Waan Wareegama hin qabne hin bareedu. Kan Jalqaba tole dhumni isaa tola. Konsartii HOODAA magaala Finfinnee keessatti qophaa’e ilaalchisuun barreeffam Jaal Hariiroo Jorgoo‏

KAN JALQABA TOLE DHUMNISAA NI TOLA!

Postera Konsertii A5tBara Hayile sillaasee keessa baandii muuziqaa Oromoo isa jalqabaa kan ta’e baandii Afran Qalloo diiguun miseensota baandichaa hidhaan, toorchiin, ajjeechaafii godaansaan facaasuu kan jalqaban mootummootiin cololeeffattoota Habashaa, bara darguu keessas gootota aartistoota Oromoo kanneen akka Musxafaa Harawwee fi  Dabalaafaa haala suukaneessaa ta’een galaafateera.
Bara wayyaanee keessas itti fufee aartistoota Oromoo leelloo kanneen akka Eeebbisaa Addunyaa, Yooseef Gammachuu fi Usmaayyoo Muusaafaa lubbuu yemmuu qisaasan kaanis guraarsuun biyyaa baasaniiru.
Gaaga’amni aartistoota keenya irra ga’aa jiru cimee itti fufus hidhaafii ajjeechaan ejjennoo isaan bilisummaa uummata isaaniifi walabummaa biyya isaaniitiif qaban geeddarsiisuu hin dandeenye.
Mootummaan Wayyaanee akkuma Tigraayii kaatee Oromiyaa weerarteen tarkaanfii gurguddoo isheen fudhachaa turte keessaa inni duraa dameelee wal-qunnamtii hawaasaa kan ta’an madden odeeffannoofii dadammaqinsaa dhaamsuufii dabamsiisuu ture. Haaluma kanaan gaazexaalee, barruulee, kitaabbanifi tiyaatiroota dura dhaabbate. Baandiilee muuziqaa kanneen akka Baandii Caffee Gadaa, Baandii Saglan Booranaa, Baandii Gadaa, Baandii Bilisummaafi k.k.f akkasumas waldaalee  wal qunnamtiifii wal-gargaarsaa Oromoo kanneen akka Waldaa Meeccaafi Tuulamaa dhabamsiifte. Miidiyaan naannoo Oromiyaas otoo hin dhaabbatiin turee akka bara lakkaa’u taasisuushee caalaa kunoo har’as madda hololashee godhattee meeshaa hidhaa gabrummaashee ittiin nurratti jabeeffattu godhatteetti.
Shiraafi ukkaamsaa wayyaanotaaf kan harka hin laanne aartistoonni Oromoo ammo biyya keessaafi biyya alaan bifa qindaayeefi dhuunfaanis fincila diddaa gabrummaa finiinsuun sagalee uummata isaanii dhageessisuufii guddina Afaan Oromoof carraaquu hifatanii hin beekan. Kanaafis ragaa kan nuuf ta’u ta’ee guddaa gaafa Amajjii 26 dhalatedha. Kunis haala rakkisaa kana keessatti aartistoonni Oromoo urjiilee ta’an biyya keessa jiran kanneen akka Zarihuun Wadaajoo, Kadir Martuu, Girmaa Turunaa, Addisuu Karrayyuu, Mohaammad Jaalalaa, Shukrii Jamaal, Jaafar Yusuuf Jireenyaa Raagaafi Yaaneet Dinquufaa wal ta’uun baandii Tokkummaa jedhamu tokkummaan dhaabanii hojii jalqabaniiru.
Baandichi aartistoota jaalatamoofi muuxannoo kuufataniin guutamuusaa caalaa Injineroota, barsiisota yuunveristiifi kan biros ogeessota hogbarruu fiilmiifi diraamaalee ofkeessatti ammateera. Hundaa’uun baandii kanaa dhukkubbii mataa kan itti ta’e mootummaan wayyaaneefi ilmaan nafxanyootaa baandicha dadhabsiisuuf gamanumaa tarkaanfii ciccimaa kan isaanitti fakkaate hundaa fudhachaa jiru.
Kunis baandicha haayyama dhorkachuu irraa jalqabee galma qabeenya uummata keenyaa ta’e kirayiillee dhorkuu, poosterootaafi baaneroota beeksisaaf magaalota Finfinneefi magaalota naannawa Finfinnee akka Sabbataa, Buraayyuu, Lag- Xaafoo, Sulultaa, Aqaaqii-Qaallittiifi Galaan faatti rabsanii akka hin maxxanfamne dhorkaniiru. Ijoollota poosteroota kana maxxansanis kutaa magaalaa gara garaa keessatti kan hidhan yoota’u keessaafuu milishoota wayyaanee wajjiin Ona Birbirsa Gooroo isa har’a jarri Piyaassaa je’an keessatti walitti bu’insi guddoon uumamee hamma qaamota ol-aanoo wayyaaneetti ga’ee milishoota bira kunnaan hidhattoota meeshaa waraanaa hidhatan itti bobbaasaniiru.
Hunda caalammoo kutaa magaalaa Kolfee Qeraaniyoo keessatti hojjettoota baandichaa kan ta’an Sorsaa Lammiifii barsiisaa Ifaa Gammachuu otoo konkolaataan naanna’anii guyyaafii bakka konsartichaa beeksisaa jiranii konkolaataa isaanii dhaabsisuun hojichi akka hin gaggeeffamne jara lamaan kana shofeera isaanii dabalatee meeshaa ittiin hojjetan moontaarboo, maayikii, sound miikseriifi konkolaataa isaanii to’annoo jala oolchaniiru.
Gochaan poolisoota wayyaanotaa kan isaan aarse poolisoonni dhalootaan Oromoo ta’an kutaa magaalichaa keessa jiran wayyaanota wajjiin walitti bu’uun “maaliif yoo afaan biraatiin Magaalaa Finfinnee keessatti beeksisan to’annaa hin gootan?”, jedhanii komii isaanii ibsanii hamma qawwee walitti luqqifachuutti ga’anii jiru. Haalli kun tasa hammaatee lolli ka’uuf jennaan komaanderri wayyaanee ol-aanaa H/maariyam jedhamu waamamee hidhaarraa akka gad lakkifaman gochuun dubbicha tasgabbeessuuf yaalaniiru.
Kanaan kan hin dhaabbanne wayyaanonniifi leellistoonni ilmaan nafxanyaa boorumtii konsartichi gaggeeffamu galgala mana isaatti deemuun weellisaa Shukrii Jamaal irratti yaalii ajjeechaa irratti raawwatan illee hiriyyoota isaatti bilbilee dargaggoonni konkolaataa lamaan dhaqanii lubbuusaa oolchuu danda’aniiru.
Walumaa galatti sakaallaaffii danqaa kana hunda keessa hulluuquun Baandiin Tokkummaa, Sambbataa guddaa konsartiisaa isa jalqabaa konsartii Hodaa jedhamu uummataaf dhiheessuu danda’eera.
Poostariin akka hin maxxanfamne dhorkamus, konkolaataan akka hin beeksifamne dura dhaabbatanis uummanni interneetiin dhaga’e walii daddabarsuun hamma yaadameetii ol konsarticha irratti hirmaateera.
Keessaafuu barattoonni yuunvarsiitiilee magaalaa Finfinnee keessatti argaman hedduun xiiqiin itti dhaga’amuun baandicha cinaa dhaabbachuun kan konsarticha milkeessan yoota’u uummanni konsarticha irratti hirmaate erga waldaan Maccaafi Tuulamaa mootummaa wayyaaneen diigamee booda carraan akkasii kan saba Oromoo walitti fidu konsartiin argamee hin beeku jechuun wal hammatee yeroo boowu argameera.
Konsartichi itti fufunsa akka qabaatus koree qopheessituutti imaanaa kennataniiru. Ofiif ammo akka baandicha cinaa dhaabbatani waadaa galaniiru.
Konsartichi gama hundaanuu dhugumaan akkuma maqaasaa konsartii hodaa ta’ee kan dabre yoota’u, uummanni jaalalaafi deeggarsasaa bifa gara-garaan agarsiisaa tureera. Kunis,abbaan qabeenyaa sabboonaan Oromoo tokko suuraa Janaraal Taaddasaa Birruufi Neelsan Maandeellaa kan yeroo Maandeellaan Oromiyaa dhufee Janaraalticha Oromoorraa leenjii waraanaa fudhate waliin ka’an caal baasiif dhihaatee qarshii kuma 15’niin bituun baandichaaf gargaarsa godheera.
Nutis gama keenyaan baandichi jabaatee daran godinootaafi aanota Oromiyaa dhaqqabuun uummata keenya dheebuu baasuu qaba jechaa uummanni Oromoo kan keessaafi alaas hundi dirmannaa barbaachisaa ta’e haa goonuufii jenna.
Akkasumas gara fuula duraa sochii baandichaas karaa agabaastota keenyaa hordofnee isiniif galaalchuuf irbuu galla.
Abbaan sosso’u ambi sosso’a! akkuma jedhan ufumaa jabbannee yoo sossoone malee guddina Afaan Oromoo wayyaanota irraa eeguun Titiisarraa damma eeguudha! Waanta’eef, ciminni calaqqisaa jiru kun daran jabaatee lafa haaqabatu jenna! Biddeena nama quubsu, eelee irratti beeku! Kan jalqaba tole, dhumnisaa nitolaan warra keenyaas kanuma!

Injifannoo Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Hariiroo Jorgootiin,
Qeerroo Oromiyaa Finfinnee irraa