Gurandhala 26,2014 Naqamte
Saboontootni baratootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa
Onotaa Wallagga Bahaa manneen barnoota akka: M/B Haroo Limmuu sadarkaa
2ffaa, M/B Leeqaa Dullachaa sadarkaa 2ffaa, M/b Ukkee sadarkaa 2ffaa,
M/B Jimmaa Arjoo, M/B Kiramuu sadarkaa 2ffaa, jedhaman keessatti
argaman gaaffii mirgaa qabna gaaffii keenya nurraa fuudhaa jechuun
directors mannen barnoota kanneenitti dhiyeeffachuun hanga gaaffiin
mirga fi mirgi uummata Oromoo kabajamutti nurraa hin fuudhamnetti
barachuu hin dandeenyu, mirga hin qabnu, rakkoo keenyaa fi rakkoo
uummata keenya hiriira bahuun ibsanna mirgi hiriira nagaa gochuu fi
rakkoo ofii ibsachuu nuf haa eeyyamamu jechuun gaaffii FDG kaachiisan.
saboontotni baraatootni Oromoo kun dhaadannoo Oromiyaa ni bilisoomti
(Oromia shall bee free), ka’ii ummata Oromoo mirga kee falmadhu,
qabeenyaa uummata Oromoo saamuun dhaabbachuu qaba, Oromoo ilaalcha
siyaasaan qoqqodanii bituun ni dhaabbata, dhaaba keenya tokkicha ABO ni
jaallanna, Ummatni
Oromoo abba biyyati, Ummatni Oromoo lafa isaa irratti of bulchuu
qaba, yoo Mirgi Oromoo kabajame malee nagaa fi Misoomni guddinni
itti fufinsa qabu dhufuu hin danda’u.
Kanatti dabalees mirgi dimookiraasii nuf kabajamuu qaba. hidhamtootni
siyaasaa Oromoo fi kaanis hundi gadhiifamuu qabu, Oromiyaan mootummaa
mataa ishee malee waggoota 23 dabarsitee jirti amman booda mootummaa
mataa keenyaa hundeeffachuuf ni qabsoofna, dhaadannoolee jedhan uummata
keessa fi baratootni walii isaniif rabsuun diddaa Wayyaaneef qaban
argisiisuun jaalala ABOf qaban mul’isa jiru.
Haaluma walfakkatuun Onoota kanneen keessatii fi Onotaa guutummaa
godina wallaaggaa bahaa cufa keessatti barruun warraaqsa FDG
bittinneefamuun dhaaba lukkee wayyaaneetti yaadddoo dhalchee halkanii
guyyaa wardiyyaa dhaabbachaa jiraachuun gabaafamera.
Maatii fi uumanni Oromoo jiraattota naannoo ta’an gaaffii barattootaa
hordofuun ykn cinaa dhaabbachuun gaaffiin keenya fi gaaffiin baratoota
keenyaa yeroo garaagaratti dhiyeessa turre deebii argachuu qaba, jechuun
guraandhala gaafa 25/2014 Onotaa akka Limmuu Galiilaa, Haroo Limmuu,
Sassiggaa fi kiramuu keessatti uummanni hanga gaaffiin keenya deebii
argatutti mootummaa wayyaaneef gibra hin kaffallu, walga’ii wayyaneen
gootu hin hirmannu, ajaja gama kamiin iyyuu lukkee wayyaanee irraa darbu
hin fudhannu, wayyaanee irratti fincillee mirga keenya ni kabachiifanna
jechuun uummanni murtee waliifdabarsee jira.
Ergamtootni Wayyaanee haala sochii diddaa FDG uumamaa jirutti rifachuun
humna poolisaa kora bittinneessaa jedhamuu Onoota hundaa irra qubsiisuu
fi uummata ittin sodachiisuf halkanii guyyaa uummata keessa baattee
fiiga jirachuun gabaafamera.
Kana malees barruuleen FDG Godina Wallagaa dhihaa magaalawwaan
akka Mandii, Ginbii, Danbii Doolloo fi Gullisotti bittinneffamuun
lukkele Wayyanee wareersaa jirachuutu gabaafame jira. uummannis
waamicha dhaabni kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ABO irraa bifa
garaagaran godhamaa jirutti gammachuu gudda qabachuu isa FDG
mul’ifachuuf qophii xummuraa jiraachuu isaa gabaasa nu qaqqabe irra
hubanne jirra.
No comments:
Post a Comment