August 1, 2015 Oromia
Adoolessa 31,2015 Finfinnee
(Qeerroo) — Duulli mana diiguu Burraayyutti jalqabde gara Bishooftuuttis gadi bu’uun guyyaa kaleessaa fi hardha manneen Oromootaa 1000 ol ta’u diigamaa oole. Mootummaan lafa Oromoo gurgurachuu barsiifata godhate uummata lafa isaarratti mana ijaarrate doozorii fi poolisii Federaalaa humna guddaa ta’e itti bobbaasuun guyyaa kalee jiraattota Ada’aatti bobbaasuun uummata karaarra bultoota taasisaa oolan. Aanaa Ada’aatti gandoota Qurquraa, boolee fi Dambiitti kaleessaa manneen jigfaman keessaa kanneen kanatti aanan kana.
Hedduu nama gaddisiisa waan godhan hin jiru!!!!
ReplyDelete