Waxabajjii 16, 2013
Baqattoon Oromoo ka bakka rafuu bakka aduu fii oowwa Biyya Misraa
jalaa itti dahatu hin qabne, kan bakka irraa nyaatu fii irraa dhugu hin
qabne, kan manni isaa karaarraa kan jireenyaa isaa martinuu hadhaawaa
tahee argamu kunoo bifa bareedaan wal gurmeessee rakkoo saa fii
eenyummaa isaallee sabaa-himoota gurguddoo addunya tana irratti
beekkamanin iyyachaa jira. Kan si gaddisiisu garuu, ilmaan Oromoo
kanneen silaa jireenya wayyaa qaban, kan guyyatti haga barbaadan nyaatan
kan Awroopaa fii Ameerikaa jiraatan kan gad bahanii iyyachuuf mirga
guutuu qaban gadadoo fii jireenya zulmii lammiin isaanii guyyaa
guyyaarraa akka qooqqoo taheef jiru kanaaf qarshii baasuun bira
dhaabbachuun hafee, akkuma naammttu walumallee afeeree saba kanaaf
iyyachuun hafee, qabsoo maqaa ABOtiin daladalamaa jiruuf akka saree
matrattee footoo ququyyisee kijibarratti waldorgomuuf asiif achi
wixxifachaa jiraachuun isaa ka nama gaddisiisuudha.http://www.youtube.com/watch?feature=player_embedded&v=7M8pauQ3lCw
No comments:
Post a Comment