Caamsaa 24,2015 Gabaasa Qeerroo Lixa Shaggar

Haaluma walfakkaatuun Aanaawwaan akka Iluu Galaan, Calliyaa, Midaa Qanyii, Daannoo, Xiiqur Incinnii, Tokkee Kuttaayee, Jalduu, Meettaa Roobii, Giincii fi Dandiitti filannoon wayyaanee halkan kan gaggeeffamaa bulee ta’uu maddeen keenya ibsuun Fincilli uummmmataa jabaatee itti fufee jiraachuu addeessan, yeroo amma kanatti uummatni fi waraannii wayyaanee wal jala dhaabbatee jira. Sagalee eegduun(Taajjabduun) paartii KFO bakka buufata filannootti ramadamanii waraanaan reebamanii hidhaman, baay’een isaanii immoo nannoo sana irraa reebamani arii’ataman. Baadiyyaan Aanota Godina Lixa Shaggari dirree waraanaa fakkaata, uummaatni diddaa isaa bakka hundattii iyyuu itti fufe jiraachuu ibsan maddeen keenya amma ganama kana bakkeewwan hunda irraa iyyuu qunnama jirru.
No comments:
Post a Comment