Sunday, August 23, 2015

SBO: Gaafii fi Deebi Dura Taa’aa Dhaaba Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul (BPLM) Obboo Abdulwahaab Mahdii Iisaa waliin ta’e


250px-Ethiopia-Benshangul-GumazCunqursaa Mootummaa Wayyaaneetti xumura gochuudhaan Bilisummaa Ummatootaa mirkaneessuuf harka wal qabatanii falmaa finiinsuu malee filmaanni biraa kan hin jirre tahuu, Dura Taa’aan Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul, Obboo Abdulwahaab Mahdii Iisaa gaaffii fi deebii SBO waliin taasisaniin ibsan.
Dura taa’aan Dhaaba SOCHII BILISUMAA UMMATA BENISHAANGUL (BPLM) Obboo Abdulwahaab Mahdii Iisaa gaaffii fi deebii Sagalee Bilisummaa Oromoo Sagantaa Afaan Amaaraa waliin taasisaniin dhimmoota hedduu kaasaniiru.
Ummanni Benishaangul erga sirni Dargii qabsoo Ummatootaan aangoorraa qaarsifamee gartuun wayyaanee aangootti ol baheeyis cunqursaan siyaasaa fi dinagdee kan irraa hin dhaabbanne tahuu kan eeran Obboo Abdulwahaab, bara gartuu TPLF keessa dachee saamamuun qayeerraa buqqifamuun, baqachiifamuu fi hidhaan akkasumas ajjeechaan geessifamu akkaan suukaneessaa tahuu dubbatan.
Lafti hidhi laga Abbayyaa irratti ijaaramaa jiru kan lammiileen Benishaangul beenyaa malee humnaan irraa buqqifaman tahuu kan tuqan Obboo Abdulwahaab, lammiileen lafti isaanii irraa saamames biyya ollaa Suudaanitti godaanuuf dirqamuu ibsan. Kana malees, naannoo Hudunduu jedhamuu kanneen 100,000 caalan manneen jireenyaa isaanii konkolaataa Doozaraan diigamuu ibsanii, lafti isaanii qubattoota wayyaaneen Kaabaa fideef kennamaa fi Chaayinaatti gurguramaa jiraachuu himan.
Haala diddaa ummataa wayta ammaa kana naannoo bulchiinsa Benishaangul keessatti deemaa jiruun walqabatee miidhaa wayyaaneen geessisaa jirtu kan ilaallatuun ammoo sirni wayyaanee diddaa ummataa Hagayya 14 bara 2015 gaggeeffameen walqabsiisee lammiilee Benishaangul hedduu humnoota isaa itti bobbaaseen ajjeesuu, jumlaan hidhuu fi qayeerraa baqachiisuu ragaadhaan deeggaruun saaxilan.
Ummanni Benishaangul filannoo wayyaanee ALG.tti 2007 gaggeeffamerraa qooda hin fudhanne, diddaa jabaa agarsiise kan jedhan dura taa’aan Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul, kanarraas sirnichaan yakkamanii hidhaa fi dararaaf saaxilamuu ibsan.
Dabballoonni wayyaanee namoota “Filannoon nu hin ilaallatu, hidhaa, saamichaa fi dararaan nurraa haa dhaabbatu.” jechuudhaan gaafataniin isin SBUB waliin hariiroo qabdu jechuudhaan guyyaa saafaan gabaa keessatti rasaasaan ajjeesuu ibsan. Kanaan walqabatees ummanni diddaa jabaa mul’isuurraa mootummaan wayyaanee waraana itti bobbaasuun dhukaasa irratti roobsee namoota 12 battalumatti ajjeesuu maqaa namoota ajjeefamanii tarrisuudhaan ibsan. Manguddoota umriin isaanii wagaga 95, 75 fi 60 dabalatee lammiilee diddaa agarsiisaa jiran keessaa abbootiin warraa 30ni Asoosaatti hidhamuu kan dubbatan Obbo Abdulwahaab, namoonni 5 ammoo gara mana hidhaa kaampii waraanaatti geeffamuudhaan erga dararamaa turanii booda, nyaatni summaa’aan itti laatamee waytuma sana lubbuun isaanii galaafatamuu ibsan.
Duula mootummaan wayyaanee diddaa ummata Benishaangul dhaamsuuf waraana itti bobbaasee gaggeessaa jiru kanaan wayta ammaa kana daa’imman 35 rasaasaan reebamuu fi lammiileen 285 tahan madeeffamanii Hospitaala Raashaa kan Asoosaatti argamu keessa jiraachuu kan tuqan Obboo Abdulwahaab 30,000 kan tahan ammoo qayeerraa baqatuu gaaffii fi deebii SBO Sagantaa Afaan Amaaraa waliin taasisan keessatti addeessaniiru. Haalli wayta ammaa kana naannoo Benishaangul keessa jiru Miidiyaaleedhaan akka ifa hin taaneef mootummaan wayyaanee namnuu akka naannicha hin seenne ugguruus dubbataniiru.
Cunqursaan mootummaa wayyaaneetiin ummata Benishaangul irratti raawwatamaa jiru hammaataa jira kan jedhan Dura Ta’aan Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul Obboo Abdulwahaab Mahdii, roorroo diinaa kana of irraa qolachuun bilisummaa keenya mirkaneessuuf dargaggoonni hedduun waraana, Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangulitti dabalamaa jiru jedhan. Ummannis hanga wareegama lubbuutti bilisummaa isaa goonfachuuf murannoo qabu ibsuun nu cinaa hiriiree falmaa fi dinagdeen nu tinnisaa jira jedhan.
Waraanni keenyas degarsa ummataan sochii isaa itti fufeera erga jedhanii booda, tarkaanfilee waraanni Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul yeroo adda addaatti loltoota wayyaanee irratti fudhate ibsanii, kunis hanga wayyaaneen biyya keenya gadi lakkistee baatutti itti fufa jedhaniiru.
Hariiroon Ummani Oromoo fi Ummatni Benishaangul walgidduudhaa qaban kan yeroo dhiyoo odoo hin taanee, baroota dheeraa kan lakkoofsisee dha kan jedhan Obboo Abdulwahaab, Ummatoonni keenya hariiroo hawaasummaa fi daldalaa waliin gaggeeffataa jiraniin dabalata diina isaanii waloo kan tahe mootummaa wayyaanee kuffisuudhaaf waloon sossohuun furmaata tahuu amananii waliin falmaa gaggeessaa jiru jedhan. Hariiroon qabsoo ABO waliin qabnu sirna Dargii kuffisuu keessatti ifatti mul’ateera kan jedhan Dura taa’aan SBUB, hariiroon walii tumsuu kunis kan jabaatee itti fufe tahuu addeessan.
Nuti akka Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangulitti, dhaabbilee mirga ummata isaaniif falman akka ABO, ABBO, kan Gaambeellaa fi kanneen biroo waliinis marii gaggeessuudhaan “cunqursaa mootummaa wayyaaneetti xumura gochuudhaan Bilisummaa Ummatootaa mirkaneessuuf harka wal qabatanii falmaa finiinsuu malee filmaanni biraa hin jiru kan jedhurra geenyee, waliinis hojjechaa jirra jedhaniiru.
Gaaffii fi deebiin Dura taa’aan Sochii Bilisummaa Ummata Benishangul Obboo Abdulwahaab Mahdii Iisaa SBO sagantaa Afaan Amaaraa waliin taasisan Sagantaa SBO Roobii dhufuu (Hagayya 26 bara 2015) kan dhihaatu ta’uus garanumaan beeksisna.

No comments:

Post a Comment