre kana keessa
ijoollee Oromoo Oromiyaa guutuu irraa: “Master Plan Finfinnee”
san dura dhaabatan heddumminaan gorra’anii jiru. Oromoota 200 oliitu
galaafatame. Kaan ammallee manneen hidhaa Habashootaa keessatti
waxalamaa, waadamaa jirti. Imimmaan warreen ijoollee teenyaa tanaallee
otoo hin qoorin, kunoo bantiiwwan hoggantoota warra Wayyaanee keessaa
kan tokko tahe, Abbaay Tsahaayee ifumatti waraana Oromoo irratti labsee
jira. Jarreen kanatti bunaa fi jimaa, midhaanii fi horii, albuuda fi
hoomisha warshaalee Oromoo malee, mirgii fi haqni, namummaa fi nameenyi
Oromoo waa isaanitti hin muldhatu. Nama qawween gaaddatee, saammatee
buluutti kan sirriitti isatti muldhatu qawwee san callaa dha. Qawween
sun qawweedhumaan hurrooftee akka baddu, waan moorri ija isaa baaruda
qawweetiin cufameef, homaa hin galuufi. Uummanni Oromoo beekaa fi
guddichi kun inni seenaa isaa keessatti sammuun yaadee, wal-amanisiisee
seera gadaatiin, dimokiraasiin of-bulchaa ture sun, kunoo gara waggaalee
140 olii warra qawwee ergifatee, qawwee dhoortoo kadhatee itti-dhufeen
bitamee jira; ammas bitamaa jira. Egaa, warra qawwee bakka amantii ofii
buutee isatti dhaadatu kana, qawwuma saniin olka’ee ofirraa kaasuu qaba.
Kanaafillee, gandeen Oroppaa fi Ameerikaa keessa deddeemee qawwee san
waan kadhatuuf hin qabu. Hableen, haamtuun, qottoon, dhagaraan, hordaan,
manshiin, eeboon, cakiin, mancaa fi shimalli faa uummata tokkoomee,
iyyee iyya dabarsuun olka’eef qawwee san caala. Isumaan qawwee ergisaa
fi qawwee kandhannaan dhufe san abbootii qawwee san irraa hiikkata.
Seerri biyyoota addunyaas, seerri
Mootummoota Waltayaniis (UNO) saba qawween biyyi isaa qabame, akka
qawweenis of-bilisoomsu ni gargaara. Maal dureen uummata Falastiinaa,
Yaasir Arafaat shugguxii hidhatee walgayii UNO irratti argamee mitii?
Kanan kana kaaseef, Oromoota tokko tokko kanneen: “addunyaan geeddaramte“, “barri bara globalization”
faa jechuun impaayarittii Toopphiyaa tana nuuf suppuu fi nu irratti
supphuuf yaalaniifi. Uummanni Oromoo inni qawween cabee dhiddhiitamaa
jiru kun karaa nagaas, karaa kaanis bilisummaa fi walabummaa ofiitiif
qabasaawuun namaanis, Waaqaanis kan deeggaramu; kan eebbifamu. Kanaaf,
ee kanaaf uummanni Oromoo guddichi kun, gaaraa-dakaa, alaa-manaa
ijaaramee, tokkoomee, walitti-qindoomee, karaa maraan hidhatee mirgaa fi
haqa uumaan qabuuf tarkaanfachuu qaba. Jaarmoleen Oromoo marti,
dhiiraa-dubartiin Oromoo marti waltahuun oljechuutu isaanis, biyya
isaanii boontuu tanas kan baasu taha. Waladaaleen amntiiwwanii kan:
Muslimootaas, kan Kiristaanotas, kan Waaqeffatootaas uummanni Oromoo
akkabirmadoomuuf, sabni Oromoo akka bilisoomuuf, Biyya Oromoo, Oromiyaan akka walaboomtuuf WAAQA kadhachuufii qabu! “Nama Waaqni bilisa taasisee uume, eenyumtuu akka isa gabroomfachuu hin qabne“, lallabuun, barsiisuun hojii isaanii keessaa isa hangafa!
Yaa Oromoo lammiiwwan kiyya, kunoo amma
irraa kaasee nama Oromoo dhiisii lafni Oromootuu qabsoo bilisummaa
irratti argama. Uummata “iyyii, iyya dabarsi!“,
jedhee waltahuun olka’e enyumtuu dura dhaabachuu hin dandayu. Ammaan
tana nama Oromoo dhiisitii: horiin, bineeyyiin, allaattii-shimbirroon,
laflootuu fi kanneen biroo marti qabsoo irratti argamu. Laggeen,
harooleeni fi harawwan Oromiyaa marti diina isaani irraa waraabbatee
dhugutti dhiiga fi summii itti-tahu. Lafnii fi margi Oromiyaa diina
isaan irra fiffiigaa dhalawwan Oromoo gorra’utti qoree fi eeboo
itti-tahuun waraanu. Gaarran, sululoonni fi caakkaawwan Oromiyaa diina
isaanitti baqatutti leencotaa fi qeerransoota itti-tahuun haleelu. Amma
irraa kaasee, Oromiyaa dachee leencotaa qabatanii ijoollee Oromoo
galaafachaa jiraachuun kakuu dha; laguu dha hin jiru! “Uu, uu iyyii, iyya dabrsi! Qabi, qabii dhayi!“, jechuun akka Oromoota Kurnan Gullallee isaan bara 1878 walatahuun olka’uu qabna!
============== // ==============
Oromia Tags:
Categories:
Wayyaaneen maaliif nu tuffachuu dandeesse?
Yoo gaafii kanaaf deebii quubsaa deebisuu dandeenye tuffiin Wayyaanee kun ni dhaabbata. Yoo nuti deebii quubsaa deebisuu hanqanne garuu, tuffiin kana caalullee ni dhufa. Dhugaa kana hubachuun, waan hunda caalaa barbaachisaa dha. Tuffii jalaa bayuuf, humna diina caalu horachuun dirqama ta’a. Dallansuu yaroo gabaabduuf nu keessaa iyyitu bira dabrinee (kunnee) humni Oromoo humna diinaa akka ijaaramuu, ijaaramuu, ijaaramu irratti xiyyeeffachuu qabna. Malli (falli) tuffii diinaa jalaa nu baasu sana qofa. Ammas hin irraanfatinaa: “Waan facaafatan hamatan” jedha Oromoon yoo mammaaku.
Kanaafuu hundi keenyaa kana dura haa dhabbanu. Hatataamaan guyya waliin murteeffannee tokkotti akka Abay Tsehaye fi Mootumaan biyyichaa saba Oromoo dhiisama gafatanniif. Guyyaa isaa Qeerroon haa murteesuu, FDG haa qindeesuu
1). Oromoon kan Finfinne fi naannoo finfinne jiru hundi (Adaamaa amma Amboo ti, Laga daadhii ti amma Walisoo ti kan argamaani) kalatti hundaan harka wal qabatee, farda isaa yaabbatte hiriiruun, gara magaalaa Finfinne ti gara mana mootummaati hiriira FDG bau qaba.
2. Kan naanoo Finfiinee fi Finfinnee hin jiraanne biyya jiruu Bulchaa naannoo jirru hundumatti FDG hiriiraa ba’u qabna.
3. Manni Barumsaa sadarqaa hunda (1. ffa ti amma Unbarsititti) yeroo duraa fi torbaan tokkofi didda
ijoolee fi didda barsiisootaan haa lagatamaan. Isaanis FDG kanaratti qindeesuufi tajajiluun qooda
gudda haa fudhatani.
4. Qotee bulaa fi daldalaan yeroo duraa fi torbaan tokkofi qabeenyaa isaani gabaa fi dhiyeesuu haa dhaaban
5. lafa jiruu Oromia hundaatti jara kanaaraa waa bituu ykn itti gurguruu haa dhaabnu.
6. Yeroo dhumaafi OPDOn Abay Tsehaye (TPLF) ykn saba oromoo haa filatu. Gaaffi fi didda sabaafi deebi’i qubsaa lachuu qabu. Yoo kana hin taa’nee saba bukke dhaabachuun FDG haa jabesaani. Isaaniinis bilisa baafna.
7. Sabni oromoo gutuutii gutuuti filanno TPLF haa lagatu.
Kun yeroo ammaf FDG isa duraa ta’uun yoo kanaan waa’ee Masterplan Finfinne fi gaafootaa Oromo hafannif deebi’ii yoo dhabne hiriiraa fi fincilaa akkasumaas didda kana caaluun amma bilisa baanutii itti fufna.