OPDO waayyannee umurii dheeresse
Dhaabbaanni OPDO jedhamu Uummata oromoof bakka bu’een hojjedhaa kan jedhu maqaaf malee lubbuu hin qabu. Kana immoo uummatnii Oromoo ragaadha. Maqaa uummataan jiraacha uummataa Oromoofi lafa Oromoo waayyanneeti dabarsee gurguraachuun ofi garboomee Uummata oromoo garboomsuuf hojechaa jiraachuun isaa wal nama hin gaafachisu. Haa tahuu malee dhigaa barattoota Oromoo beektoota fi uummata Oromootif itti gaafatamummaa jala kan hin baanefi seenan kan isaa hin daganeedha. Biyya keenya keessati heerifi seeri jiru waraqaarra malee hojjiin kan hin jireedha. Waayyannees ta’ee OPDOn ofi tufaani ofumaa kan arabaan! kana jechuun seerrii isaan baasani addunyaatti of beeksisaanif kan isaan ittin hojettaan wal hin argu. Garuu, uummaanni keenya hanga yoomitti gowwoonfama? Maalif sobamaa? Bu’aa xiqqoon uummaanni keenya maalif midhamaa? Keessuma hojettootni OPDO Oromoo ta’aan maal ofiin jedhuu? Akkamitti of hubatuu? Kana of gaafachuun dirqamaa lamummaa isaani ba’uu qabu. Akka fakkeenyati yoo fudhaane dandiin uummataaf kan hojjettamuu yeroo filannoon ji’oota muraasati galtee? Ibsaan, bishaan dhugaati kan kana fakkaataan filannoo yeroo filannoo qofaa? Kan namaa dhibuu mootummaan Itoophiyaa jecha da’immaa dubbatee. Anii “Dandiin Finfinnee gara wallagaa namaa geessuu tokko tahuufi magaalaa Amboo keessatti dandiin dhiphaa akkasi jiraachuun isaa anaafu haaraadha” jedhee. Hin fakkaataree? kun moo wal gowwomsudhaa? Kan kaleessa hin yaadamiin buufata xayyaara isiinif ijaara jedhee dhagaa ka’uun hoo? Akka kootis ta’ee dhugaan addunyaa kanarra jiru dheerina umuriifi sammichaa qabeenya uummaata oromoof kan kaayyeeffate fakkaata. Kanarraatti olaantuma gudda kan qabu ummata keenya. Uumurii waayyannee gabaabsuuf yeroo isa amma.
OPDO dhaabbaa ilmaan oromoof dhaabbatee osoo hin ta’iin dhaabbata ilmaan Oromoo gurguruf kaayyeeffatedha. Haaraa guyya gara guyyaati ilmaan Oromoo mootumma abbaa hireetin hidhama, ajeefamafi reebama jiru. OPDOn erga uummataf dhaabbate maal eega jira? Maqaaf malee dubbachu danda’aa? Kan uummataa miti ofi isaanif dhimaa mirga isaani dubbachuu danda’uu? Erga hawaasa kana bulchuufi gaggeessu hin dandeenyee maalif waayyannee umurii dheeressu?
Dhimmoota kanaan wal qabatee yaadoota heddu kaasun hin danda’aama. Garuu, haaraa maaltu beektoota, barattootafi ummata keenyarra egamaa?
A) Beektoota ilmaan oromootif : Beektootni ilmaan oromoo ummata oromoof ijaadha yoo hawaasa keessanif quqamtaanif. Boruu seenan isiin gaafata yoo osoo beektani, argitaani lammiin keessan osoo mirgaasaf falmaatu hidhamu, ajeeffamufi biyyarra baqatee bineensaan nyaatamu. Kanaaf ogummaa qabdaanif waan gochuu dandeessanif ummata keessanif kallaatidhanis haa ta’u al kallattidhaan gargaraa. Ummaanni keenya human qabeenya qaba qindeessuun gahee keessan akka ta’ee beeka.
B) Barattoota Oromoof: Barattootni Oromoo abdii uummata Oromooti. Boruu biyyittin amma bilisummaa dhabdee akka bishaan gachaana raafamtu kun isiintu bulchaa. Akka haaraa dhitama ajeefamafi hidhaama jirtaan osoo hin taane aduun bilisummaa hin baati. Kun immoo yeroon ishee dhihoodha. Yeroo ishee gabaabsuuf immoo tokkummaan barattoota oromoo murteessadha. Kanaaf lafa jirtaanniti, hawaasa keessaan gorsuufi cimsuun akka eenyumma isaanitti boonan gochuun gahee keessani. Akkasumaas, isaa rafee damaqsa.
C) Uummata Oromoof: yoo qabeenya keenyati gargaraamne abbaan hangoo hawaasa. Kanaa jechuun abbaa barbaadee filachuu kan isaaf hin taane fonqolchuuf mirga guutu qabu. Tolaanis, lolaan of buusuf olaantummaan kan uummataati. Uummanni keenya waan xiqqoof gowwoomfamu hin qabnu. Xiqqoof jenne gudda hin baalleessinu itti yaadu qabna. Uummata keenya keessa oromoon lama tahuun isaa yommiiyyu hin dagataamu. Maalif yoo jettaan tokko abbaa garaa inni biro abbaa sabaati. Ati kam akka taatee situ beeka. Keessumma warrii ergamtoota waayyaannee taatani saba keenya baasasuufi gurguruu, ajeessuu irratti argamtaan abba garaa ta’uu keessan nama hin shakkisisu. Kanaaf kabajoomtootni uummatni keenya dhimma isaaf ta’uu irratti xiyyeeffannoo kennu qaba. Yeroo filannoo qofa sobamuu hin qabu. Dhagaa ka’uun biqiltuu dhabuu miti. Dhagaatu dhagaa dhabaa! guddina kan hin fene.
Waluma galati filannoo bara kana uummaanni keenya eenyuu akka filaatu ni beeka. Yoo sagaleen isaa hatamees addunyaaf ibsu qaba. Ga’e keenya ba’uun mirga keenya kabaachifachuun nurra eegama.
Galatooma!
Boonsa Caalchisaa
No comments:
Post a Comment