Onkoloolessa 25,2013 Finfinnee
Godina shawaa lixaa aanaa Hincinnii ganda Abay Waraabessaa keessatti
uummatni Oromooo gamtaan gaaffii mirgaa kaasuun jala deemtota wayyaanee
irratti tarkaanfii sirreessaa fudhatana. Aanaa kana keessatti
gaaffiileen mirgaa kanneen akka dabalinsa himna ibsaa, bishaanii fi
karaa gaafatamaa turuu irraan darbee dargaggootni hojii dhabdummaan
rakkachuun waan jabaateef uummatni gamtaan bulchinsa aanaa gaafatee
jira. Bulchaan aanaas yeroo hedduu waadaa sobaan dura dhaabbachaa turuu
irraan darbee hojjettootni humna ibsaa waan malaammaltummaan uummata
cinqaniif uummatni gamtaan yaa’uun reebuun tarkaanfii sirreessaa irratti
fudhatee jira. Mootummaan wayyaanee milishoota gandaa bobbaasuun
uummata reebsisuu fi sakattaasisuuf yaalii taasisus milishootni gaaffiin
uummatni gaafate gaaffii kenya, qawween baanu afaan qawwee gara diinaa
malee gara uummataa miti jechuun mootummaa wayyaanee afaanfaajjessanii
jiran. Wayyaaneenis poolisoota federaalaa naannoo kanatti bobbaasaa
jira. Dhiibbaa kamuu wayyaaneen gaggeessus gaaffii mirgaa irraa uummatni
akka hin dhaabbanne qeerroon Godina Shawaa lixaa irraa addeessee jira.
No comments:
Post a Comment