(Ijoo Dubbii ABO)
Hawaasni addunyaa Itophiyaa empaayera ummatootni beelaan keessatti dhuman tahuutti eerga hubatee dhaloota tokko ol lakkoobsisee jira. Hundaan olitti ammoo beelli Kaaba Itophiyaa bara 1974 mul’ate, hawaasa addunyaa mara rifaasise. Ummatoota Itophiyaa dheekkamsiisee sirna Nugusummaa irratti kakaase. Barattootaa fi hojjattootas fincilsiise.
Beela bara 1974 sanaanis namootni kuma kudhanootaan akka baala mukaatti harca’an. Daa’imman harma haadha duutee osoo hodhanii addunyaan daawwate. Kumoota dhibbaan qe’ee dhiisanii baqatuun mudate. Kun hundi oggaa tahu kanneen “Ummata keenya nu jaallatuu fi jaallannu” jechuun empaayeritti walakkaa jaarraaf bitan, rakkoo ummatootaa furuuf tattaafatuu irra beelli ummatoota harcaasaa jiru addunyaa biratti akka hin dhaga’amnee fi hin mul’atneef ukkaamsuuf tattaafataa turan.
Mootummaan barcuma nugusummaa dhaalee empaayera Itophiyaa jijjiirraa kabeebsaan jireessuuf aangootti ol bahes, mootummaa isa dura ture dhumiinsa sababa hongeen dhaqqabeef abaaruu fi balaaleffatuun aangoo humnaan argate ittiin jabeeffatuuf itti gargaarame malee furmaatni argamsiise hin mul’atne.
Mootummaan Dargiis mirgi ummatootaa kabajamuu, mirgi lammiileen walabummaan hojjatanii jiraatuu tikfamuu irraa dantaa waan hin qabneef empaayerittii keessaa beela dhabamsiisuu hin dandeenye. Waan taheef bara Dargiis beela xiqqaatu marroo lama mudateen ummatootni miidhamuu jalaa hin baraaramne. Sababa beelaan biyya ollaatti baqaan godaanuun itti fufe.
Kufaatii mootummaa Dargiin boodas ummatootni Itophiyaa hiree ofiin of bulchuu, mootummaa ofiif filatan jalatti buluu fi mirgoota dimokraasii gonfachuuf hiree hin arganne. Mootummaa murna bicuu dantaa naannoo keessaa dhalatee qofaaf dursa kennu, saamichaa fi hacuuccaa akeeka godhateen bittaan abbaa irrummaa itti fufuun rakkoon ummatootaa furamuu irra akka hammaatu taasise.
Har’as ummatootni Itophiyaa beelaa fi hiyyummaa jalatti hiraaruu irratti argamu. Hongee bakkaadda addaatti yeroo garagaraatti mudataa tureen lammiilee fi qabeenyi ummataa miidhamaa ture. Waggoota 24 dabraniif lammiileen miliyoona afurii olii gargaarsa biyyoota alaa irraa argamuun lubbuu isaanii turfatan. Kun kan tahaa turee fi jiru biyya guddina dijitii lamaa galmeessaa jirti jedhamee ololamuu fi mootummaa dirmokraatawaa fi dantaa ummatootaan dursaa jira jedhee lallabataa jiru keessatti.
Hongee yeroo ammaa naannoolee empaayera Itophiyaa adda addaa keessatti mul’atee jiru kanaan daa’imman hubamaa, ummatootni baqataa fi beeyladni dhumaa jiraachuu ragaleen mul’isan hedduu dha. Haa tahu malee dhumiinsa dhaqqabaa jiru kanaaf mootummaan Wayyaanee ilaalcha gahaa kennuu irra beelli kan hin jirre fakkeessuuf isaa xiqqeessee ibsa kennutu dhaga’ama. Kun ammoo amalaa fi aadaa bittoota Itophiyaa bara dheeraa ti.
Mootummootni Itophiyaa beela ifatti mul’atu addunyaa fi ummatoota irraa dhoksuuf yaalan. Mootummaan ummatoota “guyyaatti marroo sadii akka nyaatan taasisa” jechuun dhaadataa ture kan miliyoonotaan lakkaa’aman wayta nyaata dhabuu irraa gaaga’amanii fi biyyoota ollaatti godaanaa jiran kanatti maqaa isaa tikfatuuf jecha yaaliin dhoksuuf godhu kan gaafachiisuu dha. Lubbuu ummatootaa irraa maqaa fi aangoof dursa kennuun yakka ol aanaa dha.
Sababni beelli empaayera Itophiyaa keessatti deddeedi’ee mul’atuuf beekamaa dha. Mootummaan ummatootaaf dhimmu dhibamuun sababa isa duraa ti. Mootummootni Itophiyaa dantaa kanneen aangoo irra jiranii qofa kan dursan tahuu, ummatni beela’e dandeettii mootummaa dura dhaabbatuu waan hin qabaanneef bittaa isaanii itti fufsiisuuf aanjawaa dha jedhanii waan yaadaniif beela dhabamsiisuu irratti kan hin bobbaane tahuu fi akka madda galiitti kan itti gargaaraman tahuu irraa ummatootni Itophiyaa fi beelli waliin jiraatan.
Rakkoo fi beelli empaayera Itophiyaa keessaa kan dhabamu wayta ummatootni walabummaa fi bilisummaa isaanii gonfatan qofa. Beelli dhabamuuf mootummaan dantaa ummatootaa irra kan murnaa fi matayyaa dursu dhabamuu qaba. Waan taheef rakkoon empaayera Itophiyaa, ummata rakkoo beelaan qabamee jiru beelaa baasuu qofaan osoo hin taane, gabrummaa fi hacuuccaa jalaa walaboomsuun hongee fi beela deddeebi’ee mul’atu hanqisuuf furmaata isa maayyii ti.