Thursday, March 31, 2016

Gaaffiin uummata Oromoo gaaffii bittaan EPRDF Wayyaanee OPDO hundeetiin Biyya Oromiyaa irraa haa buqqa’uuti malee, gaaffii bulchiinsi gaarii OPDO fooyya’ee nurratti haa cimuu miti!!

Hariiroo Jorgoon
barruuGaaf tokko, maanguddoo Oromoo tokkoofi daa’ima Oromoo tokkotu wajjiin karaa adeema jedhan. Arba guddaa tokkotu quuncee qallishaa tokkoon hidhamee dhaabbata jedhani. Daa’ima kanatu maanguddicha gaafate. Abbaa guddaa arbi guddaan kuni akkamitti guuncee hangan geessu kanaan hidhamee dhaabbata? Maaliif mormasaa irraa of irraa kutee of walaboomsuu dadhabee? Jennaan, Arbi kun gaafuma dhalatedha quuncee kana itti hidhaniin seha yaaboo gaafa dhalatu yoo akkanatti kanaan hidhamee dhaabbachuu bare. Har’as erga guddatee waan danda’ee ufirraa kutu hinsehu. Gabrummaatti madaqee hidhamee dhaabbata. Jedhe jedhu, maanguddoon Oromoodhaa. Nutis Sheekkoo gabaabduu Oromoo kana waa malee hin yaadanne. Qilleessa jiduu kanaatu dirqama sheekkoo kana akka yaadannu nudirqe. Guyyaa hundeeffama OPDO waayyaa 26ffaa ilaalchisee jiduu kana aangawootni OPDO qaanii isaaniitiin boonanii laphee dhiibanii kan isaan media irratti qaaqaa jiran ilaalleetti silaayis barana gola gola keessatti kaabinootni walitti dhufanii alaabaa OPDO fi kan gooftolii isaanii qabatanii nama hedduu of fakkeessuuf bakka tokkotti kaameraa fuula durattti walitti qabamanii yoo kabajattan malee gad bahanii dirreefi qe’ee Oromoo irratti dhiiga ilmaan Oromoo gubbaatti dhaabbatanii ayyaaneffachuu silaayis eenyu isaanitti dhiisa? Isaanuu hin yaadani. Hin yaalle illeeti waarra yaales Oromoon gabrummaarra du’a filate gad ba’ee akkatti qaanii isaan haguuggachiise bakka maratti argaa jirra. OPDO vs Bulchiinsa Gaarii

No comments:

Post a Comment