Abdii Boruutiin |Waxabajjii 16, 2013
Yeroo ammaa, uummatni Oromoo biyya keessattis ta’ee biyya alaa tokko
tokko keessatti rakkoolee hamaadhaan xaxamee otuu jiruu; lammiileen
Oromoo manoota hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa otuu jiranuu;
uummatni keenya qayee issaarraa buqqayee rakkoolee adda addaatiif
saaxilamaa otuu jiruu; bahaa fi kibba bahaa Oromiyaa keessatti Sumaaleen
uummata keenyarratti duultee lafa isaarraa ari’aa otuu jirtuu; lafti
keenya Wayyaaneedhaan gurguramtee dhumaa otuu jirtuu; naannolee
(environment) keenya badiin irra gahaa otuu jiruu;walumaagalatti
gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e keessa otuu jirruu; dhimmoota
gurguddoo dursa argachuu qaban kana dhiisnee ykn dagannee, waan
xixiqqoorratti yeroo, beekumsa, dandeettii fi humna keenya balleessuun
bu’aan isaa eenyuuf ta’a jennee itti yaadnee jirraa? Rakkoolee
jiranirratti rakkoolee biroo ofitti daballee sababa kanaan qabsoo
bilisummaa keenyaa laaffisuuf yoo ta’e malee, waan dursa argachuu hin
qabneef dursa kennuun Oromoof bu’aa hin fidu.
Mata duree kanaan barreeffama kana akkan dhiyeessu kan na taasisan
dhimmoota adda addaatu jiru. Isaan kana keessaa tokko tokko tuttuquun
yaala. Keessumaayuu ammoo akkan barruu kana qopheessu kan na kakaase
waayee Oromummaa fi Islaamummaa ilaalchisee haasa’a dhiyoo kana Obboo
Jawaar Mohammediin godhame fi sana boodas barreeffamoota adda addaa
marsaalee intarneetaarratti mul’atanii dha. Namootni dhimma tokko
karaalee adda addaatiin hubachuun; ilaalcha adda addaa irratti
qabaachuun; hiika adda addaas kennuun waanuma jiru dha. Haa ta’u malee,
namootni yaada ofii yoo dhiyeessan beekaniis ta’ee otuu hin beekin wanti
isaan dhiyeessan kun dhimma guddaa Oromoorratti, keessumaayuu qabsoo
bilisummaa keenyaarratti miidhaa fiduu danda’a. Isa kana hubachuu
dhabuun keenya rakkoolee hin yaadamneef nu saaxiluu danda’a. Yaada
keenya yoo ibsannu bilchinaa fi ofeeggannoo cimaadhaan itti yaadnee
dhiyeessuu qabna jechuu kooti. Yoo akkana hin taane, diinnillee qaawwa
argatetti fayyadamee, tokkummaa ilmaan Oromoo laaffisuuf carraa argachuu
danda’a jechuu dha.
Haasa’a Obboo Jawaar godhe Oromoo TV irratti daawwadheen ture. Akkan
ofii kiyyaa hubadhetti, akka naaf galetti, haasawni inni godhe hammeenya
waan qabu natti hin fakkaatu. Ani Obboo Jawaar ittisuuf otuu hin taane,
akka inni dubbatetti, ifattis ta’ee dhoksaadhaan; alattis ta’ee mana
keessatti, sochii musiliimaa fi QBO ilaalchisee gama addaa addaaatiin
waan jedhamu ibsuu yaalee; achumaanis Oromummaa fi Islaamummaan wal
gargaaran malee wal dura hin dhaabbatan waan jedhe natti fakkaata.
Dhugaa dha, waayeen qabsoo bilisummaa fi amantii yoo ka’u tilmaama gara
garaa keessa akka nama galchu beekamaa dha. Otuu danda’ame, amantii fi
siyaasaa addaan baasnee ilaaluun gaarii natti fakkaata. Haa ta’u malee,
bakkee tokko tokkorratti dhimmootni kun lamaan walirratti rarra’uun
isaanii hin oolu. Kan Obboo Jawaar ibsuu yaales waayeedhuma kana natti
fakkaata. Waan inni dubbate sana hundaa tokko tokkoon asitti dhiyeessuun
barbaachisaa ta’uu batullee, akka inni jedhetti Oromummaa fi
Islaamummaan waan addaan bayuu hin dandeenye; isaan kun lamaan takka
waliin kufan takka waliin ka’an kan jedhu dha.
Obboo Jawaar waayee kana ibsuuf akka ragaatti seenaa dhiyeessee ture.
Yaaliin inni godhe walumaagalatti akka namootni yaadanii fi/ykn diinni
olola oofutti otuu hin taane dhugaan jiru sochiin musliimaa qabsoo
bilisummaa Oromoo ni gargaara kan jedhu dha. Akkuma mata dureen haasawa
sanaa ibsuttis, “Mormii Muslimoota Itoophiyaatifi Qabsoo Oromoo:
Walfaalleessan Moo waliiff tumsan?” kan jedhu yoo ta’u, asirratti wanti
hubatamuu qabu waayee tumsaa ti malee waayee dursa argachuu Islaamummaa
ykn Oromoummaa natti hin fakkaatu. Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti
garuu, yaadni sabummaa dura amantiitu dhufa ykn amantiitu dursa jedhu
dogoggora dha. Amantii fi eenyummaa walbira qaqbnee yoo ilaalle,
eenyummaatu dursa. Oromummaan ammoo eenyummaa Oromoo ti kanaaf waa
hundaa dursuu qaba. Amantii kamiiyyuu haa ta’u: Islaamas ta’ee
kiristaana ykn waaqeffannaan Oromummaa (eenyummaa) booda dhufu. Amantiin
kan dhuunfaa ti; Oromummaan kan waloo ti. Amantii qabnu ykn hordofnu
yoo barbaadne yeroo feene jijjiiruu dandeenya. Eeenyummaa keenya garuu,
jaalannus jibbinus, jijjiiruu hin dandeenyu.
Kan biraa, carraa kanaan wantin jechuu barbaadu, warri “sabummaa dura
amantiitu dursa” jedhan, kun dogoggora guddaa akka ta’e hubachuu qabu.
Sabni tokko yoo hin jiraatne, amantiin isaa jiraachuu hin danda’u. Sabni
ykn uummatni tokko bilisummaa yoo hin qabaanne, amantiin isaaas
bilisummaa qabaachuu hin danda’u. Bilisummaan sabaa bilisummaa amantii
isaa mirkaneessa jechuu dha. Islaamummaa, kiristaanummaa fi
waaqeffannaan hundi isaaniituu qaama (subset) Oromoo ti; Oromoon ykn
Oromummaan garuu hunda kanaa hammataa (set) dha. Kan hundaa hammatu kun
ammoo hunda dura dhufa; dursa argachuus qaba. Asirratti mormiin yoo
jiraatellee, kun dhugaarraa fagaachuu ta’a. Akkuma Obboo Jawaar ibsuu
yaale, otuu Oromoon dursee jiraachuu baatee, otuu Oromummaan dursuu
baatee, kan isa booda dhufe Islaamummaan hin jiraatu jechuu dha. Karaa
biraatiin yoo hubatamus, akkuma Jawaar jedhe, Islaamummaatu Oromummaatti
dhufee, akka keessummaattillee ilaalamaa ture malee Oromummaan booda
hin dhufne jechuu dha. Raabaa Dooriitu Islaamummaa ittise yoo jedhus,
Oromummaan dursee jiraachuu fi humna cimaa qabaachaa akka ture
agarsiisa.
Egaa, waayee sochii musilimaa fi QBO ilaalchisee waan Obboo Jawaar
dubbate xumuruuf, sochiin musilimaa QBOtiif tumsa ta’uu danda’a jedheen
yaada. Sochiin kun lamaan waan waldura dhaabbatan natti hin fakkaatu
jechuu kooti. Sochiin musiliimaa yoo milkiidhaan xumurame, xinnaatullee
QBOtiif karaa gaarii saaquu danda’a. QBOn galii hawwamu yoo gaye garuu,
mirgi amantii kamiiyyuu akka kabajamu mamiin ykn shakkiin waan jiru
natti hin fakkaatu. Olola karaalee adda addaatiin godhamu dhiisnee,
waayee kana akkanatti hubachuun nagaa fi tasgabbii mooraa keenyaatiif
murteessaa dha. Asirratti wanti ciminaan hubatamuu qabu, hammuma nuti
waayee amantii fi QBO walittifidnee dubbannu; kanas ajandaa godhannu,
diinaaf karaa baasuu ykn qaawwa uumuu akka dandeenyua dha. Har’a diinni
fi alagaan, karaan isaan tokkummaa ilmaan Oromoo ittiin laaffisan hedduu
waan ta’eef, kanarraa ofeeguun baay’ee murteessaa dha. Dubbii afaanii
ykn harkaa walfuunee, micciirree hiika hin taane kennuun, rakkoolee
jiranirratti rakkoo biraa dabaluun, qabsoo keenyas gara fulduraatti
oofuu hin danda’u.
Karaa biraatiin ammoo, “…kan dursa argachuu qabu otuu jiruu maaliif
dhimmoota biroorratti yeroo keenya fixna?” kan na jechisiise ammas
barreeffamoota marsaalee intarneetaa irratti mul’atan tokko tokko dha.
Kunis waayee maqaa Impaayara Itoophiyaa ti. Har’a nuti kan hubachuu
qabnu, kan dursas argachuu qabu, qabsoo jalaqabame kana galii hawwamutti
geessuuf; Wayyaanee nama-nyaataa kana barbadeessanii uummata Oromoo
gabrummaa hamaa keessaa baasuu; Impaayarittii tanas sirna ishii wajjin
hundeedhaan diiguurratti xiyyeeffachuu dha malee, waayee maqaatii miti.
Maqaa ilaalchisee, Oromiyaa xinnoo ykn dhiphoos jennu, Oromiyaa guddoo
ykn bal’oos jennu; akka dubbatamutti ykn barreessamutti maqaa Itoophiyaa
tana jijjiirree Oromiyaa haa goonu jennus, kun amma barbaachisaa miti.
Dura rakkoon jiru furmaata argachuu qaba. Rakkoo hatattamaatiifuu
furmaatni otuu hin argamin achi fagaannee waan hin taane yaaduun ykn
dubbachuun uummata afaanfaajjessuu natti fakkaata. Asirratti makmaaksa
Habashaa tokkon yaadadha. Innis Afaan Amaaraatiin “Yammi labbas
yeellaat, makkanaanab amaaraati” kan jedhu dha. Hiikni isaas Afaan
keenyaan “Waan uffattuu hin qabduu, kan ittin ofmartu hawwiti” kan jedhu
natti fakkaata.
Egaa, akkuman keeyyata duraa barreeffama kanaa keessatti tuttuqee
dabre, rakkoolee hamaa fi gaafii bilbiltuu yeroo otuu qabnuu waan boru
ta’uu danda’u ykn hin dandeenye har’a kaasnee afaanfaajjii uumuun ammaaf
bu’aa waan qabu natti hin fakkaatu. Mee dhugaa haa dubbannu, waayee
kana yoo kaasnu, Habashootumtuu nutti kofluu danda’u jennee yaadnee
jirraa? Maqaa isaan har’a halkanii fi guyyaa kaasanii faarsaa jiran
maqaa “Itoophiyaa” tana Oromiyaatti jijjiira jechuun dhiibboo hin ta’uu?
Har’a Oromiyyaan dhiiga fi lafee ilmaan Oromootiin ijaaramate tunuu
cicciramte dhiphachaa otuu jirtuu; tanaa bilisoomsuu dadhabnee; kan achi
nurraa fagoo jiru yaaduun tapha natti fakkaata. Kun haala keessa jirru
akka hubannuf malee, warra yaada akkanaa qaban xiqqeessuu fi
tuffachuufii miti. Beekumsa fi dandeettii isaaniis gaafii keessa galchuu
kiyyas miti. Wantin jechuu babaade, haala keessa jirru dagachuu hin
qabnu; kan dursutu dursa jechuu kooti. Har’a wanti dursa argachuu qabu,
akkamitti tokkummaa keenya cimsinee; humna Oromoo jabeessina kan jedhu
dha. Yoo humna jabaa, cimaa fi abdachiisaa qabaanne qofa waan barbaadnu
argachu dandeenya. Yoo kun hin jiraatne garuu, wanti hunduu abjuu ta’ee
hafa.
Dhumarratti, wantin dubbistoota barreeffama kanaa beeksisuu barbaadu,
haasawa Obboo Jawaar godhe keessatti qabxiileen qalbii kiyya harkisan
tokko tokko waan jiraniif, isaan kana bali’inaan asitti dhiyeessuun
ammoo waan barreeffama kana dheeressuuf, yeroo biraa itti deebi’uun
barbaada. Keessumaayuu, wanti bakka adda addaatti jedhamu, “…amma yeroon
tan islaamaa ti, tan musilimaa ti; waan Oromoo jettu tana ofirraa
dhiisuu qabnaa…. qabsoon sabaa kuftee jirtii; ABOn kuftee jirtii…” kan
jedhamu baay’ee diigaa fi yaaddessaa waan ta’eef, dhimma kana itti
deebi’ee, kanarratti yaada koo ibsuun fedha. Hammasitti garuu
dubbistoota barruu kiyyaattif gaafii cimaa tokko dhiyeessuun barbaada.
Innis, “Qabsoon saba Oromoo dhuguma kuftee? ABOnis dhuguma kufee? kan
jedhu dha. Gaafiin kun asitti salphaa haa fakkaatu malee, akka haala
keenya gamaaggamnu kan nu taasisuu dha. Oromoon gaafii kana ofis walis
gaafachuu qaba?
No comments:
Post a Comment