Thursday, October 17, 2013

Yuunivarsiitii Dabra Maarqos keessatti Diddaan barattootaa dho’e

Onkoloolessa 16,2013 Deber Marqoos
OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattootaa dhaabbiilee barnootaa keessatti itti fufinsaan deemaa jira. Yuunivarsiitii Dabra Maarqos keessatti barattootni sirna mootummaa wayyaanee mormuun diddaa dhageessisan. Diddaan kun haalaan jabaachaa dhufuu irraa mootummaan wayyaanee waraana federaalaa bobbaasuun diddaa barattootaa ukkaamsuuf yaalii taasisaa jira. Baajatni dhimma barnootaaf ramadamee fi kadhaan dhimma barnootaan dhufu marti hojii siyaasaaf ooluu hin qabu jechuun diddaa kan dhageessisan bartootni Yuunivarsiitii Dabra Maarqos diddaa walii galaa hammachuun finiinaa jira. Haalli kun Yuunivarsiitiilee mara keessatti jabaachaa dhufuu irraa wayyaaneen leenjii namuusaa qopheessuuf tattaaffii jabaa gochaa jira. Leenjiin namuusaa fi miseensota itti kaadhimuuf utaaltu shira wayyaanee fashalsuuf qeerroon qophii tahuu isaas addeessa.

No comments:

Post a Comment