Diddaa
barattooti Yuuniversitii Haromaayaa kaasaniin wal qabatee guyyaa har’aa
sirni abbaa hirree mootummaa Wayyaanee baraa gara baraatti barattoota
mala adda addaan fixuu aadeffate har’as caalmaatti jabeeffatee itti
fufee jira. Haala kanaa har’a 31/1/014 dallaa university Haromayyaa
keessatti nyaata barattootaa keessatti summii lubbuu dabarsaa makuun
barattootni nyaata kana nyaatan kumaatamni miidhaan guddaa irra gahuun
kan mana yaalaa seenan yoo tahu, kanneen maqaan isaanii adda hin baane
lakkoofsi isaanii tilmaamaan ja’a tahan lubbuun akka darbee jiruus
dhagahamaa jira. Barattootni mana yaalaa galan illee lubbuu darbuu irraa
akka hin baraaramne dhagahamaa jira. Kanneen maqaan isaanii adda hin
bahiinii fi haala gabaasa kanaa jala jalaan kan gabaafnu tahuu gamanumaa
Qeerroon hubachiifna.
No comments:
Post a Comment