Wayyaaneen dargiiin qabsoo uummataatiin taayitaarraa makfamee akkuma afaan qawween barcuma qabatteen naannoolee waraanaan miidhamaniif dursa kennina jechuun naannoolee kaan irraanfachuun misooma mootummaa gara Tigiraayitti akka gala galu gochuun, dargaggoonni Tigraay baay’inaan gara hoomaa waraanaatti akka seenan gochuun hanga ammaatti hoomaa waraannaa biyyattii keessatti sadarkaa gadii irraa hanga oliitti ajajoonni isaanidha. Kanaanis hojii dhabdoota ilmaan Tigiraay hedduu salphiseera.
Dabalataanis poolisii federaalaa keessaattis sadarkaa ajajummaa guutuutti kan to’atee jiru isaanidha. Keessaafuu caasaa damee tikaa eenyuttuu dabarsaanii keennuu hin fedhan. Kanaatii achi manneen hojii federaalaa keessatti maqaaf fakkeessuuf sabaaf sablammii keessaa ofdura qabanii biiriicha guutummaasaa weeraruun kan to’atan ilmaan TPLF dha. Gumuruk ameessa ilmaan Tigirootaa qofa elmatanidha jechuu dandeenya. Import Export iin madda galii isaaniiti. Isaan qaraxa malee kan ittiin galfatan,warra kaan irraammoo qaraxuuf caasaa diriirfatanii bakka itti taa’aan buufata saamichaa isaaniiti.
Kanaa fi kkftuun ilmaan Tigirootaa bakka qabsiifatanii erga raawwataanii booda warra barreessuu fi dubbisuu hin dandeenye ammo seeraan ala baankii daldala Itiyoophiyaa irraa bifa liqaan fuudhanii rabsaniifiiti yeroo gabaabduu keessatti Tigiraayiin Awurooppaa fakkeessan.
Kanneen olitti tuqaman kanas dabalatee mootummaan TPLF vaatii fi taaksii uummata keenya irraa guuraa jiru maleettiis erga Dargiin kufee waggoota digdamaa oliif dalagaa koo jettee kan itti bobbaatee fi kan wayyaaneen irraa milkoofte yoo jiraate ilmaan Tigirootaa gara biyya alaatti dooraan bobbaasuun carraa hojii argamsiisuu isaaniiti. Waggoota 15 oliif erga isaan lammiilee isaanii ilmaan Tigiraayiif itti hojjetanii booda, yeroo dhiyoo kana lammiilee sabaaf sablammii biyyattii keessatti argamaniif kanneen hojii dhabdoota ta’anii biyya ofii irratti dararamanis carraa kanatti fayyadamuu jalqaban. Haata’uutii ilmaan Tigiraay sababa lamaaf sabaaf sablammiin carraa hojii biyya alaa kanatti akka hirmaatan hin barbaadan, Keessaafuu lammiin Oromoo. Kunis:
Kanas kan godhan dhugaan Oromoo yoo beekame mirgi abbaa biyyummaa isaa kansaa ta’uu waan beekaniif haqnii kun ifa ta’ee akka mul’atu hin hayyaman. Gaaffiin siyaasaa Oromoo kufaatii inni isaanitti fiduu danda’u yaadda’u. Bakkeen isaan qabatanii jiran kun hundi kan oromoo akka ta’ee fi Oromoof akka malu bilcheessanii beeku. Haata’u malee yoo beekanis bakkicha Oromoof gadlakkisuu waan hin feeneef dhugaan isaa dukkana keessatti ukkaamamee akka jiraatu waan fedhaniif Oromoon tokko illee bifa kamiinuu ukkaamsaa kana keessaa bahee daangaa har’a Itiyoophiyaa jedhamtu kana cehee gara biyya alaa deemee jijjiirama diinagdee, dhaala beekumsaa akka godhatuu fi sagaleen isaa akka dhagahamu hin fedhan.
Waan ta’eefis sababa garaa garaatiin yakkuu fi hiidhuun ashaaraa qubaa isaanii fudhataniin paas portiin akka hin hojjetamneefii gochuun akka biyaa hin bane kan taasifaman ilmaan Oromoo lakkoofii isaanii hanga hin qabu. Kessaafuu sochii siyaasaatiin kan shakkamanimmoo uggurri kun itti jabaata. Kanaafuu carraa barumsa biyya alaa/scholar ship/ illee nidhorkaman.
Kaayyoo garaagaraaf gara biyya alaatti deemuuf kan dhorkaman keessatti artistootni Oromoo illee ni argamu. Gara biyya alaa deemanii concert akka hin hojjenne hiree dhabsiisaa turan. Walumaa galatti sababiilee olitti tuqamanii fi kan birootiin kan ka’e yuuniversiitiilee biyyittii keessatti argaman hunda keessatti Seekteroota hojii gara garaa keessatti dookteroota ilmaan Tigree hedduumminaan arguun waan baratame ta’aa dhufeera.
Maqaa isaaniillee sirreessanii barreessuu kan hin dandeenye ‘grammar’ [seerluga] afaan Inglizii illee kan addaan hin baafanne ilmaan Tigirootaa kan Dookter jedhaman yuuniversiitiilee hunda keessaatti barcuma taayitaa irratti fannifamanii taa’anii yeroo adeemsa baruufi barsiisuu ajjeesan arguun aadaa biyya kanaa ta’eera.
Yeroo baay’ee barattoota keenya irratti murtiin hin malle akka irratti fudhatamu kan godhanis isaan kanadha. Akkaataa kanaan har’a Tigiraay keessa hojii dhabdummaan hin jiru jechuu dandeenya. Hinumaatuu piroojektoonni hojii hedduun garasanatti waan argamaniif hojii humnaa hojechuuf ilmaan Oromoos dabalatee garasanatti kan adeemaa jiran arguun waan hin dinqisiisne tahaa dhufuun argamaati jira.
Haata’uutii Tigiraay keessatti jimaan hin qama’amu, manneen shiishaa hin jiran, wantoota araada akkasii fayyadamuun dhorkaa ta’uu isaarraa kan ka’ee seeraan nama gaafachiisa. Oromiyaa keessatti garuu karooraa fi tarsiimoon qophaa’ee dargaggoota keenya araada gara garaan, agarsiisa tapha kubbaa miilaa fi fiilmiilee iyyaalummaa baballisan, dhukkuba daddarbaaf saaxilan babal’isuun hadoochanii mataa isaanii of irraanfachiisanii dargaggoota gahumsa hin qabne gochuun jijjiiramaaf akka hin yaadne caasaa diriirsanii baajeta ramadanii hojjetu.
Dhimma kana ilaalchisee wayita biraa kan itti deebinu ta’ee gara dhimma jalqabne dimma diyaaspooraattii yeroo deebinu addunyaarratti lammiilee biyya gara garaatti bittinnahanii jiran keessaa reeshoon lammiilee ilmaan Tigraay parsantii/dhibbantaa/ olaanaa qabatee agarra.
Hinumaatuu akka jedhamutti diyaaspooraan ilmaan Tigraay biyyoota alaa jiru qofti lammiilee Tigraay biyya keessa jiran mara jiraachisuu danda’a jedhama.
Diyaaspooraaleen Tigraay biyyoota alaa gara garaatti argaman kun hojiin dabalataa lammiilee keenya basaasuus kennameefii lammiilee keenya ajjeesaa fi ajjeesisaa kan turan akkasumas mootummaa isaaniif dabarsanii kennanii hiisisaa kan turan diinota oldhaanoodhas.
Har’a diyaaspooraalee kunneen gara biyyaatti fiduun maaliif barbaachisee??
Eenyumtuu kan beeku diyaaspooraan Tigiraay karaa seera qabeessa ta’een mootummoota wajjin wal ta’uun kaayyoo gara garaaf biyyoota garagaraatti bittinaa’aanii kan bobbaafaman yoo ta’an diyaaspooraaleen saboota kaanii ammoo keessaafuu diyaaspooraan Oromoo, hangamillee wayyaaneedhaan balballi irratti cufamullee mooraa uggura wayyaanee kana cabsuun saaphana isaanii cicciruun danqaa meeqaantam keessa hulluuqanii lubbuu isaanii bakka bu’insa hin qabne du’atti muratanii gammoojjii fi bahaara qaxxaamuranii warra biyyoota garagaraa irra qubatedha.
Dheerina yeroo booda walitti ititanii ‘community’ ijaarrachuun hojii dinqisiisaa yeroo hojjetan argaa jirra. Waanta’eefis wayyaaneen akka fetee fi akka yaaddetti isaan to’achuu hin dandeenye. Dhibba irraa dhibbatti to’annaa wayyaanee jalaa bahuutiin qabsoo biyya keessaa waliin hidhata uumuun akkasumalle miidiyaalee walabaa kanneen akka OMN hundeessuun sagalee Oromoo dhageessisuunhumna wayyaaneetiin ofduuba deebi’uu kan hin dandeenye dhiibbaalee garaa garaa hedduu fidaa jiru.
Wayyaaneen humna dabalataa barbaacha mootummaa Chaayinaaf doolaara miiliyoonotaan lakkaa’amu dhangalaastee gabbartees miidiyaalee kana dhaabsisuu waan hin dandeenyeef uummata Oromoo biyya keessatti argamu miidiyicha akka hin ilaalle hidhuu jalqabde. Garuu kanaanis hin dandeenye. Kanaafuu tooftaan ishee inni haaraan uummata miidiyaa wayyaanee nuffee/hifatee gara miidiyaa diyaaspooraatti garagale kana bitaa-galchuuf diyaaspooraan kun ofumaaf dhufee misoomaa fi dimokiraasii wayyaanee akka dinqisiifatu taasisuuf ifaajuu jalqabde. Kanaatii achi kaayyoo gurguddoo lama of keessatti qabateera.
Nuti garuu akka Qeerroo Qilisummaatti waan tokko jechuu barbaadna. TPLF seera federaalizimii biyyattii diigdee daangaa Oromiyaa weeraraa fi weerarsiisaa jirti. Garuu jeequmsa ol’aanaa kana hin jedhamne biyyattii irratti dhalachuuf taaa’uufis gaafatamummaan kan wayyaanee akka ta’e gad jabeessinee akkekkaachiisaa, lafa Oromoo maqaa investmentiin dhaalaman hundaa ganama bilisummaa Oromoo qonnaan bulaa keenyaaf akka deebi’an abbootiin qabeenyaa kaanis taatan ilmaan Tigirootaa beekuun laazima.
(Hariiroo Jorgootiin-Qeerroo Bilisummaa OromooOromiyaa)
No comments:
Post a Comment