Thursday, May 14, 2015

Waamicha Lammummaa fi Fincila Diddaa Gabrummaa.


Waamicha Lammummaa fi Fincila Diddaa Gabrummaa.

Hojjettoota Mootummaa Wayyaanee,Secterootaa fi sadarkaa garaagaraa irratti argamtanii Sirna Wayyaanee Kanneen Tajaajilaa Jirtan Akkasumas  Wayyaaneen EPRDF/TPLF Umurii Bittaa Isaa Dheerreffachuuf  Jecha Warreen Isin Bobbaase Hundaaf, Waamica Lammummaa fi FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo.
Yeroon mootummaa garboomsaa Wayyaanee EPRDF/TPLF ergamtuu ta’anii uummata guddaa gaanfa Afrikaa waanjoo garbummaa jalatti tiksan dhaabbachuu qaba. Oromoon akka baay’ina isaatti, guddina qabeenyaa isaatii fi baldhina lafa isaatti qooddannaan aangoo inni sirna EPRDF keessatti qabu qanfachiisaa fi salphina guddaa dha. Halli kun Oromoo mitii alagaaf illee ifaadha. Ilmaan Oromoo hundi Saba irraa dhalatan waanjoo garbummaa jalatti tiksuu fi mootummaa garboonfattuu Wayyaanee cina dhaabbatani Oromoo hidhuu, ajjeesisuun, mirga dimookiraasii, mirga namummaa irraa sarbisiisuu fi qabeenyaa uummata Oromoo dachee albuudan gabbataa saamsisaa, Oromoo qee’ee fi qabeenyaa irraa buqqisiisaa, maqaa babaldhina magaalaa Finfinnee fi Misooma magaalaa Finfinnee jedhuun Oromoo qee’ee irraa buqqisiisaa, aadaa, afaanii,seenaa uummata Oromoo mancaasaa fi Maappii Oromiyaa adeemsa bakka lamatti qooduun caccabsanii bituuf karoorfachaa jiraachuu mootummaa EPRDF/TPLF  taa’anii ilaaluun gabrummaa,Wallaalummaa,  fafa fi doofummaa ta’uu jabeessinee  hubachiisuun, Ilmaan Oromoo sirna Mootummaa abbaa irree Wayyaanee kana keessatti ogummaa fi haala garaagaraan ramadamtanii Wayyaaneef hojjechaa jirtanii fi roorroo uummata keenyarratti fe’amee jiru kana teessanii ilaaluun yakkaa guddadha, seenaa keessatti itti gaafatama guddaa jala kan isin galchuu ta’uu ni hubachiifna. Keessaattuu ilma Oromoo taatanii kanneen sadarkaa garaagaraa irratti  itti gaafatamummaa Wayyaanee irraa fudhattanii Wayyaanee EPRDF/TPLF jiraachisuuf hojjettan addatti itti gaafatama seenaa fi Seeraa jalaa of baasuuf yeroon gamtaan uummata ofii waliin falmatan amma ta’uu jabeessinee waamicha gochuun, akka waliigalaatti ilmaan Oromoo secterootaa fi sadarkaa gita hojii garaagaraa keessatti kanneen argamtan hundaaf Qeerroo Bilisummaa Oromoo waamichaa lammummaa fi FDG akka armaan gadii kanatti gadi jabeessuun isiniif dabarse.Guutuu Ibsa Kanaa:- Waamicha Lammummaa fi FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo

No comments:

Post a Comment