Baarentuu Gadaa irraa | Guraandhala 12, 2014
Mammaaksa Oromoo “Qarriffaa Saree Lafeerratti Akeekkatu!”
jedhu kan lammii Oromoo taane martuu akka dhagahaa fi mammaakaas
guddanne shakkiin hin jiru. Mammaaksi kun mammaaksoota ummata Oromoo
biratti beekamanii fi mammaakaman keessaa mammaaksa ijoo fi warreen
akkaan jireenya hawaasummaa keessatti barbaachisoo ta’an keessatti akka
ramadamuu danda’us tilmimaamuun nama hin rakkisu. Namni ennaa Sareen
lafii goggogaas ta’e jiidhaa qoqortu(Cabisitu) ilaale maalif akka
mammaakame hubachuu hin dadhabu. Sareen ennaa lafee qoqortu ilkaan ishii
keessaa inni halaalatti muldhatu isa Qarriffaa jedhamuu dha. Kan ittiin
namas tahee lubbu qabeeyyii biraa foxxoksitee nyaattuun isuma. Namni
Qarriffaa saree dhedheeraa ittiin lafee cabsitu kan argee, gocha ishiis
hubatemmoo waan ittiin Sarees ta’e Saroota halaalatti ofirraa
dhorkuun/hari’uun Ulee lafa hin godhu. Harka duwwaa hin deemu. Saroonni
yoo itti dhufte qarrifaa ishii isa lafeerreetti akeekkatee/arge/ saniin
akka foxxoqisitee isa nyaattu waan beekuuf. Ulee harkaa qabaannaan garuu
halaalatti Uleen rukutee ofirraa dachaasa, naannoo isaatii hari’a.
Kan Sareen ennaa Lafee qoqoratu Qarriffaa ishii argee hubachuu
dadhabee harka duwwaa ykn harka raasee Ulee malee itti deemee garuu kan
isa eeggatu hedduu dha.Homaa na hingootu jedhee hoomaa saroorootaatti
harka duwwaa qajeellaan kan isa eeggatu ilkaan ishii isa Lafee gogoggaa
fi Lubbi qabeeyyii biraarratti sileeffattee saniin ciramee hafuudha. Kun
amaluma sarootaati waan taheef kan itti gaafatamu isa harka raasee
sareetti qajeelee malee kan biraatii miti. Mammaaksi, afoollii fi dubiin
dur-duri waa malee hin mammaakamne. Hin mammaakamus. Waa malees darbaa
dabarsaan dhalootaa dhalootatti darbaa as hin geenye. Mammaaksii fi
Afoolli dur-durii baruumsa kenna, ni akeekkachiisa, ni dammaqisa.
Mammaaksii fi Oduun dur durii ennaa dhaggeeffatan qoosaa haa fakkaatu
malee kan ceebba’amuu qabu ni ceebba’a, gama hundaanuu dhaloota gorsa.
Yoo kan dhagehee irraa baratu jiraate.
Mammaaksii fi oduun dur-durii kan ‘ihii….’ jedhee kan gurra itti
kennee dhaggeeffatee fi qalbeeffateef waa heddu barsiisa. Akeekkachiisa,
qalbifachiisa. Mammaaksi mata duree irratti “Qarriffaa Saree
Lafeerratti Akeekkatu!” jedhus kanuma dhugoomsa. Dubbii ijoon mammaaksa
kanaas; isa dafee waa hubachuu danda’uu fi qalbifatee hojiirra oolchuu
danda’uuf ergaa ‘Balaa bor sitti dhufuu danda’urraa gamanumaan of
eeggadhu/of tiksi’ jedhu dabarsa. Beekaan mammaaksa akkanaa dhagahaa
guddate ammoo ennaa Sareen lafeefii waan lubbu qabeeyyii biraatti
Qarriffaa ishii rakkiftee garaa guttachuuf daaktu ilaaleet anis yoon
harka ishii bu’e akkasuma ta’a jedhee Ulee ittin Saree fi saroota
ofirraa ittisuun/ dhorkuun/ naannoo isaatii hari’uun qabatee deema.
Harkaayiis hin dhabu/ ittiin of eega.
Inni waa hubachuu fi qalbiachuu hin feenee fi Gorsa namaa tuffatummoo
mammaaksaa fi afoola akkanaatirraayii mitii ciibsanii waga’anuu hanga
irra gahee argutti hin amanu. Xummurri nama akkanaa ammoo Qarriffaa
Sarootaa qofaan Osoo hin taanee Bineensa biraatiinu Kottee kaasee hanga
lubbuu isaa dhabu akka gahau shakkiin hin jiru. Nama akkasii, nama osoo
itti himanuu fi gorsanuu didee ammoo dhugaanuu isa gorsa. Isa gurra
tokkoon dhagahee gurra tokkoon gadi naqe, isa odoo arguu fi dhagahuu
Ulee isaa isa ittiin Saree fi Saroota ofirraa ittisuun gatee didee ganda
keessa deeme kan isa gorsu sarootaan Kotteesaa dhabuudha. Nama akkanaa
nama harka isaatin “Hoomaa Sarootaa” of buuse yoo ijaajjitti Sarootaan
jajji’amees/nyaatames/ abbaatu Saroonni homaa na hingootu jedhee Ulee
isaa gate waan taheef callisanii ilaaluu malee falli biraa hin jiru.
Mammaaksi Oromoo inni akkaan dubbii akeekaan akkasii kun nama qalbii
qabuuf qalbifateef jireenya isaa hawaasummaa kam keessattuu isa
tajaajila. Fuundura deemeeti karaa akeekaafi. Akka dogongoraan, hubannoo
dhabuun of dagatee balaarra hin buune, akka yeroo hundumaa, waan
hundumaa gamasumatti akeekkatee qophaawee socho’u karaa haxaahafi.
Keessattuu namni lammii isaa bakka bu’ee waldhaansorra jiru mammaaksaa
fi gorsa saba isaa qalbeefatee hojirra oolchuu qaba. Ergaa akka
afoolaatti darbaa dabarsaan uummanni itti fayyadamaa as gahe kanarraa
waa heddu barachuu fi hubachuu qaba. Hubatees kan akeekkachisurraa
akeekkatee, waan hamaa isaa fi lammii isaa gaaga’urraa yeroon goruu
qaba. waan hubatamu taanaanis akkasuma hubatee akkaataa diina isaarra
ittiin oolu mala malachuu qaba. Barnootas yoo tahe irraa barachuun
akkaan barbaachisaa dha. Fuundura isaa fi lammii isaatu ittiin qajeela
waan taheef. Kaayyoo ka’eef sanatu aadaa fi duudhaa uummataa waliin wal
simatee galama gaha waan ta’eef.
Yeroo ammaa kana akkuma argaafii dhagahaa jirru namoonni tokko tokkoo
fi dhaabooleen tokko tokko mootummaa wayyaanee waliin karaa nagahaa
filannoo keessattti hirmaannee Itiyoophiyaa dimookiraateessina jechaa
jiru. kana gochuufiis Ulee keenya lafa gooneeti filannoorratti dorgamana
jedhaniiru. warri akkas jedhan akkuma beekamu baayyeen isaanii
durumaanuu warra Ulee harkaa hin qabne yoo ta’an ammi xiqqaan ammoo
warra dhiheenya kana Ulee qabachuun nutti haa hafu jedhee labsate. Warri
kun warra harka duwwaa wayyaanee Danqaraa baattee jirtuu/ murna
Qarriffaa dheereeffattee eenyu nyaadhu laata?/ jechaa jirtuun waliin
waldhansoo wal dorgomuuf gara biyyaatti gala jechaa jiraniidha. Warreen
duraanuu harka duwwaa jiranis ta’ee warreen amma Ulee lafa goonee jechaa
jiran akka isaanitti fakkaatetti qabsaawun mirga isaaniti. Garummoo
gaafii “wayyaaneen waggoottan 22n darabaniif warra karaa nagahaa ni
qabsoofna jedhanii yaalaa turan eenyufaa gara haangootti dhiheessitee
beekti ?” jedhuuf ofumaa of gaafatanii ofumaa deebii kennuu qabu. Warra
karaa nagahaa qabsoofana jedhanii asiif achi dhamahaa turan meeqa akka
hitee, meeqa akka ajjeeste, meeqa akka biyyaa baqachiiste hin dhgeenyee
moo ni dagattan? kan jedhuuf deebii gahaa qabaachuu qabu. yoo carraan
argame wayyaanees gaafachuun dirqama isaaniti!
Namoonni fi dhaabooleen karaa nagahaa wayyaanee waliin waldhaansoo
dorgomna jechaa jiran kun keessattuu warri tibbana galluu malee jechaa
jiran kun mammaaksa Oromoo isa “Qarriffaa Saree lafeerratti akeekkatu!”
jedhu san waan quba qaban hin fakkaatan. Ykn dhagahuu hin feene malee
wayyaaneen murna eenyuufuu hin hillee dha. Murna harka duwwaa nama
kabajjuu miti. Kanaaf ragaan akka fakkeenyaatti dhihaachuu danda’u
hedduu dha. Ammaas oolee haa bulu malee ilkaan ishii sabboontoota
irratti, Paartilee karaa nagahaan socho’anirraatti sileeffatte
isaanirrattis hojiirra oolchuun waan hin hafne. Nama akkuma mammaaksichi
akeeke kan biraarratti akeekkatee ofii hin eeginii fi harka duwwaa
harka raasaa waldaa Sarootaa dhaqe wanni irra gahu silaahuu beekamaadha
waan taheef nama raajuu dhiisuu danda’a. Garuu nyaatamuun waan hin
hafne. Qarriffaa Sarootaa dhiiga namaa mi’eeffateen jaji’amuun hin oolu.
Kan abbaan of godhe callisanii ilaaluu malee wanti godhan hin jiru.
Wayyaaneen murna laafaatti, akka qoosaatti isa harka duwwaa itti
dhaqeef hangoo keennituu miti. Dhaaba nagaahaa fi seera beektu akka hin
taanes gochaaleen gara jabinaa ilmaan Oromoorratti waggoottan 22n
darbaniif hojjette raga guddaa dha. Fuunduuraafiis hanga rukutamtee
Oromiyaa keessaa hin baanetti murna yakkoota adda addaa saba
Oromoorratti hojjeechuurraa duubatti hin deebitu. Murna waggootan 100n
dhufuufi uummata Oromoorratti karoora baafattee hojjeechaa jirtuu dha.
Silaa jarri kun kana kana hubatanii, warra isaan dura “karaa nagahaatin
qabsoofna” jedhanii harka wayyaaneetti kufanii boodarra hidhaatti
tortoran, ajjeefamanii fi bakka buuteen isaanii dhabamerraa barachuu
qaban turan. Beekaan namarraa barata wallaalaan ammoo ofirraa barata
akkuma jedhamu san jechuu dha. Kanaaf mammaaksi Abbootii keenyaa “Qarriffaa Saree Lafeerratti Akeekkatu!” jedheemiree? hanga ofirraa barataniitti eegudha!!!
Baarentuu Gadaa Gassogedaa@gmail.com
No comments:
Post a Comment