Onkoloolessa 22,2013 Finfinnee
Yuunivarsiitiileen Impaayera Itoophiyaa keessaa gaaffii mirgaan mudda
keessa seene. Gaaffiileen mirgaa mirgi namummaa fi Dimokiraasii
keessatti haa kabajamu jechuun Yuunivarsiitii Dabra Maarqos, Jimmaa fi
Walloo keessatti finiinaa jira. Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti
bulchinsootni yuunivarsiitii humna waraanaa dabalinsaan barbaaduu
isaanii ibsatanii jiran. Yuunivarsiitiilee mara keessatti gaaffiileen
wal fakkaataan sirni bulchinsa mootummaa wayyaanee sirrii miti jechuun
diddaan dhageessifamaa jira. Yuunivarsiitii Baahirdaar keessattis diddaa
wal fakkaataan dhageessifamaa kan jiru yoommuu tahu mootummaan
wayyaanee waraanaa fi tika ishee naannessuun doorsisa guddaa gaggeessaa
jirti. Mootummaan wayyaanee dura dhaabbannaa kamuu taasisu
yuunivarsiitiilee keessatti gaaffiileen mirgaa finiinan dhaabbii akka
hin qabne qeerroon Yuunivarsiitiilee kanaa beeksisee jira.
Yuunivarsiitii Haramaayaa keessattis gaaffiin mirgaa barattootaa fi
barsiisota hamate sirna bulchinsa wayyaanee mormuun wayyaanee dhiphina
keessa buusee jira.
No comments:
Post a Comment