Gabaasa Qeerroo Qeellam,Caamsaa 22,2015

Mootummaan Wayyaanee irra deddeebiidhaan WBO waliin jirtu kan jedhuun Qellem Jimma Horroo irratti torban lama dura namoota 50 ol mana hidhaatti guutuun mirgawabiin walakkaan torban tokko booda kan gadhiifaman gabaasni Qeerroo darbe addeessa, haaluma wal fakkaataadhaan halkan edaa ummanni guutumman aanaa Jimmaa Horroo keessa jiraatu ABOdhaan bula, WBO nyaachisa waliin jiraata deggeraa ABOti uummanni aanaa kana jechuun basaasaa Wayyaanee yeroo baayee uummata dabarsee diinaaf kennu irratti uummanni diina of keessa keenyee hin teenyu jechuun tarkaanfii adabbii irratti fudhateen humni waraanaa fi uummata gidduutti diddaa dhalateen dhukaasni uummata irratti baname, kun halkan Caamsaa 19/2015 tahuu Qeerroon aanichaa gabaasee jira.
Humni waraana mootummaa wayyaanee aanaa Jimmaa Horroo buufatee jiru sodaadhaan uummata irratti dhukaasaa kan bulee fi dargaggoota Qeerroo oromoo 20 ol tahan mana hidhaatti ganama sa’a 1:00 irratti guuruun, humni waraana naannicha jiru humna keenyaan ol waan taheef waraanni dabalamee akka dhufus jedhameen magaalaan Jimmaa Horroo dirree waraanaa fakkaattee kan jirtu tahuu Qeerroon gabaasee jira. Humna waraana wayyaaneen ukkaamfamanii mana hidhaatti kan darbaman keessaa muraasa maqaan nu gahe;
1. Tigistuu Tamasgeen,
2. Charinat Tamasgeen,
3. Daani’eel Gurichoo,
4. Tajuu Shariif,
5. Keeruu Shariif,
6. Sanbataa Oljirraa,
7. Gammachuu Bantii,
8. Yaadesaa Danuu,
9. Caalii Ganjoosaa,
10. Amaanu’el Tafarii,
11. Yoohannis Qixxeessaa,
12. Jamaal Wandimmuu,
13. Shamarree Docaa Hundee
14. Shamarree Jiituu Tamasgeen,
15. Shamarree Indii Isiraaj
Namootni olitti maqaan isaanii tarreefame duula FDG kan taasisanii fi ABOdhaan kan durfaman uummatas kan kakaasan jechuudhaan caamsaa 21,2015 ganama keessaa naannoo sa’a 1:00 tti humna waraana Wayyaaneen ukkaamfamanii mana hidhaatti darbuu gabaasni Qeerroo addeessa.
1. Tigistuu Tamasgeen,
2. Charinat Tamasgeen,
3. Daani’eel Gurichoo,
4. Tajuu Shariif,
5. Keeruu Shariif,
6. Sanbataa Oljirraa,
7. Gammachuu Bantii,
8. Yaadesaa Danuu,
9. Caalii Ganjoosaa,
10. Amaanu’el Tafarii,
11. Yoohannis Qixxeessaa,
12. Jamaal Wandimmuu,
13. Shamarree Docaa Hundee
14. Shamarree Jiituu Tamasgeen,
15. Shamarree Indii Isiraaj
Namootni olitti maqaan isaanii tarreefame duula FDG kan taasisanii fi ABOdhaan kan durfaman uummatas kan kakaasan jechuudhaan caamsaa 21,2015 ganama keessaa naannoo sa’a 1:00 tti humna waraana Wayyaaneen ukkaamfamanii mana hidhaatti darbuu gabaasni Qeerroo addeessa.
No comments:
Post a Comment