Walbeekaa Lammii Irraa
QEERROO Magaalaa Jimmaa irraa

ykn dhiibbaa dhiigatiin fonqolfama. Filannoon fakkeessii wayyaaneen waggaa shan shaniin geggeessitu kun jijjirama fida jedhanii amanuu fi hawwuun nama osoo hin facaafatin haammachuuf qophaa’u waliin wal nama fakkeessa. Haata’umalee garuu filannoon kun jijjiiramaaf karaa saaquu danda’a. “Akka idil- Addunyaatti Filannoon tokko filannoo dha jedhamuuf duudhaalee shanan armaan gadii kana guutuu qaba.
- Filannoo hunda hirmaachisu( Universal suffrage) kana jechuun lammiin biyya tokkoo osoo qabeenyan ykn ulaagaa madaallii kamiinuu garaagarummaan hin jiraatin filannoo irratti hirmaachuu jechuudha.
- Filannoo Bilisaa( Free suffrage) duudhaan kun immoo giddugalummaa tokko malee fedhii dhuunfaa ofiitin bakka bu’aa ofii filachuu ibsa.
- Filannoo Iftoominaa( Fair suffrage) kun immoo adeemsa filannoo walaba ta’e kan mul’isuudha.
- Filannoo yeroo isaa eeggate( Periodic Election) Filannoon biyya tokkoo yeroo murtaawaa ta’e kan heerri fi seerri biyya sanaa murteessee lafa kaa’e irratti hundaa’un yeroo yeroo isaa eeggatee marsaa marsaan geggeeffamuu qaba.
- Filannoo Icciitin isaa eegame( Secretballot) eenyullee yeroo bakka bu’aa isaa filachuuf sagalee isaa kennu ijji nama kamiyyuu arguu hin qabu ; dhoksaan sagalee isaa kennuu haammata.
Duudhaalee armaan olotti caqafaman kanniin keessaa filannoon mootummaan wayyaanee gaggeessaa jirtu tokkollee hin guutu marsaa isaa eeggatee waggaa shan sjaniin geggeeffamuu irraa kan hafe. kana ergan hanga kana jedhee garan mata duree jalqabeettin seems: Filannoon yeroo shanaffaaf biyya keenya keessatti geggeeffamaa jiru kun Wayyaanetti balaa dhalchuun isaa waan hafuu miti.
No comments:
Post a Comment