Gurandhala 27,214 Finfinnee
Mootummaan
gabroonfataa uummata Oromoo qe’ee fi lafa isaa irraa buqqisuu aadeffate
har’a illee saalfii tokko malee magaalota naannoo FF kan akka L/Xaafoo
L/Daadhii,Burraayyuu,Sabbataa fi Duukam fa’aatti lafa qonnaan bulaa
irraa saamee maallaqattii gurguratuu irra darbee qonnaan bulaa Oromoo
lafa isaa ifaan ifaatti irraa fuudhuun ummaata Amahaaraa fi Tigrree
naannoo isaanii irraa fiduun sababa rakkattoota jedhuun qubachiisee
uummata Oromoo jireenya gadadoo keessatti kuffisaa jiraachuun hubatamaa
jira.kana malee sirni abbaa hirree uummata Oromoo lafuma isaa waliin
uummata Oromoo dhabamsiisuuf tattaaffataa jiru,magaalota Oromiyaa kan
akka magaalaa Jimmaa fi Adaamaa godina addaa jechuun Oromiyaa jalaa
baasuun harka federaalaa galchuun beekkame,dabalataan magaluma Jimmaa
kana keessa uummattoonni jiraatan harki guddaan/74%/ saboota biroo waan
tahaniif afaan hojii fi barnootaa afaan amariffaa tahuu qaba jechuun
illee jijjiiruuf tattaaffii godhaa jiraachuun
dhagahamaa jira.
Gabaasa KSBO!
No comments:
Post a Comment