Abdii Boruu | Onkololessa 23, 2013
Akkuma
beekamu, bu’aalee qabsoon bilisummaa Oromoo (QBOn) argamsiise keessaa
inni tokko fi guddaan Oromummaa badiirraa dandamachiisee cimsuu fi
Sabboonummaa Oromoo guddisuu dha. Gabaabumatti ibsuuf, Sabboonummaan
Oromoo Oromummaadhaan bilchaachuu dha. Oromummaan guddachuu fi dagaaguun
isaa ammoo deebisee qabsoo kana cimsee galii hawwamutti geessa. Kanaaf,
Oromummaa fi QBOn harka lamaan qaama tokkoo ti jechuun ni danda’ama.
Dhibdeeleen mooraa QBO keessatti uumamani fi sababa kanaan heddoomuun
jaarmayoota keenyaa, keessumaayuu ABOrraa fottoqanii gareelee adda addaa
ijaaruun, hawaasota Oromoo keessattillee walqoqqooduu fi walitti
gaarrefachuun akka uumaman taasise. Kun dhugaa lafarra jiruu dha. Haalli
akkanatti uumame kun ammoo tokkummaa Oromoo laaffisee; akka alagaa fi
diinni nu tuffatan taasise jechuu dha.
Alagaa fi diinni maaliif akka nu tuffatan irra deddeebi’amee waan
ibsameef, waayee kana asitti kaasuu hin barbaadu. Haa ta’u malee,
tuffiin isaan nuuf qaban kun akka hirribarraa dammaqnu fi maaliif
tuffatamne jennee akka of gaafannu nu taasise ykn taasisa. “Oromummaa
keessan dhiisaatii Itoophiyummaaf dursa kennaa…” nuun jechuun isaanii
xiiqii nu qabsiisa. Maaliif eenyummaa keessan ibsitan jedhanii nurratti
duuluun isaanii yoomiyyuu caalaa nu kakaasa. Isa kanatu sochii “Oromoo First” jedhu dhalche. Sochiin kun ammoo akka dubbii “Dhagaa tokkoon simbira lama…”
jedhuu ti. Maal jechuu kooti? Sochiin kun karaa tokkoon duula alagaa fi
diinaan nurratti godhamaa ture fi jiru ofirraa qolachuuf yoo ta’u;
karaa biraatiin ammoo hawaasota Oromoo kan sababoota adda addaatiin
gargar faca’anii, tokkummaa dhaban deebisee cimsuudhaaf akka tokkummaan
ilmaan Oromoo jabaatu taasisa. Walumaagalatti, akka Oromummaan dursa
argatu godha.
Oromummaan dursa argachuun ammoo, Oromoon gandaan, naanoo fi
amantiidhaan akka wal hin qoqqoodne gargaara. Oromootni hunduu akka
fedhii uummata ykn saba isaaniitiif waliin dhaabbatan taasisa. Akka
dhimma waloo hubatan godha. Kun hunduu hojiiraa yoo oolan tokkummaan
ilmaan Oromoo jabachuu fi cimuu danda’a. Tokkummaan keenya cimuun isaa
ammoo akka diinaaf/diinaan hin gowwoomne; akka isaan jala hin kaanne;
akka isaaniif meeshaa hin taane; akka olola isaaniitiin mooraan keenya
hin laafne; sababa kanaan akka qabsoon bilisummaa keenyaa hin dadhabne
taasisa. Kana birallee dabree, tokkummaan keenya cimuun humni mooraa
keenyaa akka jabaatu taasisa. Humna cimaa fi abdachiisaa qabaachuun
ammoo injjifannootti nama geessa. Injifannoon galii barbaadan ykn hawwan
sana akka gahan nama taasisa. Kanaaf, Oromummaan dursa argachuun; ani
ykn nuyi dura Oromoo dha jedhanii ofitti amanuun, bu’ura tokkummaa
keenyaa ti. Tokkummaan keenya humna keenya. Humni diina sodaachisu fi
injifachuus danda’u tokkummaa qofaarraa madda jechuu dha.
Gara mata-duree barruu kanaatti deebi’uudhaaf, jaarmayootni siyaasaa
Oromoo, kan walaba ta’anii socha’an; kan diina jala kaatanii isaaniif
meeshaa hin taane; kan kaayyoon isaanii bilisummaa fi abbaabiyummaa
Oromoo mirkaneessuu ta’e; sochii “Oromo First” jedhurraa bu’aa maal
argachuu danda’u? Yookaanis ammoo akkamitti sochii kanatti fayyadamuu
danda’u jennee yoo gaafii kaasne, waa baay’ee tilmaamuun ni danda’ama. Tokkoffaa
fi inni hangafti ykn guddaan, hawaasota Oromoo keessatti, kan walitti
mufatee ture deebi’ee walitti araaramuu fi waljaalchuun; afuura gaarii
waliif qabaachuun; fedhii saba ofiitiif waliin dhaabbachuun; eenyummaa
ofii “Oromummaa” yoomiyyuu caalaa cimsuu fi diina waloo dura
dhaabbachuun; walirratti duuluu dhiisanii diinatti garagaluun… kun
hunduu akka nagaa fi tasgabbiin mooraa keenya keessatti uumaman taasisu.
Nagaa fi tasgabbiin yoo jiraate ammoo, hawaasota keenya kan dur caalaa
ijaaruu fi cimsuun ni danda’ama. Howaasota ciminaan ijaaraman keessatti,
jaarmayootni siyaasaas waliin cimanii qabsoo kana sadarkaa biraatti
ceesisuu danda’u. Tokkoomuun hawaasota keenyaa, tokkummaan qabsaa’otaa
fi jaarmayoota keenyaas akka uumamu hundee ta’uu danda’a. Hundee ta’uu
qofaa otuu hin taane, jaarmayootni keenya, kan kaayyoo tokko ykn
walfakkaata qaban, akka tokkooman dhiibbaa isaanirratti godhuu danda’a.
Karaa kanaan jaarmayootni keenya sochii kanarraa bu’aa guddaa argatu
jechuu dha.
Lammaffaa, sababa fedheenuu haa ta’u, kana booda,
jaarmayaan Oromoo kan fedhii diinaa fi alagaa guutuudhaaf dhaabbate ykn
dhaabbatu, kan isaaniif meeshaa ta’u, “Oromoo First” waan faallessuuf,
afaanfaajjii uumuudhaan mooraa keenya keessatti, uummata keenyarraa
gargaarsa takkallee argachuu hin danda’u. Beekumsi, dandeettii fi
qabeenyi jaarmayaa akkanaarra oolu dhaabbatee; gara jaarmayaa fedhii
Oromoo guutuutti waan deebi’uuf ykn deebi’uu danda’uuf, jaarmayootni
Oromummaarratti hundaa’an qabeenya (resource) kanatti fayyadamuu
danda’u. Jaarmayaan ykn jaarmayootni Oromoo beekaniis ta’ee otuu hin
beekin; tooftaafis ta’ee fedhii dhuunfaa guuttachuuf jedhanii; Oromummaa
faallessaa jiranis akka deebi’anii ofxiinxalan isaan godhuu danda’a.
Sochiin Oromummaarratti hin hundoofne fi kaayyoon Oromummaa faallessu
eessayuu gayuu akka hin dandeenye hubachuu danda’u jechuu dha. Yoo kana
hin goone xumurri isaanii kisaaraa akka ta’u waan nama mamsiisuu miti.
Sadaffaa, akkuma sochii “Oromo first” jedhu kanarratti
ibsamaa jiru fi dhugaa waliigalaas ta’e, Oromoon bilisummaa fi
abbaabiyyummaa isaa goonfachuu kan danda’u yoo humna cimaa, keessumaayuu
humna waraanaa abdachiisaa qabaate qofaa dha. Yoo
hawaasotni Oromoo dhugaa kanatti amananii fi yaada kana deeggaran,
jaarmayaan ykn jaarmayootni siyaasaa Oromoo kan qabsoo hidhannootti
amananii fi isa kanas gaggeessaa jiran hawaasota Oromoorraa deeggarsa fi
gargaarsa guddaa argachuu danda’u.
Afraffaa, akkuma beekamu, Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn)
yeroo ijaaramu fi qabsoo kana hogganee geggeessu miidiyaa gahaa ta’e
otuu hin qabaatin garuu uummata keenya dammaqsee, barsiisee fi kakaasee;
injifannoolee hamma kana hin jedhamne argamsiise. Akka sochiin “Oromo
First” kun karoorfatetti (akka ibsamaa jirutti) miidiyaa Oromoo guddaa,
kan uummata keenya biyya jiranillee bira gahuu danda’u ijaaruuf natti
fakkaata. Yoo karoorri kun hojiirra oole fi milkiidhaan xumurame, karaa
kanaan uummata keenya dhimma isaatiif (dhimma Oromummaatiif) caalaatti
kakaasuun ni danda’ama. Yoo uummatni keenya hunduu dhimma isaa fi
kaayyoo qabsoo isaa hubatee ka’e, jaarmayaa ykn jaarmayoota fedhii
uummata Oromootiif dhaabbatan deeggaruu fi gargaarsa barbaachisaa
kennuufii danda’a. Jaarmayootni Oromummaarratti hundaa’an, karaa
kanaanis sochii “Oromo First” jedhutti fayyadamuu danda’u jechuu dha.
Egaa, faayidaan jaarmayootni Oromoo sochii “Oromo First” jedhurraa
argachuu danda’an kan asitti tuqaman kana qofaa miti. Bu’aalee baay’eetu
sochii kanarraa argamuu danda’u. Murteessaan garuu sochii fi carraa
kanatti fayyadamuu danda’uu dha. Akkamitti fayyadamuu danda’u?
Gabaabumatti ibsuuf, jaarmayootni keenya kan kaayyoos ta’ee galii
booddee tokko ykn walfakkaataa qaban, kan bilisummaa Oromoo fi
abbaabiyyummaa isaa mirkaneessuuf qabsaa’an hunduu, yeroo afuurri
tokkummaa hawaasota Oromoo jidduutti mula’chaa jiru kanatti,
garaagarummaa isaanii dhiphisanii gara tokkummaa ykn tumsa qabsaa’otaa
fi jaarmayoota Oromootti dhufuu qabu. Keessumayuu gareeleen maqaa ABO
qabatanii bakka bakkatti hiramanii jiran walitti deebi’anii ABO cimaa
tokko uumuu qabu. Warri walhubannoo labsanii jiranis, waayee kana yeroo
dheeraaf lafarra harkisuu dhiisanii daddaffiidhaan tokkummaa dhugaa
ijaaruu qabu. Yoo tokkummaan kun karaa lamaan (karaa hawaasota Oromoo fi
karaa jaarmayoota keenyaatiin) walbukkee uumamaa deeme, humna cimaa fi
abdachiisaatu mooraa keenya keessatti uumamuu danda’a.
Dhumarratti, akkuman yeroo tokko barruu mata-duree “Qubeen Afaan Oromoo mallattoo bilisummaa ti, dhalootni qubee ammoo abdii egeree ti” jedhu keessatti http://gadaa.com/oduu/11224/2011/10/15/qubeen-afaan-oromoo-mallattoo-bilisummaa-ti-dhalootni-qubee-ammoo-abdii-egeree-ti/
ibsuu yaale, sochi “Oromo First” jedhu keessatti kunoo dhalootni qubee
abdii egeree saba keenyaa akka ta’an firattis diinattis agarsiisaa waan
jiraniif, sochiin isaanii kun Oromoota hundaanuu deeggaramuu fi
gargaarsa barbaachisaas argachuu akka qabu carraa kanaan, akka ilma
Oromoo tokkootti, dhaamsa koo dabarsuun barbaada. Dargaggoota fi
shamarran keenyaanis jabaadhaa Waaqni/Rabbi Ayyaanni Oromoo ija hamtuu
isinirraa qabee; fedhiin keessanis akka guutamu isin haa gargaaru. Nuti
har’as, borus, yoomiyyuu “Dura Oromoo” dha. Oromoo taanee dhalanne,
Oromoo taanee jiraanna, Oromoo taanee duuna.
Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
No comments:
Post a Comment